Faayinaansii

11 Lakkoofsota11Afaan Oromoo

Keessa Deebii 15:11

11Namni deegaan biyya kee keessaa waan hin dhabamneef, obboleessa kee isa dhabaa fi deegaa biyya kee keessa jiruuf harka kee akka diriirsituuf sin abbooma.

Keessa Deebii 16:17

17Akka eebba Waaqayyo gooftaan kee siif kennetti, namni adduma addaan hamma danda'u haa kennu!

Faarfannaa 41:1

1Namni isa dadhabaadhaaf yaadu haa gammadu! Waaqayyo guyyaa hamaatti isa in oolcha;

Fakkeenya 3:9

9Qabeenya keetiin, ija midhaan keetii hundumaa keessaa isa duraatiinis, Waaqayyoof ulfina kenni!

Fakkeenya 13:7

7Namni sooressa of fakkeessu jira, kana keessaa immoo homaa hin qabu; namni hiyyeessa of fakkeessu jira, kana keessaa immoo badhaadhaa dha.

Fakkeenya 14:21

21namni nama tuffatu cubbamaa dha, namni hiyyeessaaf garaa laafu garuu haa gammadu!

Fakkeenya 19:17

17Namni hiyyeessaaf garaa laafuu akka waan Waaqayyoof liqeessuu ti; Waaqayyos gatii isaa isaaf in deebisa;

Fakkeenya 21:26

26Inni ittuu caalchisee argachuuf guyyaa guutuu in kajeela, namni qajeelaan immoo harka keessa utuu hin qabatin in kennaaf.

Fakkeenya 22:9

9Sababii buddeena isaa irraa isa dhabaadhaan ga'uuf, namni arjaan eebbifamaa in ta'a.

Fakkeenya 28:27

27Nama hiyyeessaaf kennuutti homtuu hin hir'atu, namni achi ilaale hiyyeessa bira darbu garuu, guddaa in abaarama.

Fakkeenya 31:20

20Isheen hiyyeessaaf in arjoomti, dhabaadhaafis garaa in laafti;