Hubannoo

27 Lakkoofsota25Afaan Oromoo

Ermiyaas 33:3

3inni,“Na kadhadhu! Anis siif nan dhaga'a; wanta guddaa ati qortee bira ga'uu hin dandeenye sitti nan hima.

Fakkeenya 14:29

29namni dheekkamsatti suuta-jedhu, hubannaa guddaa qaba; namni dheekkamsatti ariifatu garuu, gowwuma bakkeetti in baasa.

Lallaba 11:5

5Karaa qilleensi irra adeemu yookiis gadameessa keessatti baanaan attamitti mucaa akka ta'u akkuma beekuu hin dandeenye, akkasuma Waaqayyo inni waan hundumaa hojjetu kan godhu beekuu hin dandeessu.

Fakkeenya 21:2

2Namatti karaan ofii isaa hundinuu qajeelaa in fakkaata, Waaqayyo garuu yaada isaa in miijana.

Fakkeenya 4:7

7Ogummaan hundumaa irra in caaltiitii ishee argadhu! Wanta qabdu hundumaanis, hubannaa bitadhu!

Faarfannaa 32:8

8Waaqayyo,“Waan gochuun siif ta'u sin hubachiisa, karaa irra adeemuun siif ta'u sittan argisiisa; sin gorsa, ija kootiinis sin to'adha.

2ffaa Qorontos 4:18

18Nuyi gara wanta ijaan hin argamnee ilaalla malee, gara wanta ijaan argamuu hin ilaallu; wanti ijaan argamu yeroodhumaaf ta'a, wanti ijaan hin argamne garuu kan bara baraa ti.

Fakkeenya 19:21

21Yaada namaa keessa akeeka baay'eetu jira, garuu wanta Waaqayyo yaadee qopheessetu jabaatee dhaabata.

Efesoona 1:17

17Waaqayyo gooftaa keenyaa Yesus Kristos, abbaan ulfinaa hafuura ogeessota isin godhu, Waaqayyoon beekuus isa isinitti mul'isu, akka isiniif kennuuf nan kadhadha.

1ffaa Tasalonqee 5:21-22

21Garuu waan hundumaa qoraa, isa gaarii jabeessaatii qabadhaa!

22Waanuma hamaa ta'e dhiisaa!

Faarfannaa 119:130

130Saaqamuun dubbii keetii ifa in kenna, wallaalota iyyuu in hubachiisa.

Maatewos 19:26

26Yesus immoo gara isaanii ilaalee, ?Kun namootaaf hin danda'amu, Waaqayyoof garuu wanti hundinuu in danda'ama? isaaniin jedhe.

Isaayaas 55:9

9akkuma waaqni lafa irraa ol fagaatu, akkasuma karaan koo karaa keessan irraa, yaadni koos yaada keessan irraa in fagaata.

Isaayaas 40:28

28Ati hin beeknee ree” Hin dhageenyeesii ree” Waaqayyo, gooftaa bara baraan jiraatuu dha, inni isa guutummaa biyya lafaa uumee dha; inni hin mudhuku, hin dadhabu, hubannaa isaas namni qoree bira hin ga'u;

2ffaa Qorontos 10:3

3Nama foonii yoo taane iyyuu, akka yaada fooniitti nama lolla miti.

Roomaa 11:33

33Badhaadhummaan araara Waaqayyoo hammam guddata! Ogummaan isaa fi beekumni isaa hammam gad fagaata! Akka inni itti murtoo godhu, namni qoree bira hin ga'u! Karaa isaas namni faana dha'ee hin hubatu!

Yaaqoob 1:13

13Namni yommuu qoramu, qoramsi kun Waaqayyo biraa anatti dhufe hin jedhin! Waaqayyo hamaa gochuudhaaf qoramuu hin danda'u, ofii isaatiis nama tokko illee hamaadhaaf hin qoru.

Isaayaas 45:9

9Nama uumaa isaa qoccoluuf wayyoo! Inni akka suphee harka nama qodaa suphee dha'uu keessa jiruu ti; supheen dhooftuu isaatiin, “Ati maal hojjetta?” jechuu danda'aa ree” Wanti inni dha'es, “Ati harka hin toltu” ittiin jechuu danda'aa ree”

2ffaa Pheexiroos 3:18

18Ayyaana gooftaa keenyaatti, fayyisaa keenya Yesus Kristosin beekuuttis guddadhaa! Bara si'anaatti guyyaa bara baraattis isaaf ulfinni haa ta'u! Ameen.

Galaatiyaa 3:28-29

28Karaa Kristos Yesus isin hundumti keessan tokko; Yihudii yookiis Griikii; garba yookiis birmaduu, dhiira yookiis dubartii gidduu garaagarummaan hin jiru.

29Erga kan Kristos taatanii, yoos isin sanyii Abrahaam; waan Waaqayyo abdachiises in argattu.

Maarqos 9:35

35Inni erga taa'ee, warra kudha lamaan ofitti waamee, ?Namni dura ta'uu barbaadu nama hundumaa booddee ta'uutu irra jira, nama hundumaafis hojjechuutu irra jira? jedhe.

Yohaannis 3:3

3Yesus, ?Dhuguma, dhuguman sitti hima, eenyu illee olii yoo dhalachuu dhabaate, mootummaa Waaqayyoo arguu iyyuu hin danda'u? jedhee deebiseef.

Faarfannaa 90:4

4Waggaan kumni tokko, siif akkuma guyyaa kaleessa darbee ti, akkuma darabee dammaqa halkanii tis.

Faarfannaa 145:3

3Waaqayyo guddaa dha, guddisee kan jajamuu dha; guddinni isaas qoramee bira hin ga'amu.

Faarfannaa 90:2

2Tulloonni utuu iddoo isaaniitti hin dhalatin lafti, guutummaan biyya lafaas utuu hin argamin, bara baraa jalqabee hamma bara baraatti ati Waaqayyoo dha.