1ffaa Qorontos 6

GAZGAZAfaan Oromoo20 Keeyyattoota3:36 Dhaggeeffadhu
Dhaggeeffadhu 3:36 · Diraamaawaa Biblight keessatti bani

1Isin keessaa namni tokko obboleessa tokko irraa hadheessa yoo qabaate, namoota Waaqayyoof qulqullaa'an duratti dubbicha ilaalchisuu irra, attamitti yaa'ii warra qajeelota hin ta'iniitti geessuuf ija jabaata ree?

2Warri Waaqayyoof qulqullaa'an biyya lafaatti akka faradan isin hin beektanii ree? Isin biyya lafaatti in faraddu erga ta'ee immoo, dubbii xixinnaa ilaaluudhaaf hin taatanii ree?

3Nuyi ergamoota Waaqayyootti faraduuf akka jirru hin beektanii? Hammam caalaa dhimma jireenya biyya lafaatti hin farannu ree!

4Egaa dubbii akkasii erga qabaattanii, attamitti warra waldaa keessatti dubbiin isaanii hin fudhatamne itti lakkooftu ree?

5Kanas isin qaanessuufan caafe; dhuguma, namni beekaan dubbii obboloota gidduu jiruuf firdii kennuu danda'u tokkichi illee isin keessa hin jiruu ree?

6Kanumaa iyyuu obboleessi obboleessa tokko yaa'iitti dhi'eesse, fuula warra hin amannetti hadheessuu dhaqaa ree?

7Fuula yaa'iitti wal geessuun keessan iyyuu dadhabbii keessan argisiisa; dabaa yoo isin irratti hojjetan maaliif hin obsitan? Maaliifis hin miidhamtan?

8Isinoo ofii keessanii obboloota keessan warra amanan irratti iyyuu dabaa hojjettu, isaan in miitus.

9Egaa warri jal'oonni mootummaa Waaqayyootti akka hin galle hin beektanii ree? Hin gowwoominaa! Warri halaleen, warri waaqayyolii tolfaman waaqessan, warri ejjan, warri gadhaa'an, warri nama gadhoomsanis,

10warri hatan, warri sassatan, warri machaa'an, warri maqaa namaa balleessan, warri nama saamanis matumaa mootummaa Waaqayyootti hin galan.

11Isin keessaa kaan warra akkasii turan, garuu maqaa gooftaa Yesus Kristosiin, hafuura Waaqayyo keenyaatiinis cubbuuttii dhiqattaniittu, warra Waaqayyoof qulqullaa'an taataniittu, Waaqayyo durattis qajeelota taataniittu.

12Namni, ?Anaaf wanti hundinuu dhowwaa hin qabu? jedhu jira; garuu wanti hundinuu immoo isa hin gargaaru; anis, ?Wanti hundinuu dhowwaa hin qabu? nan jedha, garuu waan tokko ana irratti gooftummaa hin godhatu.

13Namni tokkos, ?Nyaanni garaachaaf kenname, garaachis nyaataaf kenname? in jedha; Waaqayyo immoo isa kanas isa sanas, lafatti in dabala. Dhagni garuu hojii halalummaatiif namaaf hin kennamne; inni gooftaadhaaf hojjechuuf kenname, gooftaanis dhagna namaatiif in yaada.

14Waaqayyo immoo goofticha kana du'aa kaaseera; nus akkasuma humna isaatiin du'aa nu kaasa.

15Dhagni keessan bu'aa dhagna Kristos akka ta'an hin beektanii ree? Egaa bu'aa dhagna Kristos fuudhee bu'aa dhagna gaalamootaa godhuu ree? Matumaa kun hin ta'u.

16Yookiis namni gaalamootaa wajjin walitti maxxane, ishee wajjin dhagna tokko akka ta'u hin beektanii ree? Akkuma caafamee jiru, ?Isaan lachanuu foon tokko in ta'u? jedha.

17Inni gooftaa wajjin walitti maxxane immoo hafuuraan isaa wajjin tokko in ta'a.

18Halalummaa baqadhaa! Cubbuu namni hojjetu keessaa warri kaan hundinuu dhagna namaa hin tuqan; namni halaleen garuu dhagna isaatti cubbuu hojjeta.

19Dhagni keessan mana qulqullummaa hafuura qulqulluu isa isin keessa jiru ta'uu isaa hin beektanii ree? Hafuura kanas Waaqayyo biraa argattan; mana qulqullummaa hafuura isaas erga taatanii, isin kan ofii keessanii miti.

20Waaqayyo gatiidhaan isin bitate; kanaaf guutummaa dhagna keessaniin waan inni ittiin galateeffamu hojjedhaa!

