Hafuura
29 Lakkoofsota25Afaan OromooEfesoona 3:16-17
Galaatiyaa 5:22-23
Roomaa 15:13
13Humna hafuura qulqulluutiin abdiitti guddachaa akka adeemtanitti, Waaqayyo inni abdii namaaf kennu, isatti amanuu keessaniin gammachuu fi nagaa hundumaan isin haa guutu!
Yohaannis 4:24
24Waaqayyo hafuura; warri isaaf sagadanis hafuuraa fi dhugaadhaan isaaf sagaduun in ta'aaf? ittiin jedhe.
1ffaa Yohaannis 4:13
13Inni hafuura ofii isaatii irraa waan nuuf kenneef, nuyi isa keessa, innis nu keessa akka jiraatu in hubanna.
2ffaa Ximotewos 1:7
7Waaqayyo hafuura humnaa kan jaalalaa fi kan of qabuu malee, hafuura ija-laafinaa nuuf hin laanne.
Galaatiyaa 5:25
25Nuyi jireenya hafuuraatti yoo jiraanne, hafuura kana duukaa bu'uu keenya.
Roomaa 8:26
26Hafuurichis immoo akkuma kanatti dadhabbii keenyatti nu gargaara; nuyi maal kadhachuun akka nuuf barbaachisu akka ta'utti hin beeknu; hafuurichi garuu aaduu isaatiin karaa namni dubbiidhaan mul'isuu hin dandeenyeen nuuf in kadhata.
Isaayaas 61:1
1Hafuurri Waaqayyo gooftaa ana irra jira, sagalee misraachoo warra gadadamootti akkan himuuf, Waaqayyo na dibeera; warra garaan isaanii cabe akkan fayyisuuf, warra booji'amanitti gad dhiifamuu, warra hidhamanittis hiikamuu akkan labsuuf inni na ergeera;
Roomaa 8:14
14Warri hafuura Waaqayyootiin geggeeffaman hundinuu ilmaan Waaqayyoo ti.
1ffaa Yohaannis 4:1
1Michoota ko! Warra hafuuraan in dubbanna jedhan hunda hin amaninaa, Waaqayyo biraa yoo ta'an hafuurota isaan ittiin dubbatan qoraatii ilaalaa malee, raajonni sobduun baay'een gara biyya lafaatti ba'aniiru.
Hojii Ergamootaa 2:3-4
Efesoona 1:17
17Waaqayyo gooftaa keenyaa Yesus Kristos, abbaan ulfinaa hafuura ogeessota isin godhu, Waaqayyoon beekuus isa isinitti mul'isu, akka isiniif kennuuf nan kadhadha.
Roomaa 8:6
6Yaada ofii fedha fooniitti hidhuun du'a in fida; yaada ofii fedha hafuuraatti hidhuun garuu, jireenya, nagaas in fida.
Luqaas 11:13
13Egaa isin hamoota taatanii utuu jirtanii, ijoollee keessaniif kennaa gaarii kennuu erga beektanii, abbaan keessan inni waaqa irra ammoo, hammam isin caalaa warra isa kadhataniif hafuura qulqulluu kenna!? jedhe.
Roomaa 8:16
16Hafuurri Waaqayyoo hafuura keenyaa wajjin walii galee, ijoollee Waaqayyoo ta'uu keenya dhugaa in ba'a.
Zakaariyaas 4:6
6Yommus ergamichi, ergaa isa Waaqayyo biraa dhufe Zarubaabelitti akka ani dubbadhuuf anatti in hime; ergichis,“Hafuura kootiin malee humnaan miti, aangoodhaanis miti” kan jedhu ture; kana Waaqayyo gooftaa maccaatu dubbate.
Galaatiyaa 5:17
17Fedhi foonii hafuuraan in morma; hafuurris fooniin in morma; isin waanuma jaallattan akka hin gooneef, isaan kun lamaan waliin in mormu.
2ffaa Qorontos 3:18
18Ammas nuyi fuula keenya utuu hin haguuggatin ulfinni gooftichaa nu irraa akka calaqqisu in goona; nuyis ulfinaa gara ulfinaatti darbuudhaan fakkaattii isaa akka taanuuf, akka goofticha isa hafuura sana biraa nuuf dhufetti in diddiiramna.
Roomaa 12:11
11Waa dhimma baasuudhaaf hin dhibaa'inaa! Hafuura gubaa qabaadhaa! Gooftichaafis of irraa bu'aa hojjedhaa!
Roomaa 8:15
15Hafuurichi isin fudhattan hafuura ilmummaatti guddifamuu ti malee, hafuura garbummaa isa sodaa jalatti isin deebisu miti; hafuura kanaanis, ?Abbaa keenya? jennee Waaqayyoon in waammanna.
Seensa 1:1-2
Efesoona 4:3
3Hidhaa nagaatiin tokkummaa hafuura qulqulluu of harkatti eeggachuudhaaf dhama'aa!
Galaatiyaa 5:16
16Ani garuu, ?Hafuuraan geggeeffamaa jiraadhaa malee, fedha foonii hin raawwatinaa!? nan jedha.
Filiphisiyus 1:19
19Kun kadhata keessaniin gargaarsa hafuura Yesus Kristosiinis gara hiikamuutti akka na geessu nan beeka.