Amana

28 Lakkoofsota25Afaan Oromoo

Ermiyaas 17:7-8

7“Garuu namni ana Waaqayyoon amanatu, ana duwwaattis kan of kennu, haa gammadu!

8Namni akkasii akka muka yaa'aa bishaanii qarqara dhaabamee, hidda isaa gara bishaaniitti yaafatuu ti; mukichi ho'i yommuu dhufu hin sodaatu, yeroo hundaa in lalisa, caamsaan isa hin yaaddessu, yeroo yeroottis ija in godhata.

Fakkeenya 3:5-6

5Garaa kee guutuu Waaqayyoon amanadhu, hubannaa ofii keetiitti hin hirkatin!

6Karaa kee hundumaatti isa yaadi, innis daandii kee siif in qajeelcha.

Faarfannaa 56:3

3ani yeroon sodaadhutti, amanannaa koo si irra nan kaa'adha.

Fakkeenya 16:3

3Hojii kee hundumaa Waaqayyotti kennadhu, wanti ati yaaddus fiixaan siif in ba'a;

Isaayaas 43:2

2yommuu ati bishaan keessa adeemtu ani sii wajjinan jira, yommuu ati bishaan keessa ceetus bishaan si fudhatee hin badu; ibidda keessa yommuu darbitu hin gubattu, arrabni ibiddaas si hin qabatu;

Faarfannaa 143:8

8Ani waanan si amanadheef, ganama bariidhaan gaarummaan kee akka anatti dhaga'amu godhi! Lubbuun koo ol gara kee waan yaadduufis, karaa irra adeemuun anaaf ta'u ana beeksisi!

1ffaa Yohaannis 5:14

14Akka fedha isaatti yoo isa kadhanne inni nuuf in dhaga'a; akka kanatti isa in amananna.

Faarfannaa 91:1-2

1Namni golgaa isa hundumaa gara irraa jiru keessa jiraatu, gaaddisa isa hundumaa danda'uu jala in buufata;

2Waaqayyoon,“Ani sitti kooluu galeera, ati masaraa koo ti; ati Waaqayyo koo isa ani amanadhuu dha” in jedha.

2ffaa Qorontos 5:7

7Nuyi amantiidhaan jiraanna malee, waan hundumaa ijaan arguudhaan jiraanna miti.

Yaaqoob 1:6

6Garuu utuu hin mamin amantiidhaan haa kadhatu; namni mamu akka dha'aa galaanaa isa qilleensaan asii fi achi oofamee darbatamuu ti.

Faarfannaa 62:7

7Waa'een oolfamuu kootii fi ulfina kootii, Waaqayyo harka jira; kattaan koo inni aango-qabeessi, iddoon ani kooluu itti galus Waaqayyo bira jira.

Faarfannaa 121:3

3Inni miilli kee akka sigigaatu hin godhu, inni si eegus hin mugu.

Maatewos 6:26

26Simbirroota qilleensa keessa balali'an ilaalaa! Isaan hin facaasan hin haamanis gombisaattis hin galchan; garuu abbaan keessan inni waaqa irraa isaan in soora. Egaa isin immoo isaan irra guddaa hin caaltanii ree?

Faarfannaa 145:18

18Waaqayyo warra isa waammatan hundumaatti, warra dhugaadhaan isa waammatan hundumaatti dhi'oo dha.

Faarfannaa 73:25

25Waaqa irratti si malee eenyuun nan qabaadha ree” Lafa irrattis si malee maalan eeggadha ree”

Fakkeenya 29:25

25Nama sodaachuun kiyyootti nama galcha, Waaqayyoon amanachuun garuu fayyina;

Ibraa'oota 13:6

6Kanaafis amanannee, ?Gooftaan isa na gargaaruu dha, ani hin sodaadhu; namni maal na gochuu danda'a ree?? in jenna.

Ibraa'oota 13:5

5Akki jireenya keessanii horiidhaaf sassataa hin ta'in, wanta argattaniin ?Nu ga'a? jedhaa! Waaqayyo, ?Ani matumaa si hin dadhabu, si hin buusus!? jedheera.

Filiphisiyus 4:19

19Waaqayyo koos akka badhaadhummaa isaa isa dinqisiisaatti karaa Kristos Yesus waanuma isin barbaachisu isiniif guutuuf jira.

Fakkeenya 16:20

20Nama barsiisa yaadatti qabatuuf wanti inni godhu wal in qixxaataaf; namni Waaqayyoon amanatu maal maal haa gammadu!

1ffaa Yohaannis 4:16

16Nuyis jaalala Waaqayyo nuuf qabu hubanneerra, amanneerras. Waaqayyo jaalala; namni jaalalatti qabamee jiraatus Waaqayyo keessa in jiraata, Waaqayyos isa keessa in jiraata.

Faarfannaa 56:4

4Waaqayyoon isa ani sagalee isaa jajadhu, Waaqayyoon sodaa malee nan amanadha; namni foonii maal na gochuu danda'a ree?

Faarfannaa 37:3

3Waaqayyoon amanadhu, wanta gaarii ta'es hojjedhu; biyyuma keessa nagaadhaan taa'i, amanamummaas eeggadhu!

1ffaa Yohaannis 4:1

1Michoota ko! Warra hafuuraan in dubbanna jedhan hunda hin amaninaa, Waaqayyo biraa yoo ta'an hafuurota isaan ittiin dubbatan qoraatii ilaalaa malee, raajonni sobduun baay'een gara biyya lafaatti ba'aniiru.

Faarfannaa 31:19

19Wanti gaariin inni ati warra si sodaataniif keesse, gaarummaan inni ati ilmaan namootaa duratti warra kooluu sitti galanitti argisiifte, attam baay'ee dha!