Gammachuu
21 Lakkoofsota19Afaan OromooFaarfannaa 2:11
11Sodaadhaan Waaqayyoof hojjedhaa! Rom'aanis miilla isaa dhungadhaa!
Faarfannaa 4:7
7Isa warri kaan midhaan isaanii fi daadhii waynii isaanii baay'ee irraa argatan caalaatti, ati gammachuu caalu garaa koof kenniteetta.
Faarfannaa 5:11
11Warri kooluu sitti galan hundinuu garuu haa gammadan, bara baraanis haa ililchan! Ati warra maqaa kee jaallatan waan eegduuf; isaan sitti haa gammadan!
Faarfannaa 9:2
2Ani sitti nan gammada, nan burraaqas; maqaa kees faarfannaadhaan nan jajadha, yaa aabba!
Faarfannaa 13:5
5Ani garuu gaarummaa kee amanadheera, na oolchuu keettis garaa koo guutuudhaan nan gammada.
Faarfannaa 19:8
8Ajaji Waaqayyoo qajeelaa dha, garaa namaa in gammachiisa; abboommiin Waaqayyoo qulqulluu dha, ija namaa in ibsa.
Faarfannaa 20:5
5Yommus mo'icha ati argatte irratti, guddifnee sagalee gammachuu in dhageessifna, maqaa Waaqayyo keenyaatiinis faajii keenya ol fuunee in dhaabbanna! Waaqayyo, himata kee hundumaa siif haa raawwatu!
Faarfannaa 28:7
7Waaqayyo aangoo koo ti, gaachana koo tis, garaan koo isa in amanata; ani gargaarsa argadheera, kanaafis garaan koo in ililcha; faarfannaa kootiinis galata isaaf nan galcha.
Faarfannaa 30:5
5Dheekkamsi isaa hamma liphsuu ijaatti, fuulli isaa inni ifaan garuu bara jireenyaatiif in ta'a; galgala boo'ichi yoo namatti dhufe, ganama immoo ililleen in ta'a.
Faarfannaa 33:21
21Eyyee, garaan keenya isatti in gammada, maqaa isaa isa qulqulluus in amananna.
Faarfannaa 71:23
23Yeroo ani faarfannaadhaan si jajadhu, afaan koo, lubbuun koo isheen ati furtes, sagalee gammachuu haa dhageessisan!
Faarfannaa 89:16
16Isaan guyyaa hundumaa maqaa keetti gammaduu isaanii in dhageessisu, qajeelummaa keetiin ol in kaafamu.
Faarfannaa 97:12
12qajeelota nana, Waaqayyotti gammadaa, seenaa qulqullina isaatiifis galata isaaf galchaa!
Faarfannaa 100:1-2
Faarfannaa 119:14
14Akkuma ani sooruma hundumaatti gammadu, wanta abboommiin kee dhugaa ba'u duukaa bu'uutti nan gammada.
Faarfannaa 126:5-6
Maatewos 25:21
21Gooftaan isaa immoo, ?Ba'eessa goote, hojjetaa gaarii dhaa fi amanamaa nana, ati waan xinnoo irratti amanamte, ani immoo waan guddaa irra sin dhaaba; gammachuu gooftaan kee itti jiraatutti gali!? jedheen.
Luqaas 1:47
47hafuurri koos Waaqayyo fayyisaa kootti in ililcha.
Luqaas 6:23
23Abaabiliin isaaniis raajota akkasuma gochaa turan; egaa, yeroo sanatti gammadaa, quruphisaas, waaqa irratti gatiin keessan guddaa in ta'a.