Hammeenya
33 Lakkoofsota25Afaan OromooRoomaa 12:21
21Waan gaariidhaan isa hamaa mo'i malee, hamaan si hin mo'in!
Faarfannaa 121:7-8
Efesoona 6:11
11Haxxumaa Seexanaatiin mormuu akka dandeessanitti, mi'a lolaa isa kan Waaqayyoo guutummaatti hidhadhaa!
Roomaa 16:17
17Obboloota ko! Warra barsiisa isin fudhattaniin mormuudhaan yaada namootaa gargar baasanii, amantii irraa kuffisanittii akka of eeggattan isinan gorsa; isaan irraa fagaadhaa!
Efesoona 6:12
12Nuyi namoota foon uffatanii wajjin wal'aansoo wal qabna miti; garuu humnoota aboo qabanii fi gooftummaa qaban, warra bantii waaqaa keessaa biyya lafaa isa dukkana keessa jiru kana seerratan, macca hafuurota hamminaa warra bantii waaqaa keessa jiraatanii wajjin wal'aansoo wal qabna.
Fakkeenya 8:13
13Waaqayyoon sodaachuun wanta hamaa jibbuu dha, ani of bokoksuu fi of gurguddisuu, karaa hamaadhaaf arraba dubbii micciiru nan jibba.
Maarqos 7:20-23
20Yesus itti fufee, ?Isa yaada garaa namaa keessaa ba'utu nama xureessa.
21Yaadni hamaan hundinuu keessa yaada garaa namootaatii in ba'a; isaan immoo, halalummaa, hanna, nama ajjeechaa,
22ejjummaa, sassata, hammina, haxxumaa, gad-dhiisa, weennoo, nama salphisuu, of tuulummaa, dagattummaa.
23Wanti hamaan kun hundinuu keessa yaada garaa namaatii ba'anii xuraa'aa nama in godhu? jedhe.
Roomaa 12:9
9Nama jaallachuun keessan jaalala dhugaa haa ta'u, waan hamaa jibbaa, wanta gaarii ta'etti qabamaa jiraadhaa!
Seensa 50:20
20Isin hamaa ana irratti akeektan, Waaqayyo garuu gaariidhaaf isa yaade; inni lubbuu namoota baay'ee oolchuudhaaf, akka amma ta'e jiru kana godhe.
Efesoona 4:26-27
1ffaa Tasalonqee 5:15
15Yeroo hundumaa walii keessaniif, namoota hundumaafis gaarii gochuu yaadaa malee, namni tokko illee waan hamaadhaaf hamaa akka hin deebifne ilaaladhaa!
1ffaa Tasalonqee 5:21-22
Fakkeenya 3:7-8
Faarfannaa 97:10
10Isin warri Waaqayyoon jaallattan wanta hamaa jibbaa! Inni lubbuu warra isaaf of kennanii in eega, harka jal'ootaas isaan in oolcha.
Fakkeenya 10:12
12Jibbi lola in kaasa, jaalalli garuu, irra-daddarbaan hundinuu deebi'ee akka hin mul'anne in godha;
Yohaannis 17:15
15Isa hamaattii akka isaan eegduuf malee, biyya lafaa keessaa akka isaan baaftuuf si hin kadhadhu.
Isaayaas 1:16
16dhiqadhaa of qulleessaa, hojii keessan isa hamaas ija koo duraa balleessaa, hamaa gochuu dhiisaa!
Zakaariyaas 7:9-10
Yohaannis 1:5
5Ifichi dukkana keessatti in ibsa, dukkanichi immoo isa bira ga'uu hin danda'u.
Faarfannaa 34:14
14Wanta hamaattii fagaadhuu gaariis godhi! Nagaa barbaadii duukaas bu'i!
1ffaa Yohaannis 1:9
9Cubbuu keenya yoo isatti himanne, inni amanamaa fi qajeelaa waan ta'eef, cubbuu keenya nuuf in dhiisa, jal'ina keenya hundumaattiis nu qulleessa.
Yaaqoob 1:21
21Kanaafis xuraa'ummaa, hammina safara dhabes hundumaa of irraa fageessaa! Dubbii lubbuu keessan fayyisuu danda'u, isa kanaaf dhaabame sanas garraamummaadhaan fudhadhaa!
Faarfannaa 119:133
133Ejjennaa koo dubbii keetiin jabeessi, yakki tokko illee humna ana irratti hin godhatin!
2ffaa Ximotewos 4:18
18Gooftaan hamaa ana irratti hojjetamu hundumaa irraa na oolcha; na fayyisee mootummaa isaa isa waaqa irraatti na geessa; isaaf baruma baraan galanni haa ta'u! Ameen.
Maatewos 6:13
13Qoramattis nu hin galchin, hamaa nu oolchi malee; [mootummaan, humni, ulfinnis baruma baraan kan kee ti. Ameen!]? jedhaa!