2ffaa Yohaannis 1

GAZGAZAfaan Oromoo13 Keeyyattoota2:31 Dhaggeeffadhu
Dhaggeeffadhu 2:31 · Diraamaawaa Biblight keessatti bani

1Ana isa maanguddicha biraa, haa ga'u gara haadha warraa ishee fo'atamtee fi gara ijoollee ishee, warra ani dhugaadhaan jaalladhu; ana kophaa miti, warri dhugaa hubatan hundinuu isin in jaallatu malee.

2Jaalalli kunis, dhugichi inni nu keessatti hafee jiru bara baraan waan nu bira jiraatuuf.

3Ayyaanni, araarri, nagaanis Waaqayyo abbaa biraa, Yesus Kristos ilma abbaa biraas dhugaatti, jaalalattis nuu wajjin haa ta'u.

4Ijoollee kee keessaa kaan, akkuma nuyi abbaa biraa abboomamnetti dhugicha duukaa utuu bu'anii argachuun baay'ee na gammachiise.

5Yaa haadha warraa! Abboommii haaraa siif caafuuf miti, garuu nuyi walii keenya akka jaallannu, abboommii isa durii durii jalqabnee qabna turre sana sin yaadachiisa malee.

6Jaalala jechuun akka abboommii Waaqayyootti jiraachuu dha; akkasitti akka jiraattaniif, abboommiin jalqabaa jalqabdanii dhageessan isa kana.

7Warri nama wallaalchisan, Yesus Kristos fooniin dhufuu isaa amananii warri hin beeksifne, baay'een gara biyya lafaatti ba'aniiru; inni nama wallaalchisu, inni Kristosiin mormus isa akkasiitti.

8Of eeggadhaa! Miindaa guutuu akka argattaniif, kanaa achi inni itti dadhabdan hundinuu isin duraa in bada.

9Namni barsiisa Kristositti qabamuu dhiisee, kana irra darbee barsiisu, Waaqayyoon of biraa hin qabu; inni barsiisichatti qabamee jiraatu immoo, abbaa, ilmas of biraa qaba.

10Namni barsiisa kana hin fudhanne isin barsiisuuf yoo dhufe garuu, mana keessanitti isa hin simatinaa! Nagaa iyyuu isa hin gaafatinaa!

11Namni nagaa isa gaafatu, hojii isaa isa hamaattii hirmaachuu isaa ti.

12Kanan isiniif caafu illee waan baay'ee qaba; garuu gammachuun keenya guutuu akka ta'uuf, qalamiidhaan waraqata irratti isiniif caafuu hin barbaanne. Ani dhufee wal arginee afaaniin isinii wajjin haasa'uu nan abdadha.

13Ijoolleen obboleettii kee ishee fo'atamtee nagaa siif dhaamu.

Ibsa

1:1-3

Amantiin galata gara mul'ata kabajaa fi jaalala dhugaatti jijjiira. Barataan dulloome kabajamaadha; ergamaan dulloome fi hogganaan barattootaa immoo caalaatti kabajamaadha. Xalayaan kun kan barreessameef haadha mana Kiristaanaa kabaja qabeettii fi ijoollee isheetti; Wangeelli namoota akkasii gidduutti ga'uun gaariidha: Namoonni kabaja qabeeyyii tokko tokko waamamaniru. Maatiin jajjabeeffamuu qabu fi akka jaalala isaanii fi dirqama mana isaanii keessatti qajeelfaman. Warri dhugaa fi amala Waaqaa ofii isaaniitti jaalatan warra kaanittis jaalachuu qabu; Kiristaanonni immoo dubartii kana sadarkaa ishee qofaaf osoo hin taane, qulqullina isheettiif jaalataniiru. Amantiin dhugaa bakka jiraatetti, bara baraan ni jiraata.

Qaamolee Waaqummaa Waaqayyoo irraa, ergamaan ayyaana, ayyaana Waaqayyoo fi fedha gaarii, madda wantoota gaggaarii hundaati, kadhata. Dhugumaan ayyaanaadha eebbi hafuuraa kamiyyuu namoota cubbamootaaf akka kennamuuf. Aaraa, dhiifama bilisaa fi araara; warri ayyaanaan dureessa ta'an iyyuu dhiifama yeroo hunda deemu barbaadu. Nagaa, tasgabbii hafuuraa, fi qalbii qulqulluu, Waaqayyoo wajjin araara mirkanaa'e keessatti, akkasumas qananii alaa hunda kan dhugumaan gaariidhaaf ta'e wajjin: wantoonni kun dhugaa fi jaalalaan barbaadamu.

1:4-6 Amantii ijoollummaatti leenji'uun gaariidha; akkasumas ijoolleen sababa maatiisaaniitiif jaallatamoo ta’uu danda’u. Ijoolleen faana maatiisaanii irra deemaa, akkasumas yeroo isaanii gaafa ga'u wangeela deeggaruuf ulaa jiran arguu Ergamaa Waaqayyoof gammachuu guddaa kenneera. Waaqayyo maatii akkasii caalaatti haa eebbisu, akkasumas namoota hedduu fakkeenya isaanii hordofaniif haa kaasu.

Ibsa guutuu dubbisi Sagalee, ibsa guutuu fi dubbisa toora alaa

Hiikkoowwan8 · 6

AMHEVG በእኛ ስለሚኖርና ከእኛ ጋር ለዘላለም ስለሚሆን እውነት፥ እኔ ሽማግሌው በእውነት ለምወዳቸውና እኔ ብቻ ሳልሆን እውነትን የሚያውቁ ሁሉ ደግሞ ለሚወዱአቸው ለተመረጠች እመቤትና ለልጆችዋ፤ አማርኛ ENGNIV The elder, To the chosen lady and her children, whom I love in the truth–and not I only, but also all who know the trut… English BCV ካብ ሽማግሌ፥(ሀ) ናብታ ሕርይቲ እመቤትን፥ ናብቶም ኣነ ብሓቂ ዘፍቅሮም ደቃን፥ ኣነ በይነይ ዘይኮንኩስ፥ ኵላቶም እቶም ነታ ሓቂ ዝፈልጡዋ ዘፍቅርዎም፤ ትግርኛ GAZBIB Ana isa maanguddicha biraa, haa ga'u gara haadha warraa ishee fo'atamtee fi gara ijoollee ishee, warra ani dhugaadhaan … Afaan Oromoo BCV GIZ እምነ ቀሲስ ለኅሪት ወለእግዝእት ወለደቂቃ ለእንተ አነ አፈቅራ በጽድቅ ወበእንተ ዛቲ ጽድቅ አኮ አነ ባሕቲትየ ዘአፈቅራ አላ እለኒ የአምርዋ ለጽድቅ ኵሎሙ። giz BCV aksum ካብ ሽማግሌ፥(ሀ) ናብታ ሕርይቲ እመቤትን፥ ናብቶም ኣነ ብሓቂ ዘፍቅሮም ደቃን፥ ኣነ በይነይ ዘይኮንኩስ፥ ኵላቶም እቶም ነታ ሓቂ ዝፈልጡዋ ዘፍቅርዎም፤ ትግርኛ AMHNIV ሽማግሌው፤ በእውነት ለምወዳት እኔ ብቻ ሳልሆን እውነትን የሚያውቁ ሁሉ ለሚወዷት ለተመረጠችው እመቤትና ለልጆቿ፤ አማርኛ SWAHSUV Mzee, kwa mama mteule na watoto wake niwapendao katika kweli; wala si mimi peke yangu, bali na wote waijuao ile kweli; Kiswahili