1Sabni biyya lafaa maaliif raafaman” Namoonnis maaliif akkasumaan itti koratan”
2Waaqayyoon, isa inni dibee moosiseenis mormuudhaaf, mootonni lafa irraa in ka'u, warri biyya seerratanis walii wajjin taa'anii in mari'atu.
3Isaan,“Kottaa hidhaa isaanii of irraa in cabsinaa! Funyoo isaaniis of irraa in darbannaa!” in jedhu.
4Inni bantiiwwan waaqaa gara irraa taa'u itti in kolfa, gooftichi isaanitti in ga'isa.
5Kana booddee gooftichi aarii isaatiin isaanitti in dubbata, dheekkamsa isaatiinis isaan in naasisa;
6itti fufees,“Ani mootii isa kan kootii immoo Xiyoon tulluu koo isa qulqulluu irra teessiseera” in jedha.
7Ani mootichi seerrata Waaqayyoo himuufan jira, inni anaan,“Ati ilma koo ti, ani har'an si dhalche;
8ana kadhadhu, anis saba hundumaa kan kee akka godhattuuf, laftis hamma andaara isaatti qabeenya kee akka ta'uuf siif nan kenna;
9ati ulee sibiilaatiin isaan in cabsita, akka qodaa suphees isaan in hurreessita” jedhe.
10Kanaaf isin mootota nana qalbii godhadhaa! Isin warri biyya lafaa seerratanis gorfamaa!
11Sodaadhaan Waaqayyoof hojjedhaa! Rom'aanis miilla isaa dhungadhaa!
12Kanaa achi inni in dheekkama, isinis karaa kanatti baduu keessan; dheekkamsi isaa dafee in boba'ao! Warri isatti kooluu galan haa gammadan!