Badhaasa
38 Lakkoofsota13Afaan OromooBa'uu 20:6
6Dhaloota warra na jaallatanii abboommii koo eeganiitti garuu, kumaatama isaaniitti gaarummaa koo nan argisiisa.
Ba'uu 20:12
12“Biyya ani Waaqayyo gooftaan kee siif kennu keessa bara dheeraa akka jiraattuuf, abbaa kee fi haadha keef ulfina kenni!
Lewwoota 25:18-19
Lewwoota 26:3-13
3“Isin akka seerrata kootti yoo deddeebitan, abboommii koos yoo eegdan, akka isaattis yoo hojjettan,
4yommus ani immoo bokkaa koo yeroo isaatti isiniif nan kenna; lafichi barakata isiniif in kenna, mukkeetiin bakkees ija in godhatu.
5Siribsiisaan midhaan keessanii hamma yeroo iji waynii ciramutti in tura, ija waynii ciruun keessanis hamma yeroo sanyiin facaafamutti in tura; isin wanta nyaachuu barbaaddan hundumaa in qabaattu, biyya keessan keessas nagaatti in jiraattu.
6Ani biyyicha keessatti nagaa nan buusa, isinis in boqottu, wanti isin sodaachisus hin jiru; ani bineensa hamaa biyyicha keessaa nan baasa, billaanis biyya keessanitti hin dhufu.
7Isin diinota keessan in ariitu, isaan immoo isin duratti billaadhaan in kukkufu.
8Shanan keessan nama dhibba, dhibbi keessan immoo nama kuma kudhan in ariitu; diinonni keessanis isin duratti billaadhaan in kukkufu.
9“Ani gara keessan nan ilaala; akka hortan, akka baay'attanis nan godha; kakuun isinii wajjin gales nan cimsa.
10Isin isa dur dilbii keessan in nyaattu, midhaan isa haaraadhaaf iddoo baasuuf jettaniis isa dilbii gad in baaftu.
11Ani iddoo buufata koo isin gidduu nan godhadha, ani isin hin ciigga'u.
12Isin gidduu nan deddeebi'a, Waaqayyo keessanis nan ta'a, isin immoo saba koo in taatu.
13Ani Waaqayyo gooftaa keessan isa akka isin warra Gibxiif garboota taatanii hin hafnetti biyya Gibxii isin baasee dha; ani hidhaa waanjoo keessanii kutee ol qajeeltanii akka adeemtan godheera.
Lewwoota 26:40-45
40“Haa ta'u iyyuu malee yakka isaanii, yakka abboota isaanii isa isaan ittiin irra-daddarbanii na yakkan, isa adeemsa isaaniitiin anaan cigaadanis yoo himatan,
41isa anis adeemsa kootiin akkan isaaniin mormu, biyya diinota isaaniittis akka isaan galan godhe sana, yoo beeksifatan, yaadni garaa isaanii inni dhagna hin qabamin yoo gad of deebise, isaanis adaba yakka isaanii yoo fudhatan,
42yommus ani kakuu koo isa Yaaqoobii wajjinii, kakuu koo isa Yisihaqii wajjinii, kakuu koo isa Abrahaamii wajjiniis nan yaadadha, biyyichas nan yaadadha.
43Biyyichi garuu sababii isaan irraa adeemaniif onaa ta'e, lafa isaan hin jirretti Sanbata isaatti gammaduun irra jira; isaan immoo sababii wanta na duratti qajeelaa ta'e tuffatanii, seerrata koo ciigga'aniif, adaba yakka isaanii fudhachuun irra jira.
44“Kana hundumaa keessaa immoo ani Waaqayyo gooftaa isaanii waanan ta'eef, ani isaan tuffadhee, isaan ciigga'es yeroo isaan biyya diinota isaanii keessa jiranitti isaan hin fixu; kakuun isaanii wajjin qabus hin cabsu.
45Yommus kakuu koo isa ani abboota isaanii warra utuu sabni warri kaan ilaalanii biyya Gibxii baasee Waaqayyo isaanii ta'uudhaaf kakadheef nan yaadadha; ani Waaqayyoo dha” jedhe.
Isaayaas 1:16-20
16dhiqadhaa of qulleessaa, hojii keessan isa hamaas ija koo duraa balleessaa, hamaa gochuu dhiisaa!
