Falmii waa’ee dhaqna qabaa
20 LakkoofsotaAfaan OromooHojii Ergamootaa 15:1-20
1Jarreen kutaa biyya Yihudaatii, Anxokiyaa biyya Sooriyaatti gad bu'an tokko immoo, ?Akka seerri Musee ajajutti yoo dhagna qabachuu dhabaattan, fayyuu hin dandeessan? jedhanii kristiiyaanota barsiisuutti ka'an.
2Kana irratti Phaawulosii fi Baarnaabaas jarreen sanaa wajjin wal didanii waliin morkatan. Kanaafis waldaan, morkii kana ergamootaa fi jaarsolii achi jiran biraan ga'uudhaaf, Phaawulosii fi Baarnaabaas, amantoota keessaas namoonni tokko, Yerusaalemitti akka ol ba'aniif murtoo goote.
3Waldaan kristiiyaanaas isaan geggeessitee karaa irra isaan buufte. Isaan immoo, warri saba Waaqayyoo hin ta'in gara Waaqayyootti deebi'uu isaanii odeessaa, Finiiqeedhaa fi Samaariyaa keessa darban; oduu kanaanis amantoota achi jiran baay'ee gammachiisan.
4Yerusaalemitti yommuu galan, waldaa kristiiyaanaatii fi ergamootaan, jaarsoliidhaanis in simataman; warri ergaman kun Waaqayyo inni isaanii wajjin ture kan hojjete hundumaa itti himan.
5Garee warra Fariisotaa keessaa amantoota kan ta'an tokko ka'anii, ?Dhagna qabachuudhaaf seera Museen kenne eeguu isaan barsiisuu in barbaachisa? jedhan.
6Kanaaf ergamoonnii fi jaarsoliin dubbii kana ilaaluudhaaf walitti qabaman.
7Yeroo dheeraa erga irratti dudubbatanii booddee, Phexros isaanitti dubbachuudhaaf ka'ee, ?Obboloota ko, Waaqayyo warri saba isaa hin ta'in dubbii wangeelaa afaan koo irraa dhaga'anii haa amananiif, kanaan dura isin keessaa akka na fo'e, ba'eessa gootanii in beektu.
8Waaqayyo inni garaa namaa beeku, hafuura qulqulluu nuufis immoo akkuma kenne, isaaniif kennuu isaatiin, isaan simachuu isaa mul'iseera.
9Inni amantiidhaan garaa isaanii qulleesse malee, nuu fi isaan gidduutti garaagarummaa hin argisiifne.
10Amma'oo ba'aa abboonni keenya, nuyis baachuu hin dandeenye, gatiitii amantootaa irra kaa'uudhaan maaliif Waaqayyoon qortu?
11Nuyi garuu ayyaana gooftaa keenyaa Yesusiin fayyuu keenya in amananna; isaan immoo akkuma kanatti in fayyu? jedheen.
12Kana irratti namoonni hundinuus calluma jedhanii Baarnaabaasii fi Phaawulosin dhaggeeffatan; isaan lamaanis dinqiidhaa fi milikkita garaa garaa, Waaqayyo harka isaaniitiin saba Waaqayyoo warra hin ta'in keessatti hojjete, itti odeessan.
13Isaan dubbii isaanii afaanii yommuu fixan Yaaqoob ka'ee, ?Obboloota ko, na dhaggeeffadhaa!
14Simoon, Waaqayyo attamitti dura warra saba isaa hin ta'in keessaa, saba ofii isaatii godhachuudhaaf akka dhimme, nutti himeera.
15Dubbiin raajotaas akka caafamee jirutti, kanaa wajjin wal fudhata;
16?Isa kana booddee nan deebi'a, mana Daawit isa jiges deebisee nan ijaara, isa diigames haaressee nan dhaaba, nan qajeelchas,
17namoonni hafanis goofticha akka barbaadan, sabni biyya lafaa irraa maqaa kootiin waamaman hundinuus; gooftaan inni kana godhu akkas jedha?
18kunis durii durii jalqabee beekamaa dha.
19?Kanaafis akkan yaadutti yoo ta'e, warri saba isaa hin ta'in gara Waaqayyootti yommuu deebi'an, isaan rakkisuun nuuf hin ta'u.
20Garuu qalma isa xuraa'aa waaqayyo tolfamaadhaaf aarsaa dhi'aate irraa akka afaaniin hin qabne, halalummaa irraa akka of eeggatan, foon horii hudhamee du'e irraa akka hin nyaanne, dhiigas akka hin nyaanne akka hin dhugnes, isaaniif caafuun nuuf in ta'a.