Bilisummaa
22 Lakkoofsota19Afaan OromooGalaatiyaa 5:1
1Birmadummaatti akka nuyi jiraannuuf Kristos birmaduu nu baase; kanaaf itti jabaadhaa dhaabadhaa! Deebitaniis waanjoo garbummaa jalatti hin qabaminaa!
Galaatiyaa 5:13
13Obboloota ko, isin birmadummaadhaaf waamamtanoo, jaalalaan waliif ergamaa malee, birmadummaan keessan yaada fooniitiif karaa hin kennin!
2ffaa Qorontos 3:17
17Egaa inni ?Goofticha? jedhame kun, hafuura qulqulluu dha; iddoo hafuurri gooftichaa jiru immoo, birmadummaatu jira.
Yohaannis 8:36
36Ilmichi yoo birmaduu isin baase, egaa isin warra birmaduu baatanii dha.
Isaayaas 61:1
1Hafuurri Waaqayyo gooftaa ana irra jira, sagalee misraachoo warra gadadamootti akkan himuuf, Waaqayyo na dibeera; warra garaan isaanii cabe akkan fayyisuuf, warra booji'amanitti gad dhiifamuu, warra hidhamanittis hiikamuu akkan labsuuf inni na ergeera;
Faarfannaa 34:19
19Wanti hamaan nama qajeelaatti in baay'ata, Waaqayyo garuu kana hundumaa keessaa isa in baasa.
1ffaa Qorontos 6:12
12Namni, ?Anaaf wanti hundinuu dhowwaa hin qabu? jedhu jira; garuu wanti hundinuu immoo isa hin gargaaru; anis, ?Wanti hundinuu dhowwaa hin qabu? nan jedha, garuu waan tokko ana irratti gooftummaa hin godhatu.
Faarfannaa 119:45
45Ani ajaja kee argachuudhaaf waanan barbaaddadheef, iddoo bal'aa keessa nan deddeebi'a.
Yohaannis 8:31-32
1ffaa Pheexiroos 2:16
16Akka warra birmaduu Waaqayyoof garboota ta'aniitti jiraadhaa! Garuu birmadummaan keessan kan ittiin hamaa hojjettanii dhoksitan hin ta'in.
Roomaa 6:15
15Egaa seera jalatti qabamnee kan jiraannu utuu hin ta'in, ayyaana Waaqayyoo jala waan jiraannuuf, cubbuu hojjennuu ree? Kun matumaa hin ta'u.
Roomaa 8:1-2
Hojii Ergamootaa 13:38-39
Roomaa 6:22
22Amma garuu cubbuu jalaa luba baatanii hojjetoota Waaqayyoo taataniittu, kunis qulqullummaadhaaf ija isiniif godhata, gara dhumaattis jireenya bara baraatti in geessa.
Luqaas 4:18
18Inni, ?Hafuurri gooftichaa ana irra jira, sagalee misraachoo warra gadadamootti himuudhaaf na dibeera; warra booji'amanitti akka gad dhiifaman labsuudhaaf; warra jaamaniif agartuu isaanii deebisuudhaaf; warra cunqurfaman luba baasuudhaaf;
Yaaqoob 1:25
25Namni seera birmadummaa isa hir'ina hin qabne keessa lixee ilaalu, isa biraas kan hin deebine, isa dhaga'ee hojii irra kan oolchu malee, kan hin irraanfanne garuu, gocha isaatti gammaduuf jira.
Faarfannaa 68:6
6Waaqayyo warra kophaa jiraataniif maatii in kennaaf, warra hidhamanis gara jireenya gaariitti in baasa; warri mormanii isa irratti ka'an garuu biyya qoqoree keessa in jiraatu.
Faarfannaa 79:9
9Yaa Waaqayyo isa fayyina nuuf laattuu, ulfina maqaa keetiif jedhii nu gargaari, maqaa keetiif jedhii nu oolchi, cubbuu keenyas nuuf dhiisi!
Faarfannaa 97:10
10Isin warri Waaqayyoon jaallattan wanta hamaa jibbaa! Inni lubbuu warra isaaf of kennanii in eega, harka jal'ootaas isaan in oolcha.