Fariisii fi nama gibira walitti qabuu
6 LakkoofsotaAfaan OromooLuqaas 18:9-14
9Yesus namoota warra ofii qajeelummaatti jiraanna jedhanii, of amanatanii, warra kaan hundumaa immoo tuffatanitti, fakkeenya kana dubbate.
10?Jarreen lama kadhachuudhaaf mana qulqullummaatti ol galan; isaan Fariisicha tokkoo fi, namicha qaraxa fuudhu tokko turan.
11Fariisichi fuula dura dhaabatee garaa isaa keessatti, ?Yaa Waaqayyo, akka namoota warra kaanii, warra saamtuu, jal'oota, ejjitoota yookiis akka qaraxxuu kanaa iyyuu waanan hin ta'iniif sin galateeffadha.
12Torban keessaa guyyaa lama nan sooma; waanan argadhu hundumaa keessaas kudhan keessaa tokko nan baasa? jedhee kadhate.
13Inni qaraxa fuudhu sun garuu, achi fagaatee dhaabatee, ija isaan illee gara waaqaatti ol hin ilaalle; qoma isaa rukutachaa, ?Yaa Waaqayyo, ana nama cubbamaatti araarami!? in jedha ture malee.
14Egaa isa Fariisicha sana irra namichi qaraxa fuudhu kun Waaqayyo duratti qajeelaa ta'ee, gara mana isaatti akka deebi'e, isinittan hima; kan ol of qabu hundinuu gad in deebifama, kan gad of deebisu immoo ol in qabama? jedhe.