Barumsa

25 Lakkoofsota21Afaan Oromoo

Filiphisiyus 4:9

9Wanta ana irraa bartan, ana irraa fudhattan, ana irraa dhageessan, utuun hojjedhuus waan argitan, isinis akkasuma godhaa! Waaqayyo inni nagaa kennu isinii wajjin in ta'a.

Faarfannaa 32:8

8Waaqayyo,“Waan gochuun siif ta'u sin hubachiisa, karaa irra adeemuun siif ta'u sittan argisiisa; sin gorsa, ija kootiinis sin to'adha.

1ffaa Tasalonqee 5:11

11Kanaaf akkuma amma gochaa jirtan, wal jajjabeessaa, wal cimsaas!

Fakkeenya 3:11-12

11Yaa ilma ko, adaba Waaqayyoo hin tuffatin, ifata isaas hin jibbin!

12Abbaan ilma isaa isa jaallatu akkuma adabu, Waaqayyo nama jaallatu in adaba.

Fakkeenya 1:7

7Waaqayyoon sodaachuun jalqaba ogummaa ti, gowwoonni garuu ogummaa fi barsiisa in tuffatu.

Faarfannaa 25:4

4Yaa Waaqayyo, karaa kee akkan beeku godhi, daandii kees na barsiisi!

Faarfannaa 25:8-9

8Waaqayyo gaarii dha, qajeelaa dhas, kanaafis cubbamootatti karicha in argisiisa.

9Inni warra gadadamoo wanta qajeelaa ta'een in geggeessa, karaa isaas isaan in barsiisa.

Qolosaayis 3:16

16Dubbiin Kristos akka badhaadhummaa isaatti isin keessa haa jiraatu; ogummaa hundumaan wal barsiisaa, wal gorsaas. Qooqa garaa garaatiin, faarfannaa galataatiin, weedduu hafuuraatiinis galata garaa keessanii Waaqayyoof faarfadhaa!

Faarfannaa 25:5

5Dhugaa keetiin na geggeessi, na barsiisis! Ati Waaqayyo isa na fayyisu waan taateef, ani guyyaa hundumaa sin eeggadha.

Maatewos 11:29-30

29Waanjoo koo fuudhaatii baadhaa, ana irraas baraa; anoo garraamii dha kanan gad of deebises; boqonnaas lubbuu keessaniif in argattu.

30Waanjoon koo nama hin dhibu, ba'aan [namni anaaf jedhee baatus] salphaa dha? jedhe.

Maatewos 28:19-20

19Egaa dhaqaa, maqaa abbaatii fi ilmaatti, kan hafuura qulqulluuttis isaan cuuphuudhaan, saba hundumaa bartoota koo godhaa!

20Waanan isin abboome hundumaa eeguu isaan barsiisaa! Kunoo, ani immoo hamma dhuma baraatti guyyaa hundumaa isinii wajjin nan jira? isaaniin jedhe.

Tiitoos 2:1

1Ati garuu wanta barsiisa sirrii sanaa wajjin wal fudhatu dudubbadhu!

1ffaa Yohaannis 2:27

27Dibanni isin isa biraa fudhattan garuu isin keessa in jiraata; inni waan isin barsiisuuf namni biraa isin barsiisuu hin barbaachisu. Hafuurri isaa inni dibata jedhame kun waa'ee waan hundumaa isin in barsiisa; barsiifni isaas dhugaa dha, sobnis keessa hin jiru. Egaa akkuma inni isin barsiisetti isatti jiraadhaa!

Fakkeenya 4:11

11Ani karaa ogummaa si barsiiseera, daandii qajeelaa irras si geggeesseera.

Faarfannaa 143:10

10Ati Waaqayyo koo ti, egaa fedha kee gochuu na barsiisi! Hafuurri kee inni gaariin, lafa wal qixxee irra ana haa geggeessu!

Isaayaas 26:9

9halkan garaa guutuu sin hawwa, hafuurri koos dhimmee si barbaada, ati lafatti yommuu faraddu, warri biyya lafaa irra jiraatan qajeelummaa in baru.

Yohaannis 7:16

16Yesus immoo isaaniif deebisee, ?Barsiifni ani barsiisu kan koo miti, kan isa ana ergee ti malee.

Yohaannis 14:26

26Inni isiniif dubbatu hafuurri qulqulluun, inni abbaan maqaa kootiin ergu garuu, waan hundumaa isin in barsiisa, waanan isinitti hime hundumaas isin in yaadachiisa.

Fakkeenya 12:1

1Namni gorsa jaallatu, beekumsa argachuu jaallata, namni ifata jibbu garuu gowwaa dha;

Hojii Ergamootaa 20:20

20Kamiin illee taanaan waan waa'ee isiniif baasu hundumaa, waldaatti, mana manattis isinitti lallabuudhaaf isin barsiisuu irraa ani of hin qusanne.

Hojii Ergamootaa 5:42

42Ergamoonni guyyuma guyyaatti mana qulqullummaatti, mana manattis, barsiisuudhaaf Yesus, Masiihii akka ta'e misraachoo himuuttii gargar hin kunne.