Maatewos 18

GAZGAZAfaan Oromoo35 Keeyyattoota6:49 Dhaggeeffadhu
Dhaggeeffadhu 6:49 · Diraamaawaa Biblight keessatti bani

1Yeroo sanatti bartoonni Yesusitti dhi'aatanii, ?Mootummaa waaqaa keessatti hundumaa irra kan caalu eenyu?? jedhaniin.

2Yommus inni mucaa tokko gara isaatti waamee isaan gidduu dhaabachiisee,

3?Ani dhuguman isinitti hima, deebitanii akka mucoolii yoo ta'uu dhabaattan, mootummaa waaqaatti matumaa hin galtan.

4Eenyu illee akka mucaa kanaatti yoo gad of deebise, mootummaa waaqaatti hundumaa irra kan caalu isa.

5Eenyu illees mucaa akkasii tokko maqaa kootiin kan simu ana sima? jedhe.

6Yesus itti fufee, ?Eenyu illee warra xixinnaa anatti amanan kana keessaa tokko gufachiisuu irra, dhagaan daakuu guddaan morma isaatti hidhamee tuujjuba galaanaa keessatti liqimsiifamuu isaaf wayya ture.

7Gufannaan waan dhufuuf biyya lafaatiif wayyoo! Gufannaan dhufuun irra jira'o; garuu nama gufannaan karaa isaa dhufu sanaaf wayyoo!

8?Harki kee yookiis miilli kee yoo si gufachiise, of irraa murii gati; harka lama yookiis miilla lama qabaattee ibidda bara baraatti darbatamuu kee mannaa, bu'aan dhagna keetii hir'uu ta'ee, yookiis hokkolaa taatee jireenyatti galuu siif wayya.

9Iji kee yoo si gufachiise, of keessaa baasii gati; ija lachuu qabaattee qilillee ibiddaatti darbatamuu kee mannaa, ija tokko qabaattee jireenyatti galuu siif wayya? jedhe.

10Yesus, ?Isaan xixinnayyoo kana keessaa tokko illee akka hin tuffanne ilaaladhaa! Ani isinittan hima, waaqa irraa ergamoonni warri isaan eeguudhaaf kennaman guyyaa hundumaa fuula abbaa koo isa waaqa irraa duratti in argamu'o. [

11Ilmi namaas isa bade oolchuuf dhufe.]

12?Namni tokko hoolota dhibba qabaatee tokko keessaa yoo bade, sagaltamii salganuu gaarota irratti dhiisee isa bade sana barbaacha hin dhaquu ree? Maal isinitti fakkaata?

13Ani dhuguman isinitti hima, yoo argate sagaltamii salgan warra takkaa karaa irraa hin badin caalaatti, isatti in gammada.

14Akkasumas isaan xixinnayyoo kana keessaa tokko illee baduun jaalala abbaa keessan isa waaqa irraa miti? jedhe.

15Yesus itti fufee, ?Obboleessi kee yoo si yakke, dhaqii lafa isin lamaan kophaa jirtanitti balleessaa isaa itti himi! Inni yoo si dhaga'e obboleessa kee deebifatteetta.

16Inni yoo si dhaga'uu dhabaate garuu, dubbiin hundinuu amansiisa dhuga-baatota lamaa yookiis sadiitiin dhaabataa akka ta'utti, nama kan biraa tokko yookiis lama ofii wajjin fudhadhuu dhaqi.

17Isaanis yoo dhaga'uu dide waldaatti himi; waldaa iyyuu yoo dhaga'uu dide immoo, si biratti akka nama hin amaniniif, akka qaraxxuu hin amanamnetti haa lakkaa'amu.

18?Ani dhuguman isiniin jedha; waanumti isin lafa irratti hiitan, waaqa irrattis hidhamaa in ta'a; waanumti isin lafa irratti hiiktan immoo, waaqa irrattis hiikamaa in ta'a.

19?Ammas isiniin nan jedha; isin keessaa namoonni lama biyya lafaa kana irratti waa'ee waan tokkotti walii galanii yoo kadhatan, abbaa koo isa waaqa irraa biraa wanti isaan kadhatan in kennamaaf.

20Iddoo namoonni lama yookiis sadii maqaa kootiin walitti qabamanitti, ani achitti isaan gidduutti nan argama? jedhe.

21Ergasii Phexros gara Yesusitti dhi'aatee, ?Gooftaa, obboleessi koo si'a meeqa yoo na yakke dhiisuuf? Hamma si'a torbaattii?? jedheen.

22Yesus deebisee, ?Ani hamma si'a torbaatamii torbaatti malee, hamma si'a torbaatti siin hin jedhu? jedheen.

23Yesus itti fufee, ?Akkasumas mootummaan waaqaa mootii hojjetoota isaa irraa gatii lakkaa'achuuf murtoo godhetti in fakkeeffama.

24Yommuu inni lakkaa'achuu jalqabetti immoo, nama inni meetii millionii baay'ee irraa qabu tokko itti fidan.

25Namichi waan baasu dhabnaan garuu, gooftaan isaa gatichi haa baafamuuf, inni, haati manaa isaa, ijoolleen isaa, wanti inni qabu hundinuus akka gurguraman abboome.

