Faasikaa

17 Lakkoofsota12Afaan Oromoo

Maatewos 28:5-6

5Ergamaan sun garuu warra dubartootaan, ?Isin Yesusin isa fannifamee ture akka barbaaddan anuu beeka. Hin sodaatinaa!

6Inni as hin jiru, akkuma jedhe ka'eera; kottaa iddoo reeffi isaa kaa'amee ture iyyuu ilaalaa!

Luqaas 24:6-7

6Innoo as hin jiru, ka'eera; Galiilaa utuu jiruu waan inni isinitti himee ture yaadadhaa!

7?Ilmi namaa harka warra cubbamootaatti kennamuuf, fannifamuuf, guyyaa sadaffaattis du'aa ka'uuf jira? jedhe? ittiin jedhan.

Maarqos 16:6

6Inni immoo, ?Naatanii hin dinqifatinaa! Isin Yesus nama Naazireet isa fannifamee ture barbaaddu; innoo ka'eera, as hin jiru, ilaa, iddoo isaan isa ciibsanii turan iyyuu!

Maatewos 27:28-29

28Isaan wayyaa irraa baasanii, uffata bildiimaa itti uffisan.

29Gonfoo qoraattii hojjetanii mataa isaa irra kaa'anii, ulees harka isaa mirgaatiin qabachiisan. Isa durattis jilbeenfatanii, ?Attami ree, yaa mootii Yihudootaa!? jedhanii itti ga'isan.

Yohaannis 19:30

30Yesus daadhii dhangaggaa'aa sana erga afaaniin qabee booddee, ?Fiixaan ba'eera? jedhe; mataa isaas jal'isee hafuura isaa kenne.

Maatewos 21:9

9Tuuti warri dura adeemanii fi warri duukaa bu'an sagalee isaanii ol fudhatanii, ?Hosaa'inaa ilma Daawitiif! Inni maqaa Waaqayyoo gooftaatiin dhufu galateeffamaa dha; hosaa'inaa ol waaqa gubbaatti? jedhan.

Luqaas 23:46

46Yesus yommus sagalee guddaadhaan iyyee, ?Yaa abbaa ko, hafuura koo harka keettan kennadha!? jedhe. Utuu inni kana dubbatuus hafuurri isaa keessaa yaa'e.

Maatewos 20:18-19

18?Kunoo, nuyi gara Yerusaalemitti ol ba'uu keenya, ilmi namaa immoo luboota warra angafootaatti barsiisota seeraattis dabarfamee in kennama. Isaanis yakka du'aa itti in muru;

19akka itti ga'isaniif, akka reebamuuf, akka fannifamuufis saba Waaqayyoo warra hin ta'initti dabarsanii isa in kennu; guyyaa sadaffaatti immoo du'aa in kaafama? isaaniin jedhe.

Maatewos 27:37

37Caaffanni yakka inni ittiin hadheeffame mul'isus, ?Inni kun Yesus mootii Yihudootaa ti? kan jedhu, mataa isaa irraan kaa'amee ture.

Yohaannis 20:8-9

8Kana booddee bartuun inni kaan, inni Phexros dura awwaala bira ga'ee ture, keessa lixee, kana argee amanes.

9Macaafni, ?Inni, warra du'an keessaa ka'uun in ta'aaf? in jedha, isaan garuu kana hamma ammaatti hin beekne.

Zakaariyaas 9:9

9Isin yaa namoota Xiyoon, guddaa gammadaa! Isin yaa namoota Yerusaalem, guddisaatii sagalee gammachuu dhageessisaa! Kunoo! Mootiin keessan inni qajeelaan, inni mo'aan, gad of deebisee, harree yaabii keessaa ilmoo harree irra taa'ee gara keessan in dhufa.

Maarqos 14:36

36?Yaa abbaa koo wanti hundumtuu siif in danda'ama; xoofoo dhiphinaa kana ana irraa fuudhi! Garuu wanti ati jaallatte haa ta'u malee, waan ani jaalladhu miti? jedhe.