Facaasaa

16 Lakkoofsota2Afaan Oromoo

Luqaas 8:4-15

4Namoonni yommus mandara garaa garaatii gara Yesusitti in yaa'u turan. Tuuti gobbuun yeroo walitti qabametti, Yesus fakkeenya kana itti hime;

5?Namichi tokko sanyii facaafachuudhaaf ba'e; utuu facaasuus kaan karaa bukkee bu'anii, achitti namni irra ejjete; simbirroonnis funaananii nyaatan.

6Kaan immoo lafa dhagaa qabu irra bu'an; erga biqilaniis biyyoon isaa jiidha waan hin qabneef gogan.

7Sanyii faca'e keessaa kaan qoraattii keessa bu'an; qoraattichis wajjin biqilee isaan hudhe.

8Kaan garuu biyyoo gaarii keessa bu'an; biqilanii, guddataniis tokkon tokkon isaanii dachaa dhibba ija godhatan? jedhe. Yesus sagalee isaa ol fuudhee, ?Gurra ittiin dhaga'u kan qabu haa dhaggeeffatu!? jedheen.

9Ergasii bartoonni isaa, ?Hiikaan fakkeenya kanaa maali?? jedhanii Yesusin gaafatan.

10Yesus deebisee, ?Dhoksaa mootummaa Waaqayyoo beekuun isiniif kennameera; warra kaaniif garuu, utuma ilaalanii akka hin arginetti, utuma dhaga'anii akka hin hubannetti, fakkeenyaan in kennama? isaaniin jedhe.

11?Hiikaan fakkeenya namicha sanyii facaasuu isa kana; sanyichi dubbii Waaqayyoo ti.

12Karaa bukkeen, fakkeenya warra dubbii Waaqayyoo dhaga'anii, yommusumas Seexanni dhufee akka isaan amananii ittiin hin fayyineef, dubbicha garaa isaanii keessaa butatuu ti.

13Lafti dhagaa, fakkeenya warra dubbicha dhaga'anii gammachuudhaan fudhatanii ti; garuu hidda gad fagoo waan hin qabaanneef, yeroodhaaf in amanu; yommuu qoramni dhufuttis irraa kufu.

14Lafti qoraattii, fakkeenya warra dubbicha dhaga'anii, yaaddoon, soorumnii fi qannoon jireenyaa dacha'anii isaan huunaan, ija utuu hin godhatin hudhaatti hafanii ti.

15Lafti gaariin, fakkeenya warra dubbicha dhaga'anii, garaa gaariidhaa fi abboomamaadhaan fudhatanii, rakkina hundumaa obsanii ija godhatanii ti? jedhe.

Luqaas 8:22-25

22Gaaf tokko Yesus bartoota isaatii wajjin bidiruu yaabbatee, ?Kottaa bishaan ciisaa kana gamatti ceena? isaaniin jedhe; achumaanis bishaanicha irra bu'an.

23Utuu bidiruudhaan ce'aa jiranii, Yesus achuma keessa rafe. Qilleensi jabaan immoo gara bishaanichaatti gad bubbisaa dhufe; bidiruu isaaniittis bishaan itti guutuu jalqabnaan, jireenya isaaniitiif sodaatan.

24Yommus bartoonni gara Yesusitti dhi'aatanii, dammaqsanii, ?Barsiisaa, barsiisaa, ka'i nu'oo dhumuuf? jedhan. Achumaan dammaqee, qilleensichaa fi dha'aa bishaanichaa, isa hunkuramaa ture sana, ifate; qilleensichii fi dha'aan bishaanichaa dhaabannaan, gabiin guddaan isaa ta'e.

25Kana booddee inni bartoota isaatiin, ?Meerree amantiin keessan?? jedhe; isaan garuu naasuudhaaf dinqifachuudhaan, ?Namni kun eenyu? Innoo qilleensaa fi bishaan in abbooma; isaanis isaaf in abboomamu? waliin jedhan.