Fayyisaa
21 Lakkoofsota16Afaan Oromoo1ffaa Yohaannis 4:10
10Nuyi Waaqayyoon hin jaallanne; inni garuu nu jaallate, ilma isaas cubbuu keenyaaf furee haa ta'uuf nuuf erge. Jaalala jechuun isa kana.
Iyoob 19:25
25Furiin koo jiraataa akka ta'e, guyyaa booddeettis lafa irratti dhugaa baasuudhaaf akka inni ka'u ani beeka.
1ffaa Yohaannis 2:2
2Inni furee cubbuu keenyaa ti, cubbuu keenya duwwaafis miti cubbuu guutummaa biyya lafaatiifis malee.
Luqaas 2:11
11Har'a mandara Daawititti fayyisaan isiniif dhalateera; inni immoo Kristos goofticha.
Galaatiyaa 2:20
20Egaa si'achi Kristos isa ana keessaatu jiraata malee, anatu jiraata miti; jireenya ani amma fooniin jiraadhu immoo, ilma Waaqayyoo isa na jaallate, ofii isaas dabarsee isa anaaf kennetti amanuudhaan nan jiraadha.
Filiphisiyus 2:6-8
6Inni bifa waaqayyummaatiin utuma jiruu, ulfina waaqayyummaa isa abbaa isaa wajjin wal isa qixxeessu wanta qabatanii itti hafanitti hin lakkoofne.
7Inni ulfina sana gad dhiisee, akka waan, waan tokkotti hin galle of godhe; bifa garbummaa in fudhate; fakkaattii namummaatiin in dhalate, waan hundumaanis nama ta'ee argame.
8Inni gad of deebisee, hamma du'aatti, hamma fannifamee du'utti iyyuu abboomamaa ta'e.
Ibraa'oota 7:25
25Kana irraa kan ka'es, inni yeroo hundumaa isaaniif kadhachuudhaaf waan jiraatuuf, warra karaa isaa gara Waaqayyootti dhi'aatan hamma dhumaatti fayyisuu in danda'a.
Roomaa 3:23-24
Ibraa'oota 12:2
2Yesus isa amantii keenya jalqabee fiixaan baasu sanattii ija hin buqqifannu. Inni gammachuu fuula isaa dura jiru sanaaf jedhee, fannoo irratti du'uu isaatiif yeelloo isa irra ga'e homaatti utuu hin lakkaa'in, obsaan fannoo irratti du'uu in danda'e; ergasiis gara mirga teessoo Waaqayyoo taa'e.
Efesoona 1:7
7Akka badhaadhummaa ayyaana isaattis Kristos dhiiga isaa nuuf dhangalaasuu isaatiin furamuu, dhiifamuu cubbuus qabna.
1ffaa Pheexiroos 1:18-19
18Akka jireenya keessanii isa abboota keessan irraa isinitti darbee, isa waa'ee hin baafne sana jalaa, wanta badu waan akka meettii yookiis warqeetiin akka hin furamin, isin iyyuu in beektu.
19Garuu Kristos dhiiga isaa isa gati-jabeessaan, isin fureera; inni akka hoolaa mudaa yookiis xurii hin qabnee ti.
Roomaa 5:10
10Nuyi amma illee diinota utuma jirruu, du'a ilma isaatiin Waaqayyotti erga araaramnee, amma immoo nuyi warri isatti araaramne jireenya isaatiin hammam caalaatti ooluuf jirra!
Maatewos 28:5-6
Hoose'aa 13:4
4Waaqayyo,“Ani Waaqayyo gooftaa kee isa biyya Gibxiitii si baasee dha; ati ana malee Waaqayyo kan biraa hin beektu, ana irraa kan hafes fayyisaan kan biraa hin jiru.
Ibraa'oota 9:15
15Kanaafis gidduu galee kakuu haaraa Waaqayyoo fi namoota gidduu kan dhaabu isa; irra-daddarbaa kakuu isa duraa jalatti hojjetan irraa duuni isaan furu erga argamee, kakuun haaraan sun, warri bara baraan itti darbanii fudhachuudhaaf waamaman abdii sana akka argataniif in barbaadama.
Ibraa'oota 5:9
9Inni isa waan hundumaa fiixaan baase ta'ee erga argamee immoo, warra isaaf abboomaman hundumaaf sababii fayyina bara baraa ta'e.