Bareedina

14 Lakkoofsota11Afaan Oromoo

1ffaa Pheexiroos 3:3-4

3Of kuuluun keessan, wanta alaan mul'atu, mataa tolfachuudhaan, warqee naqachuudhaan, uffata babba'eessa uffachuudhaanis hin ta'in!

4Garuu of kuuluun keessan inni hin badne keessa namummaa keessanii isa dhokataadhaan haa ta'u! Kunis hafuura garraamummaa fi gabii isa Waaqayyo duratti guddaa gati-jabeessa ta'e sanaan haa mul'atu!

Fakkeenya 31:30

30Simboon nama irraa in darbiti miidhaginnis nama in gowwoomsiti, dubartiin Waaqayyoon sodaattu garuu in jajamti.

Isaayaas 60:1

1Ifni kee dhufeera, ulfinni Waaqayyoos siif ba'eera, kanaafis ka'ii ibsi!

1ffaa Saamu'eel 16:7

7Waaqayyo garuu Saamu'eliin,“Ani waanan isa tuffadheef bifa isaa fi dheerina hojjaa isaatii hin ilaalin! Ani akka namni ilaalutti hin ilaalu; namni fuula ilaala, ani Waaqayyo garuu garaan ilaala” jedhe.

Faarfannaa 139:13-14

13Keessa namummaa koo situ uume, gadameessa haadha koo keessatti situ na tolche;

14isa ati guddaa dinqisiisaa gootee na uumteef, ani galata siif nan galcha; gochaan kee waanuma raajii ti, anis kana ba'eessa godhee nan beeka.

1ffaa Ximotewos 2:9-10

9Warri dubartii immoo amalli isaan argisiisan mataa tolfachuutti warqeedhaa fi callee naqachuutti, uffata gati-jabeessa uffachuutti, keessa ba'uudhaan of kuuluu utuu hin ta'in, uffata qajeelaa fakkaatu akka ta'utti uffachuudhaan maal naan jedhudhaan, of qabuudhaanis haa ta'u!

10Dubartoota Waaqayyoof in saganna jedhaniif akka ta'uttis, wanta gaarii haa argisiisan.

2ffaa Qorontos 4:16

16Kanaafis nuyi matumaa abdii hin kutannu, namummaan keenya inni bakkeetti mul'atu gad dhumaa yoo adeeme iyyuu, namummaan keenya inni keessaa har'aa bor haara'aa in adeema.

Isaayaas 40:8

8margichi in coollaga, daraarichis in harca'a, dubbiin Waaqayyo keenyaa garuu bara baraan dhaabatee in hafa” jedhi!” jedhe.

Maatewos 6:25

25?Kanaafis ani isinittan hima; waa'ee jireenya keessanitti, waan nyaattanii fi [waan dhugdaniif] yookiis dhagna keessaniif waan uffattaniif hin yaadda'inaa! Jireenyi nyaata irra, dhagnis uffata irra guddaa in caala mitii ree?

Efesoona 2:10

10Nuyi hojii harka isaatii ti, hojii gaarii isa Waaqayyo duraan dursee qopheesse keessa akka deddeebinuuf karaa Kristos Yesus uumamne.

Seensa 1:27

27Egaa Waaqayyo akka bifa isaatti nama uume, akka bifa Waaqayyootti isa uume; dhiiraa fi dubartii isaan uume;