2ffaa Pheexiroos 3

GAZGAZAfaan Oromoo18 Keeyyattoota4:15 Dhaggeeffadhu
Dhaggeeffadhu 4:15 · Diraamaawaa Biblight keessatti bani

1Michoota ko! Ani amma ergaa lammaffaa isiniif caafuu koo ti; isaan keessatti isin yaadachiise yaada keessan isa qullaa'aa nan dammaqsa.

2Wanta raajonni qulqulloonni duraan dursanii dubbatan, abboommii gooftaa keenyaa fi fayyisaa keenyaa isa karaa ergamoota warra isiniif hojjetanii argattan yaadadhaa!

3Guyyoota gara dhumaatti ga'iftoonni akka kajeellaa foon isaaniitti jiraatan ka'uuf akka jiran, duraan dursaatii beekaa! Isaan isinitti ga'isuudhaaf,

4?Deebi'ee dhufuun isaa abdachiifamee ture mitii? Meerree kan raawwatame ree? Erga abboonni keenya iyyuu du'anii, wanti hundinuus akkuma yeroo biyyi lafaa uumametti hafee in jiraata? in jedhu.

5Jarri kun bantiiwwan waaqaa durii jalqabanii akka uumaman, laftis sagalee Waaqayyootiin bishaaniin uumamee, bishaan keessaas ba'uu isaa yaadachuu dadhaban.

6Bishaanuma sanaan immoo biyyi lafaa inni yeroo sana ture sun liqimfamee akka balleeffame hin yaadanne.

7Bantiiwwan waaqaa fi lafti, warri amma jiran kun immoo sagalee Waaqayyoo sanaan ibiddaan balleeffamuudhaaf qopheeffamanii, hamma guyyaa warri Waaqayyo malee jiraatan firdii argatanii badaniitti kaa'amanii jiru.

8Michoota ko! Guyyaan tokko goofticha biratti akka waggaa kumaa, waggaan kumnis akka guyyaa tokkoo ta'uu isaa yaadatti qabadhaa!

9Gooftaan wanta abdachiise raawwachuudhaaf hin seesu; akka namoonni tokko seesuutti isa lakkaa'an miti. Inni, namoonni hundinuu yaada garaa isaanii akka geddaratan malee, garri tokko iyyuu akka badan waan hin barbaanneef obsaan isiniif in danda'a.

10Guyyaan gooftaa immoo akka hattuun dhuftutti in dhufa; guyyaa sanatti bantiiwwan waaqaa sagalee guddisee didichuun in dhidhimu; ijoon uumama lubbuu hin qabne hundinuu ho'a ibiddaatiin wal in gad-dhiisa; lafti, wanti isa irratti hojjetame hundinuus gubatanii in badu.

11Wanti kun hundinuu akkasitti wal in gad-dhiisa erga ta'ee, isin namoota attamii ta'uutu isiniif ta'a ree? Jireenya qullaa'aa, jireenya namoota Waaqayyoof ta'u jiraachuun isin irra jira.

12Akkasitti jiraattanii dhufa guyyaa Waaqayyoo in eeggattu, isaafis ariifattanii in hojjettu. Guyyaa sanaafis bantiiwwan waaqaa ibiddaan gubatanii wal in gad-dhiisu; ijoon uumama lubbuu hin qabne hundinuus ho'a ibiddaatiin in baqa.

13Nuyi garuu akka abdii inni nuuf kennetti, bantiiwwan waaqaa haaraa, lafa haaraas warra qajeelummaan keessa buufatu in eegganna.

14Kanaafis michoota ko, isaan kana eeggachaa, warra xurii fi mudaa hin qabne taatanii, Waaqayyoo wajjin nagaa qabaattanii akka argamtaniif dhama'aa!

15Gooftaan obsaan isiniif danda'uu isaa, fayyinaaf karaa isiniif kennuu isaatti lakkaa'adhaa! Obboleessi keenya Phaawulos inni jaallatamaan ogummaa Waaqayyo isaaf kenneen waa'ee isaatiif isiniif caafeera.

16Inni ergaa isaa hundumaa keessatti waa'ee dubbii kanaaf yeroo caafu akkuma kana in dubbata. Ergaa isaa keessa illee wanti hubachuun isaa nama dhibu tokko tokko jira; isa kanas warri wallaalonni, warri waanuma argan qabanii gad dhiisan, akkuma caaffata qulqullaa'aa isa kaanis jal'isan, badiisaaf akka isaanitti ta'utti hiikaa isaa in micciiru.

17Isin garuu michoota ko, isa kana duraan dursitanii beektaniittu; kanaafis irraa kaachuu warra seera Waaqayyoo hin eegneetiin fudhatamtanii sokkitanii, isa jabeessitanii qabattan irraa akka hin kufneef of eeggadhaa!

18Ayyaana gooftaa keenyaatti, fayyisaa keenya Yesus Kristosin beekuuttis guddadhaa! Bara si'anaatti guyyaa bara baraattis isaaf ulfinni haa ta'u! Ameen.