17Gaarii gochuu baraa! Firdii qajeelaa duukaa bu'aa! Warra nama miidhan ifadhaatii qajeelchaa! Ijoollee abbaan irra hin jirreef faradaa! Haadha hiyyeessaaf falmaa!
18“ ‘Kottaa mee walii wajjin dhugaa in baafnaa cubbuun keessan akka dhiigaa yoo isin diimesse iyyuu, akka cabbii in addaattu; diimaa biluus yoo isin godhe iyyuu, akka jirbii iddamaa adii in taatu.
19Tole jettanii yoo abboomamtan wanta gaarii lafichi baasu in nyaattu;
20diddanii yoo ana irratti kaatan garuu, billaan isin in nyaata” jedhee ani Waaqayyo dubbadheera” jedhe.
Isaayaas 40:10-11
10Kunoo! Waaqayyo gooftaan humnaan in dhufa, irree isaatiinis in mo'a. Kunoo! Gatiin inni namaaf kennu isa harka jira, miindaa isaas of duraa qaba;
11inni akka tikseetti hoolota isaa in tiksa, ilmoolees harka isaatiin walitti in sassaaba, kaasuutti isaan in baata, haadhotii hoolotaa warra hoosisanis suuta jedhee in oofa.
Ermiyaas 22:3-4
3Yommus raajichi,“Waaqayyo,“Firdii qajeelaa kennaa, wanta ana duratti qajeelaa ta'es godhaa! Isa cunqurfame harka nama isa cunqursu jalaa baasaa! Nama galaa irratti, ijoollee abbaa fi haati irra hin jirree fi haadha hiyyeessotaa irratti jal'ina hin hojjetinaa, isaan hin cunqursinaas! Iddoo kanattis dhiiga nama balleessaa hin qabnee hin dhangalaasinaa!
4Isin dhugumaan wanta kana gaarii gootanii yoo eegdaniif, mootonni teessoo Daawit irra taa'an hojjetoota isaanii fi saba isaanii wajjin fardeenii fi konkolaataa irra taa'anii karaa karra kanaa ol in lixu, gadis in ba'u;
Maatewos 10:32
32Itti fufes Yesus, ?Eenyu illee namoota duratti eenyu akkan ta'e dhugaa ba'ee yoo mul'ise, anis abbaa koo isa waaqa irra jiru duratti dhugaa nan ba'aaf.
Maatewos 16:24-27
24Ergasii Yesus bartoota isaatiin, ?Namni tokko illee ana duukaa bu'uu yoo barbaade, waa'ee ofii isaa dhiisee, fannoo isaa [isa anaaf jedhee baatu] of irra kaa'atee, ana duukaas haa bu'u!
25Namni jireenya isaa oolfachuu yoo barbaade, jireenyi isaa duraa in fudhatama; namni anaaf jedhee jireenya isaa kennu immoo, isa in argata.
26Namni biyya lafaa guutummaatti yoo buufate, lubbuu isaa garuu yoo dhabe, bu'aan isaa maali ree? Yookiis namni gatii lubbuu isaa maal kennuu danda'a ree?
27Ilmi namaa ulfina abbaa isaatiin ergamoota isaa wajjin dhufuuf jira; yommus adduma addaan akka hojii isaatiitti gatii isaa in kennaaf.
Maarqos 13:13
13Anaaf jettanii hundumaa biratti kan jibbamtan in taatu; namni hamma dhumaatti jabaatee dhaabatu garuu in fayya? isaaniin jedhe.
Luqaas 6:35
35Isin garuu diinota keessan jaalladhaa, gaariis godhaa, nuuf baasu jettanii utuu hin abdatinis liqeessaa! Gatiin keessan guddaa in ta'a, ijoollee aabbaas in taatu; innoo warra galata hin qabnee fi warra hamootaaf iyyuu arjaa dha.
Mul'ata 2:17
17?Namni gurra qabu isa hafuurri qulqulluun waldoota kristiiyaanaatiin jedhu haa dhaga'u! ?Isa mo'uuf maannaa dhokataa sana keessaa nan kennaaf; dhagaa calaqqisaa maqaan haaraan irratti caafame tokkos nan kennaaf; maqichas isa fudhatu sana irraa kan hafe, namni tokko illee hin beeku?? kan jedhuu dha.