Barbaaduu

22 Lakkoofsota21Afaan Oromoo

Ermiyaas 29:13

13isin ana in barbaaddattu; garaa keessan guutuudhaan yoo ana barbaaddattan, ana in argattu;

1ffaa Seenaa Baraa 16:11

11Waaqayyoon, aangoo isaas qoradhaa! Yeroo hundumaas fuula isaa barbaaddadhaa!

2ffaa Seenaa Baraa 15:2

2Azaariyaan yommus gara Aasaa mootichaa dhaqee,“Yaa Aasaa, isinis yaa namoota Yihudaa, yaa namoota Benyaamiin hundumti keessan mee na dhaga'aa! Yoo isin Waaqayyo duukaa buutanii jiraattan, innis isinii wajjin in jiraata; yoo isa barbaaddattan, inni immoo isiniif in argama; isin yoo isa dhiiftan garuu, innis isin in dhiisa.

Faarfannaa 63:1

1Yaa Waaqayyo, ati Waaqayyo koo ti, ani sin barbaada; lubbuun koo akkuma bishaanii si dheebotti, akka lafti bishaan dhabee, gogee dhama of keessaa fixus, foon koo si yaadee in gaggaba;

Maatewos 7:7

7Yesus itti fufee, ?Kadhadhaa isiniif in kennamaa, barbaadaa in argattuu, balbala rukutaa isiniif in banama.

Faarfannaa 37:4

4Waaqayyotti gammachuu qabaadhu! Inni immoo kadhata garaa kee siif in kenna.

Faarfannaa 105:4

4Waaqayyoon, aangoo isaas qoradhaa, yeroo hundumaa fuula isaa barbaaddadhaa!

Faarfannaa 34:4

4Ani Waaqayyoon barbaaddadhe, innis ana jalaa owwaate, sodaa koo hundumaa keessaas na baase.

Faarfannaa 9:10

10Yaa Waaqayyo, warri maqaa kee beekan kooluu sitti in galu, ati warra si barbaadan hin ganne'o.

Fakkeenya 18:22

22Namni haadha manaa isaaf taatu argatu, wanta gaarii in argata, Waaqayyo biraas ayyaana in argata;

Faarfannaa 119:2

2Warri abboommii isaaf dhugaa ba'u eegan, warri garaa guutuudhaan Waaqayyoon barbaadan,

Luqaas 19:10

10Ilmi namaa isa bade barbaaduudhaaf fayyisuudhaafis dhufeera? jedhe.

Faarfannaa 34:10

10Leenci saafelli iyyuu in dhaba, in beela'as, warri Waaqayyoon barbaaddatan garuu waan gaarii tokko illee hin dhaban.

Amoos 5:14

14Isin akka jiraattanitti wanta gaarii barbaadaa malee, wanta hamaa gochuu hin barbaadinaa! Yoos akkuma isin jettan in ta'a; Waaqayyo gooftaan maccaas dhuguma isinii wajjin in jiraata.

Amoos 5:4

4Waaqayyo, warra biyya Israa'eliin, “Ana barbaaddadhaa, jiraadhaas!

Isaayaas 55:6

6Yeroo inni argamuu danda'utti Waaqayyoon barbaaddadhaa! Utuu inni dhi'oo jiruus isa waammadhaa!

Efesoona 6:10

10Kanaa achi, gooftaatti humna isaa isa aango-qabeessaattis jabaadhaa.

Isaayaas 65:1

1Waaqayyo,“Ani warra ana hin iyyaafatinitti nan mul'adhe, warra ana hin barbaadinittis nan argame; saba maqaa koo hin waammatiniin, “Ani asan jira, ani asan jira” nan jedhe.

Faarfannaa 119:45

45Ani ajaja kee argachuudhaaf waanan barbaaddadheef, iddoo bal'aa keessa nan deddeebi'a.

Fakkeenya 24:14

14akkasuma ogummaanis jireenya keef ba'eessa akka ta'u beeki! Ati isa yoo argatte guyyaa booddeetiif abdii qabda, abdiin kees hin badu.

Faarfannaa 139:1-2

1Yaa Waaqayyo, ati qortee na ilaalteetta, na beektas!

2Taa'uu koo fi ijaajjuu koo in beekta, fagoodhaas yaada koo in hubatta.