Aarii
10 Lakkoofsota9Afaan OromooFaarfannaa 30:5
5Dheekkamsi isaa hamma liphsuu ijaatti, fuulli isaa inni ifaan garuu bara jireenyaatiif in ta'a; galgala boo'ichi yoo namatti dhufe, ganama immoo ililleen in ta'a.
Faarfannaa 37:8
8Dheekkamuu irraa of dhowwi, banbanuus dhiisi, inni hamaa hojjechuu duwwaatti waan si geessuuf hin aarin!
Faarfannaa 145:8
8Waaqayyo araara-qabeessaa fi oo'a-qabeessa; aariitti suuta in jedha, gaarummaan isaas guddaa dha.
Fakkeenya 15:18
18Namni dheekkamaan lola kaasa, namni dheekkamsatti suuta jedhu garuu qoccolloo in qabbaneessa.
Lallaba 7:9
9aariin bobaa gowwootaa jala waan boqotuuf, ati daftee hin aarin!
Maatewos 5:22
22Ani garuu isinittan hima, eenyu illee obboleessa isaatti yoo dheekkame abboota firdii duratti itti in faradama; obboleessa isaatiin ?Doofaa? yoo jedhe yaa'ii biyya seerratu duratti itti in faradama; obboleessa isaatiin ?Raatuu? yoo jedhe ibidda qililleetti itti in faradama.
Efesoona 4:27
27Seexanaaf karaa hin kenninaa!
Qolosaayis 3:21
21Isin immoo abboota nana! Yaadni isaanii akka hin badnetti ijoollee keessan tuttuqxanii hin aarsinaa!