Barabaan Hiikkame - Yesus Fannifame

31 Lakkoofsota3Afaan Oromoo

Maarqos 15:6-20

6Philaaxos ayyaana Faasiikaatti warra hidhaman keessaa nama isaan, ?Nuuf gad dhiisi? jedhan tokko in gad dhiisa ture.

7Warra goolii kaasanii nama ajjeesanii hidhaman keessaa immoo tokko Barabbaa kan jedhamu ture.

8Yommus namoonni gara mana mootummaatti ol ba'anii, waan dur gochaafii ture akka isaaniif raawwatuuf Philaaxosin kadhachuutti ka'an.

9Philaaxos immoo deebisee, ?Mootii Yihudootaa akkan gad isiniif dhiisu barbaadduu?? isaaniin jedhe.

10Innoo luboonni warri angafoonni hinaaffaadhaaf dabarsanii akka isa kennan hubatee ture.

11Luboonni warri angafoonni garuu, isaa mannaa Barabbaa gad nuuf dhiisi, akka jedhaniif namoota itti tuqan.

12Ammas Philaaxos, ?Egaa namicha isa isin mootii Yihudootaa jettanii waamtanoo maal godhu ree?? jedhee isaaniif deebise.

13Isaanis, ?Isa fannisi!? jedhanii iyyan.

14Philaaxos immoo, ?Maaliif? Maal balleesse?? isaaniin jedhe; isaan garuu, ?Isa fannisi!? jedhanii ittuma caalchisanii iyyan.

15Philaaxos yommus namoota gammachiisuu barbaadee, Barabbaa gad isaaniif dhiise; Yesusin immoo reebsisee akka inni fannifamuuf dabarsee kenne.

16Warri loltuu ergasii Yesusin gara mana mootummaa sanatti ol galchanii, kutata loltuu sana keessaa warra hafanis walitti waaman.

17Uffata dhiilgee Yesusitti uffisanii, gonfoo qoraattii hojjetanii, mataa isaa irra kaa'an.

18Achumaanis, ?Attami ree, yaa mootii Yihudootaa!? jedhanii nagaa isa gaafachuutti ka'an.

19Uleedhaan mataa isaa rurrukutanii, itti tufanii jilbeenfatanii sagadaniifis.

20Isaan erga itti ga'isanii booddee, uffata dhiilgee sana irraa baasanii, wayyaa isaa deebisanii itti uffisan; kana booddee gad baasanii fannisuudhaaf isa geessan.

Maarqos 15:21

21Namni biyya Qareenaa tokko maqaan isaa Simi'oon kan jedhamu, abbaa Iskindrosii fi Ruufos, lafa qotiisa isaatii utuu galuu isaanitti dhufe; isaan immoo fannoo Yesus akka baatuuf isa giddisiisan.

Maarqos 15:22-36

22Yesusinis gara iddoo Golgootaa jedhamutti geessan; ?Golgootaa? jechuun ?Iddoo lafee mataa? jechuu dha.

23Isaan yommus daadhii waynii qumbiidhaan makame Yesusiif kenninaan; inni fudhachuu dide.

24Yommus jarri isa in fannisan; uffata isaa immoo hiranii eenyu isa kam akka fudhatu baruudhaaf muka itti buufatan.

25Yeroon isa fannisanis bari'ee sa'aatii sadiitti ture.

26Yakka inni ittiin hadheeffame mul'isuudhaafis, ?Kun mooticha Yihudootaa ti? kan jedhu mataa isaa gara irraatti caafamee ture.

27Isaa wajjin immoo saamtota lama, isa tokko mirga isaatti isa kaanis bitaa isaatti fannisan. [

28Yommus inni macaafni, ?Warra seera cabsituutti lakkaa'ame? jedhu in raawwatame].

29Warri achiin darban immoo mataa isaanii raasanii, ?Muu! Ati isa mana qulqullummaa jigsitee guyyaa sadiitti ijaartu!

30Mee of oolchi! Fannoo irraas gad bu'i!? jedhanii in arrabsu turan.

31Luboonni warri angafoonnii fi barsiisonni seeraas akkasuma wal harkaa fuudhanii isatti ga'isan, ?Inni namoota biraa oolcheera, ofii isaa immoo oolchuu hin danda'u.

32Masiihicha mooticha Israa'el erga ta'ee akka nuyi arginee isatti amannuuf, amma fannoo irraa gad haa bu'u!? jedhan; warri isaa wajjin fannifamanis immoo isa in ceepha'u turan.

33Sa'aatii ja'aa jalqabee hamma sa'aatii sagaliitti dukkanni lafa hundumaa irra ture.

34Sa'aatii sagalittis Yesus sagalee guddaadhaan, ?Elo'ii, Elo'ii lamaa sabaktanii?? jedhee waammate; kunis, ?Waaqayyo ko, Waaqayyo ko maaliif na dhiifte?? jechuutti in hiikama.

35Warra achi dhaabatan keessaa kaan kana dhaga'anii, ?Kunoo Eliyaasin waammata? jedhan.

36Yommus isaan keessaa tokko fiigee daadhii waynii dhangaggaa'aa waan akka cumaa buqqee hadhaa'aa, isa bishaan dhagnatti xuuxu tokkotti guutee, uleetti kaa'ee, akka inni dhuguuf kenneefii, ?Eliyaas fannoo irraa gad isa buusuudhaaf yoo dhufe, mee in ilaalla!? jedhe.