Hariiroo
25 Lakkoofsota20Afaan OromooFakkeenya 31:10
10Haadha manaa mana ishee qabuu dandeessu, eenyutu argachuu danda'a ree” Isheen callee gati-jabeessa hundumaa irra guddaa in caalti;
Lallaba 4:12
12Namni tokko nama kophaa adeemu tokko humna caalee yoo kuffise, warri lama ta'anii adeeman isaan mormuu in danda'u; fo'aan dachaa sadiin walitti fo'ame dafee hin citu.
Efesoona 5:25-26
Maatewos 7:12
12?Waanuma namoonni akka isiniif godhaniif jaallatan, isinis akkasuma isaaniif godhaa; seerrii fi raajonni isuma kana in barsiisu? jedhe.
Qolosaayis 3:18-19
2ffaa Pheexiroos 1:5-7
5Ammas dhama'uu hundumaan dhama'aa! Amantii qabdan gaarummaadhaan argisiisaa, gaarummaa keessaan beekumsa argisiisaa!
6Itti dabaltanii immoo beekumsa keessaan of qabuu, of qabuu keessaan obsaan danda'uu, obsaan danda'uu keessaan nama Waaqayyoo ta'uu keessan argisiisaa!
7Nama Waaqayyoo ta'uu keessaan obboloota jaallachuu, obboloota jaallachuu keessaan nama hundumaa jaallachuu argisiisaa!
Seensa 2:18
18Ergasii Waaqayyo gooftaan,“Namichi kophaa isaa ta'uun gaarii miti; kan akka isaatii kan isa gargaartu, ani isaaf nan tolcha” jedhe.
1ffaa Qorontos 7:2
2Qorama ejjaa ooluudhaaf garuu, dhiirri adduma addaan haadha manaa ofii isaatii haa qabaatu, dubartiinis adduma addaan abbaa manaa ofii isheetii haa qabaattu.
2ffaa Qorontos 6:14
14Warra hin amannee wajjin walitti hin hidhatinaa! Qajeelinnii fi jal'inni maal walitti qabu? Ifnii fi dukkanni tokkummaa maalii qabu ree?
Fakkeenya 27:17
17sibiilli sibiila in qara, namnis nama biratti in qarama.
Fakkeenya 19:14
14Manaa fi badhaadhummaa abboota irraa in dhaalu, haati manaa hubattuun garuu kennaa Waaqayyoo ti.
Galaatiyaa 1:10
10Ani amma namoota moo yookiis Waaqayyoon tole jechisiisuudhaafan dubbadha ree? Yookiis namoota gammachiisuu nan barbaadaa ree? Amma iyyuu utuun namoota gammachiisee, hojjetaa Kristos hin ta'un ture.
Fakkeenya 17:17
17Firoonni yeroo hundumaa wal jaallatu, haadhonnis gaafa xiiqiitiif.
1ffaa Tasalonqee 3:12
12Gooftichi jaalala isin walii fi namoota hundumaafis qabdan dabalee, akka isa nuyi ittiin isin jaallannutti hamma malee haa baay'isu!
Efesoona 5:22-23
Fakkeenya 22:1
1Badhaadhummaa guddaa irra, maqaa gaarii wayya; meetii yookiis warqee irra, faara tolaadhaan ilaalamuu wayya.
1ffaa Ximotewos 5:8
8Namni tokko akkasitti fira isaatiif, caalaadhumatti immoo warra mana isaatiif yoo yaaduu dhabaate, inni amanticha ganuu isaa ti, nama hin amanin caalaas hammaachuu isaa ti.
Lallaba 4:9
9Wanti lama ta'anii itti dadhabanii hojjetan gatii gaarii waan qabuuf, lama ta'uun kophaa ta'uu irra in wayya;
Lallaba 4:10
10inni tokko yoo kufe, hidhanni isaa lafaa isa in kaasa; nama yommuu kufu lafaa isa kaasu hin qabneef garuu wayyoo!
Maatewos 19:19
19Abbaa kee fi haadha keef ulfina kenni; namas akka mataa keetiitti jaalladhu!? isa jedhu? jedheen.