Faarfannaa
11 Lakkoofsota8Afaan OromooBa'uu 15:1
1Yommus Museen, Israa'eloonnis, Waaqayyoon jajatanii in faarfatan; “Waaqayyo mo'uu isaatiin guddaa ol jedhaa dha! Kanaaf ani isa nan faarfadha; inni fardeen, abboota fardeeniis galaana keessa buuseera.
Ezraa 3:11
11Isaan yommus faarfannaadhaan, “Waaqayyo gaarii dha, gaarummaan isaas Israa'eliif bara baraan jabaatee in dhaabata” jedhanii Waaqayyoon jajatanii in galateeffatan. Sababii manni qulqullummaa ijaaramuudhaaf hundeen isaa kaa'ameef, sabni guutummaatti in gammade, sagalee isaas ol fudhatee Waaqayyoon in galateeffate.
Iyoob 38:7
7Yeroo sanatti urjoonni gara barii in faarfatan, warri waaqa irraa “Ilmaan Waaqayyoo” jedhamanis guddisanii sagalee gammachuu in dhageessisan.
Faarfannaa 106:12
12Kana irratti warri kan isaatii dubbii isaa in amanan, jajuu isaas in faarfatan.
Isaayaas 26:1
1Yeroo sanatti faarfannaan kanatti fufee jiru biyya Yihudaa keessatti in faarfatama, “Nuyi mandara jabduu qabna, Waaqayyo nu oolchuudhaaf kellaa fi masaraa itti nuuf ijaare;
Maatewos 26:30
30Faarfannaa galataa erga faarfatanii immoo gara gaara ejersaatti ol ba'an.
Hojii Ergamootaa 16:25
25Gara halkan walakkaatti Phaawulosii fi Siilaas Waaqayyoon kadhatanii faarfatan; warri hidhaman immoo isaan in dhaggeeffatu turan.
Efesoona 5:16-19
16Guyyoonni kun guyyoota gadhee waan ta'aniif, yeroo isiniif kenname utuu hin dabarsin itti hojjedhaa!
17Kanaaf jaalalli gooftaa maal akka ta'e hubadhaa malee, wallaalota hin ta'inaa!
18Dhugaatiidhaan machooftanii of hin wallaalinaa, isaanis of hin balleessinaa! Qooda kanaa hafuura qulqulluudhaan guutamaa!
19Qooqa garaa garaatiin, faarfannaa galataatiin, weedduu hafuuraatiinis wal harkaa fuudhaa! Garaa keessan keessatti faarfachaa galata gooftaa dhageessisaa!