26Hojjetaan sun immoo miilla gooftaa isaa jalatti lafa dha'ee, ?Gatii kee hundumaa siifan baasaatii anaaf obsi? jedhee cimsee kadhate.

27Kana irratti gooftaan isaa hojjetaa isaa sanaaf garaa laafee isa gad dhiise; gatii isa irraa qabus in dhiiseef.

28?Hojjetaan sun garuu akkuma gad ba'een, hojjetaadhuma akka isaatii kan gatii akka birrii dhibba tokkoo irraa qabutti ba'ee, morma isaa hudhee qabee, ?Gatiin si irraa qabu anaaf baasi!? jedhe.

29Hojjetichi akka isaatii sun immoo miilla isaa jalatti kufee, ?Anaaf obsi, gatii kees siifan baasa? jedhee kadhate.

30Abbaan gatii garuu in dide; hamma namichi gatii isaa baasuufitti, dhaqee mana hidhaatti isa galchisiise.

31Hojjetoonni akka isaatii warri kaan waan ta'e kana yommuu argan baay'ee gaddan; dhaqaniis waan ta'e kana hundumaa gooftaa isaaniitti himan.

32Kana irratti gooftaan isaa hojjetaa isa duraa sana waamsisee, ?Ati hojjetaa hamaa nana! Ani gatii si irra jiru sana hundumaa waan ati ana kadhatteefan siif dhiise.

33Akkuma ani siif oo'e, atis immoo hojjetaa akka keetiitiif oo'uun siif hin ta'u turee ree?? jedheen.

34Akkasitti gooftaan isaa dheekkamee, hamma inni gatii isa irra jiru hundumaa baasutti, dabarsee warra isa dhiphisanitti kenne.

35?Isinis tokkon tokkon keessan garaa keessaniin obboleessa keessaniif yoo dhiisuu dhabaattan, abbaan koo inni waaqa irraa akkas isin in godha? jedhe.

Ibsa

18:1-6 Kiristoos waa'ee dhiphina Isaa jechoota baay'ee dubbateera, garuu waa'ee ulfina Isaa tokko qofa dubbate; haa ta'u malee, barattoonni sana qofarratti xiyyeeffatan, kanneen biroo immoo dhiisanii darban. Baay'een namootaa mirgootaa fi ulfina dhaga'uu fi dubbachuu jaallatu, warri waa'ee hojii fi rakkinaa yaaduu dhiisuu fedhan. Gooftaan keenya daa'ima xinnoo tokko isaan dura dhaabe, kabajaanis yoo jijjiiramanii daa'imman xinnoodhaaf fakkaatan malee, Mootummaa Isaa seenuu akka hin dandeenye isaanitti mirkaneesse. Daa'imman, yeroo baay'ee xinnoo ta'anitti, aangoo hin hawwan, garaagarummaa alaa hin ilaalan, hammina irraa bilisa, barsiisamoo dha, akkasumas fedhaadhaan maatii isaaniitti hirkatu. Dhugaa dha, isaan yeroo gabaabaatti amala biroo agarsiisuu eegalu, yaadonni biroonis yeroo daa'imummaa isaaniitti isaan barsiifamu; garuu kun mallattoo daa'imummaa dha, akkasumas mallattoo sirrii sammuu gad of qabaa Kiristaanota dhugaa isaan taasisa. Dhugumatti, guyyaa guyyaadhaan hafuura sammuu keenya keessatti haareffamuu qabna, akka daa'imman xinnoodhaaf fakkaanne, salphaa fi gad of qabaa taanuuf, akkasumas hundumaa caalaa isa xiqqaadhaaf ta'uu fedhan. Guyyaa guyyaadhaan mata duree kana haa qorannu, akkasumas hafuura keenya ofii haa qorru.

18:7-14

Seexanni ogummaa hammaa fi hammina waan qabuuf, akkasumas laafinaa fi jallina garaa namaa ilaaluun, guuyoonni (gufuuwwan) jiraachuun isaa waan hin oolamne. Waaqayyo kaayyoo ogummaa fi qulqulluu ta’eef isaan eeyyama; warri qalbii dhugaa qaban akkasumas warri hin qabne akka mul’atanitti. Gowwoomsittoonni, qorattoonni, ari'attoonni fi fakkeenya hamaan jiraachuun isaa dursee waan nutti himameef, of haa eeggannu. Hanga haala seera qabeessa ta’een danda'ametti, waan cubbuudhaan nu hidhu jalaa ba'uu qabna. Sababiiwwan cubbuu gara alaa irraa fagaachuu qabna. Yoo akka fooniitti jiraanne, ni duuna. Yoo Hafuuraan gochawwan foonii ajjeesne, ni jiraanna. Kiristoos lubbuu fayyisuuf gara addunyaa dhufe; akkasumas warra gara samii fuula isaanii qajeelchan gufachiisanitti akka malee ni itti murteessa. Nuti immoo warra Ilmi Waaqayyoo barbaaduufi fayyisuuf dhufeef dantaa dhabuu keenyaa? Abbaan ijoollee isaa hundumaa ni kunuunsa, garuu hundumaa caalaa warra xixiqqoo quuqama guddaan kunuunsa.

Ibsa guutuu dubbisi Sagalee, ibsa guutuu fi dubbisa toora alaa

Hiikkoowwan8 · 6