Ibsa

3:1-4

Yaadon Kiristaanota qulqullaa'an hojii qulqullinaa keessatti dammaqoo fi jajjaboo akka ta'aniif kakaafamuu qabu. Guyyoota dhumaatti, Wangeela jalatti, qeeqxotni ni jiraatu; isaanis namoota cubbuu salphisanii ilaalan, akkasumas fayyina Yesuus Kiristoosiin argamu kan tuffatan. Qabxiin amantii keenyaa isa baay'ee guddaa tokko kan abdii irratti qofa hundaa'e dha; qeeqxotnis Gooftaan keenya hanga dhufutti isa ni haleelu. Inni akka dhufu hin amanan. Jijjiirama tokkollee waan hin argineef, Waaqayyoon hin sodaatan (Far. 55:19). Waan inni yeroo kamiyyuu hin hojjenne, akkasumas yeroo kamiyyuu hojjechuu hin danda'u yookiin yeroo kamiyyuu hin hojjetu jedhanii yaadu.

3:5-10

Warri tuffattoonni kun, yoo adhaaba sodaachisaa Waaqayyo ittiin warra Waaqa hin sodaanne addunyaa guutuu yeroo tokkotti balleesse xiinxalanii turanii, dhugumatti, firdii hamaa akka sanaa inni akeekkatu hin tuffatan turan. Samii fi lafti amma jiran, jechauma sanaan, ibiddaan ni badu jedhameera. Kunis, dhugaa fi humna Waaqayyoo irraa kan ka'e, dhufuu isaa kan mirkanaa'e dha. Kiristaanonni asitti dhugaa dhufaatii Gooftaa irratti barsiifamanii jiru. Namoota biratti guyyaa tokkoo fi waggaa kuma gidduu garaagarummaa guddaan jiraatus, Waaqayyo biratti garuu garaagarummaan tokkoyyuu hin jiru. Wanti darbe, kan amma jiru, fi kan dhufu hundi yeroo hundumaa fuuldura isaa jira. Turuun waggaa kumaa, akkuma nuti waan tokkoof guyyaa yookiin sa'aatii tokkoof dhiisnu sana, isaaf waan guddaa miti. Namoonni Waaqayyo bara baraa beekumsa yookiin amantii yoo hin qabaatin, isa akka ofiitti ilaaluuf baay'ee ni qaqqabatu. Yaada bara baraa uumuun hammam ulfaataadha! Waan namoonni suuta jedhu jedhan, inni obsa dheeraadha, nutiifis kan ta'e. Kunis namoota Isaa, beekumsa fi qulqullina keessatti akka guddatan, akkasumas amantii fi obsa hojii irra oolchuun, hojii gaarii keessatti akka baay'atan, waan isaan itti waamaman hojjechuu fi danda'uu keessatti, Waaqayyoof ulfina akka fidanif yeroo dabalataa kennaa jira. Egaa, waan qaamaan hojjettan hundaaf, gaarii yookiin hamaa haa ta'u, akka gaafatamtan garaa keessanitti murteessaa.

Ibsa guutuu dubbisi Sagalee, ibsa guutuu fi dubbisa toora alaa

Hiikkoowwan8 · 6

AMHEVG ወዳጆች ሆይ፥ አሁን የምጽፍላችሁ መልእክት ይህች ሁለተኛይቱ ናት። በቅዱሳን ነቢያትም ቀድሞ የተባለውን ቃል በሐዋርያቶቻችሁም ያገኛችኋትን የጌታንና የመድኃኒትን ትእዛዝ እንድታስቡ በሁለቱ እ… አማርኛ ENGNIV Dear friends, this is now my second letter to you. I have written both of them as reminders to stimulate you to wholeso… English BCV ኣቱም ፍቑራተይ፥ እዛ ሕዚ ዝፅሕፈልኩም ዘለኹ ኻልአይቲ መልእኽተይ እያ። ብኽልቲአን፥ እቲ ቐደም ብቕዱሳን ነቢያት ዝተነግረ ቓልን፥ ብሃዋርያት ዝረኸብኩምዎ፥ ናይ ጐይታናን መድሓኒናን ትእዛዝ… ትግርኛ GAZBIB Michoota ko! Ani amma ergaa lammaffaa isiniif caafuu koo ti; isaan keessatti isin yaadachiise yaada keessan isa qullaa'… Afaan Oromoo BCV GIZ ወዛቲ ይእቲ አኀውየ ዳግሚትየ ዘጸሐፍኩ ለክሙ መጽሐፈ ከመ አንሥእክሙ በዘክሮ ወትዕቀብዋ በልብክሙ ለጽድቅ። giz BCV aksum ኣቱም ፍቑራተይ፥ እዛ ሕዚ ዝፅሕፈልኩም ዘለኹ ኻልአይቲ መልእኽተይ እያ። ብኽልቲአን፥ እቲ ቐደም ብቕዱሳን ነቢያት ዝተነግረ ቓልን፥ ብሃዋርያት ዝረኸብኩምዎ፥ ናይ ጐይታናን መድሓኒናን ትእዛዝ… ትግርኛ AMHNIV ወዳጆች ሆይ፤ ይህ አሁን የምጽፍላችሁ ሁለተኛው መልእክት ነው። ሁለቱንም መልእክቶች የጻፍሁላችሁ ቅን ልቦናችሁን እንድታነቃቁ ለማሳሰብ ነው፤ አማርኛ SWAHSUV Wapenzi, waraka huu ndio wa pili niwaandikiao ninyi; katika zote mbili naziamsha nia zenu safi kwa kuwakumbusha, Kiswahili