Ibsa

6:1-8

Kiristaanonni wal hin falmin, sababiin isaa obboloota waan ta'aniif. Kun, yoo xiyyeeffannaan sirriitti kennameef, falmii seeraa hedduu ni hambisa, akkasumas wal lolaa fi falmii baay'ee ni xumura. Dhimmoota miidhaa guddaa nu yookiin maatii keenya irraan ga'uu danda'an keessatti, haqa keenya argachuuf karaa seera qabeessa ta'e fayyadamuu dandeenya, garuu Kiristaanonni amala nama dhiisuu qabaachuu qabu. Dhimmoota wal falmisiisan irratti gara falmii seeraatti deemuu mannaa, isaan karaa obbolootaa furuu wayya. Isaan dhimmoota xinnoo dha, yoo jalqaba amala/hafuura keessan mo'attan salphaatti furamuu danda'u. Wal danda'aa, akkasumas namoonni isin keessaa beekumsa xinnoo qaban illee wal lola keessan xumuruu danda'u. Wal lolaan xinnoon Kiristaanota gidduutti haga kana guddatee, obbolootaan murteeffamuu dhabuun qaanii dha. Nagaan sammuu nama tokkoo fi tasgabbiin ollaa isaa injifannoo caalaa gatii qabu. Falmiin seeraa obboloota gidduutti ta'uu hin danda'u, yoo dogoggorri isaan gidduu jiraate malee.

6:9-11

Warri Qorontoos cubbuuwwan gurguddoo baay'ee, kanneen duraan ittiin yakka qabaatan irraa akeekkachiifamanii jiru. Akeekkachiisni kun humna guddaa qaba, yommuu namoota beekumsaafi ogummaa keessatti warra kaan irra ol ta'uu isaanii yaada sobaan of tuulanitti dubbatame ta'uu isaa ilaallu. Qajeelummaa dhabuun hundi cubbuu dha; cubbuun to'atu hundi, akkasumas cubbuun hojii irra oole kamiyyuu fedhii fi karooraan raawwatamee yoo itti hin gaabamin, mootummaa samii irraa nama dhorga. Hin gowwoomfaminaa.

Ibsa guutuu dubbisi Sagalee, ibsa guutuu fi dubbisa toora alaa

Hiikkoowwan8 · 6

AMHEVG ከእናንተ አንዱ ከባልንጀራው ጋር ሙግት ቢኖረው በቅዱሳን ፊት በመፋረድ ፋንታ በዓመፀኞች ፊት ሊፋረድ ይደፍራልን? አማርኛ ENGNIV If any of you has a dispute with another, dare he take it before the ungodly for judgment instead of before the saints? English BCV ሓደ ኻባኻትኩም ምስ ብፃዩ ኽርክር እንተ ሃልይዎ፥ ጉዳዩ ኣብ ቅድሚ ቅዱሳን ክንዲ ምቕራብ፥ ከመይ ደፊሩ ኣብ ቅድሚ ዘይኣምኑ፥ ንምፍራድ ይቐርብ? ትግርኛ GAZBIB Isin keessaa namni tokko obboleessa tokko irraa hadheessa yoo qabaate, namoota Waaqayyoof qulqullaa'an duratti dubbicha… Afaan Oromoo BCV GIZ ወኢትትኀበሉ እንከ ትትዋቀሡ በኀበ ጸኣልያን ቦኑ ዘይክል ይትዋቀሥ ምስለ ካልኡ በኀበ ዐማፅያን አኮኑ በኀበ ኄራን ወለእመቦ ዘቦ ተስናን ምስለ ቢጹ ለይትዋቀሥ በኀበ ቅዱሳን ወአኮ በኀበ ጸኣ… giz BCV aksum ሓደ ኻባኻትኩም ምስ ብፃዩ ኽርክር እንተ ሃልይዎ፥ ጉዳዩ ኣብ ቅድሚ ቅዱሳን ክንዲ ምቕራብ፥ ከመይ ደፊሩ ኣብ ቅድሚ ዘይኣምኑ፥ ንምፍራድ ይቐርብ? ትግርኛ AMHNIV ከመካከላችሁ አንድ ሰው ከሌላው ጋር ሙግት ቢኖረው፣ ጒዳዩን በቅዱሳን ፊት በማቅረብ ፈንታ እንዴት ደፍሮ በማያምኑ ሰዎች ፊት ለመፋረድ ያቀርባል? አማርኛ SWAHSUV Je! Mtu wa kwenu akiwa ana daawa juu ya mwenzake athubutu kushitaki mbele ya wasio haki, wala si mbele ya watakatifu? Kiswahili