Badhaadhina
48 Lakkoofsota19Afaan OromooKeessa Deebii 31:20
20Yeroo ani biyya aannanii fi damma baasutti, isan abboota isaaniif kennuuf kakadhe sanatti isaan galchu, isaan immoo achitti nyaatanii quufanii, gabbataniis gara waaqayyolii biraatti gara galanii isaaniif in hojjetu, ana immoo in tuffatu, kakuu koos in cabsu.
1ffaa Saamu'eel 2:7
7Waaqayyo nama in deegsa, in badhaasas; inni nama gad in deebisa, olis in qaba.
Faarfannaa 37:16
16Qabeenya guddaa jal'oonni baay'een qaban irra, qabeenya xinnaa namni qajeelaan qabu wayya.
Faarfannaa 52:1-7
1Gaarummaan Waaqayyoo guyyaa hundumaa achuma jira; ati immoo yaa nama dira'aa, hamaa hojjechuu keetiin maaliif of jajja ree”
2Yaa isa haxxummaadhaan hojjettuu, itti yaaddee wanta badiisaa in qopheessita; arrabni kee akka qarabaa qaramaa dha.
3Ati wanta gaarii caalaa wanta hamaa, dhugaa dubbachuu caalaas soba in jaallatta.
4Yaa arraba haxxumaa dubbattuu, ati dubbii badiisaa in jaallatta.
5Waaqayyo garuu yeroo hundumaaf gad si cabsuuf jira; godoo kee keessaa butee si baasuuf jira; biyya warra jiraatoo keessaas hundeedhaan si buqqisa.
6Warri qajeelonni kana arganii in sodaatu, namichatti garuu kolfaa in dubbatu,
7“Ilaa namicha isa Waaqayyoon da'oo isaa hin godhanne, qooda kanaa baay'ina sooruma isaa amanatee, badiisa fiduu isaatiinis jabaa of se'e” in jedhu.
Faarfannaa 73:3-22
3Warri jal'oonni nagaatti jiraachuu isaanii yeroon arge, warra of jajan kanatti weenna'een ture.
4Isaan dhiphina hin qaban, dhagni isaanii fayyaa dha, gabbataa dhas;
5rakkinni nama irra ga'u isaan irra hin geenye, akka namoota biraas dha'ichi isaanitti hin buune.
6Kanaaf of koorsuu akka naqata mormaatti in kaa'atu, humnaan nama irratti ka'uus akka wayyaatti in uffatu;
7ija isaanii coomatu bobbokokse, inni isaan garaatti yaadan guutee irra dhangala'e;
8isaan in gai'su humnaan waa'ee nama cunqursuu in dubbatu, nama gara irraa goraniis achii gad in dubbatu.
9Afaaniin bantii waaqaa bira in ga'u, arrabni isaaniis biyya lafaa waliin in ga'a;
10kanaaf sabni Waaqayyo illee isaanitti in gora, waanuma isaan jedhanis safara malee akka bishaanii in dhuga.
11Isaan immoo,“Waaqayyo attamitti beekuu danda'a ree” Isa hundumaa gara irraa biras waa beekuun jiraa ree?” in jedhu.
12Ilaa! Jal'oonni warra akkasiiti, yeroo hundumaa of irraa bu'anii in jiraatu, jabaachaas in adeemu.
13Yoos immoo ani ofumaan garaa koo qulqullinatti eeggachuuf dhama'ee ree” Yakka akkan hin qabne argisiisuufis ofumaan harka koo dhiqadhee ree”
14Guyyaa guyyaatti dha'ichi anatti bu'eera, ganama ganamas adabamuun na eeggata ture.
15Utuun,“Akkuma isaanii nan dubbadha” jedheera ta'ee, dhaloota ijoolleen kee keessa jiran biratti amanamuu dhabee, isaanis akka gara gaggalan nan godhan ture.
16Yeroo ani kana hubachuuf jedhee itti yaade immoo, rakkisaa ta'ee anatti argame.
17Hamma ani mana qulqullummaa Waaqayyootti galee, jarri sun gara dhumaatti maal akka ta'an hubachuu bira ga'etti, na rakkise.
18Dhuguma iyyuu ati lafa mucucaatu irra isaan in dhaabachiifta, kukkufanii akka caccabanis in goota.
19Attamitti batalatti badiisi sodaachisaan isaan irra ga'e, attamittis dhidhimanii naasuu guddaadhaan xaph jedhan!
20Akka wanti abjuudhaan argan yeroo dammaqan dhabamu, akkasumas yaa gooftaa, ati yommuu kaatu, bifa isaanii akka waan hin jirreetti in ilaalta.
21Yommuu jireenyi anatti hadhaa'e, yeroo onnee na tumates,
22ani nama gowwaa, nama waa hubachuu hin dandeenye ta'e, si duratti akkuma horii marga dheeduun ture.
Fakkeenya 10:2
2Badhaadhummaan jal'inaan argame bu'aa hin qabu, qajeelinni garuu du'a nama in oolcha.
Fakkeenya 10:22
22Eebbi Waaqayyoo nama in badhaasa, badhaadhummaattis inni rakkina hin dabalu;
Fakkeenya 11:28
28Namni sooruma isaa amanatu in kufa, namni qajeelaan garuu, akka muka jiidhaatti in lalisa;
Fakkeenya 13:7-8
Fakkeenya 14:24
24gonfoon afchaalotaa ogummaa isaanii ti, gonfoon gowwootaa garuu dhibaa'ummaa isaanii ti.
Fakkeenya 16:8
8Qabeenya baay'ee karaa jal'inaatiin argamu irra, qabeenya xinnaa karaa qajeelaatiin argamu wayya.
Fakkeenya 18:23
23rakkataan arraba laafaadhaan rakkina isaa himata, sooressi garuu sagalee jabaadhaan deebii in kennaaf;
Fakkeenya 21:6
6Qabeenyi dubbii sobaatiin walitti qabame, akkuma hurrii tokkichumaan lafa inni bu'e dhabanii ti, akka kiyyoo nama ajjeesuu tis;
Fakkeenya 23:4-5
Fakkeenya 27:23-24
Fakkeenya 28:8
8Namni hiiqiidhaan, gar malee dhala fudhachuudhaanis badhaadhummaa baay'ifatu, nama isa hiyyeessaaf oo'uuf walitti in qaba;
Fakkeenya 28:11
11namni sooressi ogeessa of se'a, hiyyeessi hubataan garuu qoree isa bira in ga'a.
Fakkeenya 28:20
20Namni amanamaan baay'ee eebbifama, namni soorummaaf sassatu garuu, utuu hin adabamin hin hafu;
Fakkeenya 30:8-9
8Dubbii waa'ee hin baafnee fi dubbii sobaa anattii fageessi, soora har'aa-borii anaaf kenni malee, na hin badhaasin, na hin deegsinis!
9Ani quufee akkan si hin wallaalletti, “Waaqayyo eenyu inni?” akka ani hin jennetti, yookiis immoo hiyyoomee, hatee maqaa Waaqayyo kootii akka ani hin salphifne anaaf godhi!