Balaan

12 Lakkoofsota2Afaan Oromoo

Ba'uu 8:20-24

20Waaqayyo ammas Museedhaan,“Kunoo mootichi gara laga bishaanii in dhaqa, ganama bariidhaan ka'ii isa duratti dhi'aadhuu, Waaqayyo,“Sabni koo dhaqanii anaaf akka hojjetanitti gad dhiisi!

21Ati saba koo yoo gad dhiisuu dhabaatte immoo, kunoo ani gurmuu qarxaasaa sitti, hojjetoota keetti, saba keetti, manneen keettis gad nan dhiisa; manneen warra Gibxii lafti isaan irra jiranis gurmuu qarxaasaatiin in guuta;

22biyyicha keessatti ani Waaqayyo akkan ta'e ati akka beektutti, gaafas Gooshen lafa sabni koo jiraatu keessatti immoo gurmuun qarxaasaa akka hin argamnetti isa addaan nan baasa.

23Ammas ani sabaa koo fi saba kee gidduutti garaagarummaa nan argisiisa; milikkinni kun bor in ta'a siin jedha” jedhiitii itti himi!” jedhe.

24Waaqayyo akkuma jedhe in godhe; gurmuun qarxaasaa baay'een mana mootichaa keessatti, manneen hojjetoota isaa keessatti, guutummaa biyya Gibxii keessattis in nam'e; biyyichi qarxaasaa sanaan in balleeffame.

Ba'uu 9:1-7

1Waaqayyo ammas Museedhaan,“Gara mootichaa dhaqiitii,“Waaqayyo gooftaan inni kan warra Ibrootaa:- Sabni koo dhaqee anaaf haa hojjetuu gad dhiisi!” jedha.

2Ati diddee amma iyyuu qabaa yoo isaanitti jabeessite,

3ani kunoo fardeen, harroota, gaalota, saawwan, bushaayee, horii kee warra ala dheedan hundumaa irratti dha'icha guddaa isaa fiduudhaaf harka koo ol nan fudhadha!

4Garuu horii warra Israa'elii fi horii warra Gibxii gidduutti garaagarummaa nan godha, kan Israa'elootaa hundumaa keessaa tokko iyyuu hin du'u;

5Waaqayyo yeroo kun itti ta'u dhaaba godhee,“Ani wanta kana bor biyyichatti nan fida” jedhii itti himi!” jedhe.

6Borumtaa isaas Waaqayyo wanta kana in godhe; horiin warra Gibxii hundinuu in dhuman; horii Israa'elootaa keessaa garuu tokko illee hin duune.

7Mootichi itti ergee, horii Israa'elootaa keessaa tokko illee akka hin du'in in hubate; haa ta'u iyyuu malee, mootichi garaa isaa in jabeesse, saba sanas gad hin dhiifne.