Boqonnaa
15 Lakkoofsota10Afaan OromooMaatewos 11:28
28Yesus itti fufee, ?Isin warri itti dhamaattanii dadhabdan, ba'aanis kan isinitti ulfaatu hundinuu gara koo kottaa; ani boqonnaa isiniifan kenna.
Faarfannaa 62:1
1Lubbuun koo gab jettee Waaqayyoon duwwaa in eeggatti, gargaarsi koo isa biraa in dhufa.
Ermiyaas 6:16
16Ammas Waaqayyo isin saba isaatti dubbatee, “Gara karaatti as ba'aatii ilaalaa! “Daandiin inni durii, karaan inni ba'eessi sun amma eessa jira?” jedhaatii gaafadhaa! Boqonnaa akka argattanitti karicha irra adeemaa!” jedhe; isin garuu,“Lakkii nuyi isa irra adeemuu hin barbaannu” in jettan.
Faarfannaa 4:8
8Yaa Waaqayyo, akka ani qoofniitti sodaa malee jiraadhu situ godha; kanaafis ani akkuman ciiseen nagaatti nan rafa.
Faarfannaa 23:1-2
Faarfannaa 34:8
8Gaarummaan Waaqayyoo attam akka ta'e, isin miyeeffadhaa ilaalaa! Namni isatti kooluu gale haa gammadu!
Faarfannaa 91:1-2
Maatewos 11:29-30
1ffaa Pheexiroos 4:7
7Dhumni waan hundumaa dhi'aateera; egaa warra of qaban, kadhata gochuufis warra eeggatan ta'aa!
Keessa Deebii 5:12-14
12“ ‘Waaqayyo gooftaan kee akka si abboometti, guyyaa Sanbataa qulqullinatti eegi!
13Guyyaa ja'a hojii kee hojjedhu, jiruu kees hundumaa godhadhu!
14Guyyaan inni torbaffaan garuu Sanbata Waaqayyo gooftaa keetiif eegamuu dha; isatti ati, ilmi kee, intalli kee, hojjetaan kee, hojjettuun kee, qotiyyoon kee, harreen kee, horiin qe'ee kee hundinuu, galaan kellaa kee keessa jirus hojii tokko illee hin hojjetin! Hojjetaan kee fi hojjettuun kee akkuma kee haa boqotan!