Fayyisaa

26 Lakkoofsota18Afaan Oromoo

Maarqos 9:23

23Yommus Yesus, ?Yoo dandeesse jettee? Nama amanuuf wanti hundinuu in danda'ama? jedheen.

Luqaas 8:50

50Yesus garuu kana dhaga'ee Yaayirosiin, ?Hin sodaatin, amani duwwaa! Isheenis in fayyiti? jedheen.

Faarfannaa 147:3

3Inni warra garaan isaanii cabee in fayyisa, madaa isaaniis walitti qabee in hidhaaf.

Maarqos 10:52

52Yesus immoo, ?Karaa kee dhaqi, amantiin kee si fayyiseera!? jedhe. Achumaanis agartuun isaa deebi'eefii, karaattis isa duukaa bu'e.

Yaaqoob 5:16

16Yoos dhukkubattii akka fayyifamtanitti cubbuu keessan walitti himadhaa, waliifis kadhadhaa! Kadhannaan nama qajeelaa waan baay'ee hojjechuu in danda'a.

Yaaqoob 5:14-15

14Isin keessaa namni dhukkubsate jiraa? Inni jaarsolii waldaa kristiiyaanaa haa waamsifatu; isaan immoo maqaa gooftaatiin dibata dibanii kadhata haa godhaniif.

15Kadhanni amantiidhaan godhamu kun, isa dhukkubsataa in fayyisa; gooftaan isa in kaasa, cubbuu hojjeteera yoo ta'es in dhiisaaf.

Fakkeenya 17:22

22Garaan gammadu fayyina namaaf kenna, yaadni cabaan garuu lafee gogsa.

Maatewos 10:8

8Warra dhukkubsatoo fayyisaa, warra du'an kaasaa, warra lamxaa'an qulleessaa, hafuurota hamoota baasaa; gatii utuu itti hin baasin fudhattan, isinis gatii utuu itti hin baasisin kennaa!

2ffaa Seenaa Baraa 7:14

14“Sabni koo warri dhuunfaa koo ta'an kun gad of deebisanii ana barbaaddatanii, karaa isaanii isa hamaa irraa deebi'anii, yoo na kadhatan, ani waaqa irraa isaaniif nan dhaga'a, cubbuu isaanii isaaniif nan dhiisa, biyya isaaniis nan fayyisa.

Malaakii 4:2

2Isin warra maqaa koo sodaattaniif garuu aduun qajeelummaa inni qarri isaa fayyina of keessaa qabu isiniif in ba'a; akka jabbii goorana keessaa ba'ees gad baatanii in burraaqxu;

1ffaa Pheexiroos 2:24

24Nuyi cubbuu jalaa duunee qajeelinaaf akka jiraannuuf, inni ofii isaatii cubbuu keenya dhagna isaatiin baatee fannootti ol ba'e; madaa'uu isaatiin isin in fayyifamtan.

Isaayaas 53:5

5Inni garuu balleessaa keenyaaf in waraaname, sababii yakka keenyaafis reebamee in caccabsame; nuyi nagaa akka argannuuf inni in adabame, madaa'uu isaatiinis fayyinni nuuf in argame;

2ffaa Mootota 20:5

5“Deebi'iitii Hisqiyaas geggeessituu saba kootiitiin,“Waaqayyo gooftaan inni kan abbaa keetii Daawit akkana jedha:- Ani kadhata kee dhaga'eera, imimmaan kees argeera; kunoo, ani sin fayyisa, gaafa guyyaa sadaffaas gara mana qulqullummaatti ol in baata;

Luqaas 13:10-17

10Yesus guyyaa Sanbataatti mana sagadaa tokkotti in barsiisa ture.

11Kunoos dubartiin hafuura hamaadhaan qabamtee, waggaa kudha saddeet dhukkubsate tokko achi turte; isheen goophoftee ol qajeeluu hin dandeenye.

12Yesus yommuu ishee arge, ofitti ishee waamee, ?Dubartii nana, dhukkuba keettii hiikamteetta? jedhe.

13Harka isaas ishee irra kaa'e; isheen achumaan ol qajeeltee dhaabatee, Waaqayyoof hooqubaa dhi'eessite.

14Angafni mana sagadichaa garuu, Yesus guyyaa Sanbataatti fayyisuu isaa waan jibbeef, jarreen achi turaniin, ?Guyyoonni ja'a hojii itti hojjechuun kan namaaf ta'u jiru; guyyoota sanatti kottaatii fayyifamaa malee, guyyaa Sanbataatti miti? jedhe.

15Kana booddee gooftichi angafichaan, ?Isin of tuultuu nana, isin keessaa guyyaa Sanbataatti sa'a isaa yookiis harree isaa hidhaattii hiikee, bishaanitti kan hin geessine eenyu inni?

16Egaa dubartiin kunis, hafuurri hamaan waggaa kudha saddeet ishee hidhee kan ture, intalli Abrahaam, guyyaa Sanbataatti hiikamuun hin ta'uufii ree?? jedhe.

17Yommuu inni kana dubbate, warri isaan morman hundinuu in yeella'an; namoonni hundinuus waan dinqisiisaa inni hojjete hundumaatti in gammadan.

Luqaas 10:9

9Dhukkubsataa achi keessaa fayyisaa, saba achi jiraniinis, ?Mootummaan Waaqayyoo isinitti dhi'aateera? jedhaa!

Ba'uu 15:26

26“Sagalee ana Waaqayyo gooftaa kee isa sitti dubbatu dhugumaan yoo dhaggeeffatte, wanta ana duratti qajeelaa ta'e yoo goote, abboommii koo yoo dhageesse, seerrata koo hundumaas yoo eegde, dhukkuba ani warra Gibxiitti fide hundumaa keessaa tokko illee sitti hin fidu; ani Waaqayyo fayyisaa kee ti” jedhe.

Maatewos 9:12

12Yesus garuu kana yommuu dhaga'e, ?Namoonni fayyaan ogeessa qorichaa hin barbaadan, dhukkubsatootatu barbaada malee;

Luqaas 4:18

18Inni, ?Hafuurri gooftichaa ana irra jira, sagalee misraachoo warra gadadamootti himuudhaaf na dibeera; warra booji'amanitti akka gad dhiifaman labsuudhaaf; warra jaamaniif agartuu isaanii deebisuudhaaf; warra cunqurfaman luba baasuudhaaf;