1Waaqayyo gooftaan maccaa,“Kunoo, guyyaan akka iddoo ibiddaa gubu in dhufa; yommus warri koortuunii fi warri hamaa hojjetan hundinuu akka cidii in ta'u; guyyaan dhufu sun isaan in guba; hidda yookiis damee isaaniif hin hambisu.
2Isin warra maqaa koo sodaattaniif garuu aduun qajeelummaa inni qarri isaa fayyina of keessaa qabu isiniif in ba'a; akka jabbii goorana keessaa ba'ees gad baatanii in burraaqxu;
3isin yommus warra hamoota in dhidhiittu; isaanis guyyaa ani waan kana godhutti koomee keessan jalatti daaraa in ta'u; kana ana Waaqayyo gooftaa maccaatu dubbate.
4“Barsiisa garbicha koo Musee, seerrataa fi wanta ana Waaqayyo duratti qajeelaa ta'e, isa ani tulluu Horeeb irratti guutummaa Israa'eliif isatti kenne yaadadhaa!
5Kunoo, guyyaan koo inni guddaanii fi inni sodaachisaan sun utuu hin dhufin dura ani Eliyaas raajicha isiniif nan erga.
6Ani dhufee, lafa abaarsaan rukutee akkan hin balleessinetti, inni garaa abbootaa gara ijoollee isaaniitti, garaa ijoollees gara abboota isaaniitti in deebisa” jedha.