Fayyina
5 Lakkoofsota2Afaan OromooFaarfannaa 20:5-7
5Yommus mo'icha ati argatte irratti, guddifnee sagalee gammachuu in dhageessifna, maqaa Waaqayyo keenyaatiinis faajii keenya ol fuunee in dhaabbanna! Waaqayyo, himata kee hundumaa siif haa raawwatu!
6Amma Waaqayyo mootii isa ofii dibee moosiseef mo'icha akka kennu ani beeka; inni bantii waaqaa isa qulqulluu kan isaatii keessaa deebii in deebisaaf; hojii aangoo harka isaa mirgaatiin hojjetu sanaanis mo'icha in kennaaf.
7Kaan konkolaataadhaan, kaan immoo fardeeniin of jaju; nuyi garuu maqaa Waaqayyoo gooftaa keenyaan of in jajanna.
1ffaa Pheexiroos 1:8-9
8Isin isa mul'achuuf jiru sana hin argine yoo ta'e iyyuu, isa in jaallattu; amma yoo isa arguu dhabaattan iyyuu, isatti in amantu akkasumas gammachuu akkas jedhamee hin dubbatamneef, gammachuu ulfina guddaa qabuun in gammaddu.
9Fayyina lubbuu keessanii, isa amantiin keessan bira ga'uudhaaf akeekkachaa jiru argachuuttis in gammaddu.