Beekamtii kennuu

10 Lakkoofsota10Afaan Oromoo

1ffaa Yohaannis 4:15

15Namni Yesus ilma Waaqayyoo ta'uu isaa amanee yoo beeksise, Waaqayyo isa keessa, innis Waaqayyo keessa in jiraata.

Ibraa'oota 10:23

23Inni abdii nuuf kenne amanamaa dha; kanaafis kottaa abdii keenya beeksisuutti jabaannee in qabamnaa!

Filiphisiyus 2:11

11Arrabni hundinuus, ulfina Waaqayyoo abbaatiif, Yesus Kristos gooftaa akka ta'e beeksisuuf jiru.

Roomaa 10:10

10Namni garaa isaatti amanee qajeelaa ta'a, afaan isaatiinis beeksisee in fayya.

Roomaa 14:11

11Caaffata qulqullaa'aa keessatti, ? ?Dhugaa ana isa jiraataa! Jilbi hundinuu anaaf jilbeenfachuuf, arrabni hundinuus ani Waaqayyo akkan ta'e beeksisuuf jiru? jedha gooftichi? kan jedhu caafameera.

Faarfannaa 24:10

10Mootiin ulfinaa kun eenyu inni” Inni Waaqayyo gooftaa maccaa ti, isa mootiin ulfinaa!

1ffaa Ximotewos 6:12

12Wal'aansoo amantii isa gaarii sana jabeessii qabi! Jireenya bara baraas harka kee keessa galfadhu! Isaaf waamamtee, dhuga-baatuu baay'ee duratti amantii kee ba'eessa gootee beeksifteetta.

Faaruu Bo'ichaa 3:24

24egaa ani,“Waaqayyo qooda koo ti, kanaafis isa nan abdadha” nan jedha.

Roomaa 10:9

9Yesus gooftaa akka ta'e afaan keetiin yoo beeksifte, Waaqayyo du'aa akka isa kaase immoo garaa keetti yoo amante fayyina bara baraa in argatta.

Faarfannaa 32:5

5Yommus ani cubbuu koo sitti nan himadhe, yakka koos ani hin dhoksine; ani,“Irra-daddarbaa koo Waaqayyotti nan himadha” nan jedhe; ati immoo yakka cubbuu kootiif anatti murame anaaf dhiifte.