Abjuu
22 Lakkoofsota15Afaan OromooSeensa 20:3
3Waaqayyo garuu halkan abjuu keessa Abiimelek bira dhufee,“Kunoo! Ati sababii dubartii abbaa manaa qabdu sana fudhatteef, du'uuf jirta” jedhe.
Seensa 31:10-11
Seensa 37:5-10
5Yoseef abjuu abju'atee, obboloota isaatti yommuu hime, ittuma caalchisanii isa in jibban.
6Inni,“Abjuu ani abju'adhe kana dhaggeeffadhaa!
7Kunoo, nuyi maasii gidduudhaa bissii in hiina turre; kunoo, bissiin koo ka'ee ol qajeelee dhaabate; bissiin keessan immoo isatti naanna'anii bissii kootiif in gugguufu turan” jedheen.
8Obboloonni isaas deebisanii,“Ati dhuguma mootii nu irratti taataa” Yookiis dhuguma aboo nu irratti qabaattaa?” jedhaniin; akkasitti waa'ee abjuu isaatiif, waa'ee dubbii isaatiifis ittuma caalchisanii isa in jibban.
9Ammas abjuu tokko abju'atee obboloota isaatti himee,“Kunoo, ani abjuu kan biraa tokkos abju'adhe, biiftuun, ji'i, urjoonni kudha tokkos anaaf utuu gugguufanii argeera” jedhe.
10Yeroo inni abbaa isaa fi obboloota isaatti himetti garuu, abbaan isaa isa ifatee,“Abjuun ati abju'atte kun maali” Dhuguma anii fi haati kee obboloonni kees dhufnee hamma lafa geenyutti siif gugguufuuf jirra moo?” jedhe.
Seensa 41:32
32Abjuun kee lama ta'uun isaa dubbichi Waaqayyo biraa akka cite, Waaqayyo yeroo gabaabaa keessatti kana gochuuf akka jiru in argisiisa.
Seensa 42:9
9Yoseef abjuu isa waa'ee isaaniif abju'atee ture yaadatee isaaniin,“Isin gaadduu dha, biyyichi banamaa ta'uu isaa ilaaluudhaaf dhuftan” jedhe.
Lakkoofsa 12:6
6Waaqayyo isaaniin,“Mee amma dubbii koo dhaga'aa! Raajiin koo isin gidduu yoo jiraate, mul'ataan isatti of nan mul'isa, abjuudhaanis isatti nan dubbadha.
Lallaba 5:3
3Baay'inni hojii abjuu namatti fida, haasaan nama gowwaa dubbii baay'inaan beekama;
Lallaba 5:7
7Abjuu baay'ee fi dubbii baay'ee keessa wanta waa'ee hin baafne baay'eetu jira, ati garuu Waaqayyoon sodaadhu!
Isaayaas 29:8
8akka nama beela'ee abjuudhaan buddeena nyaatuu, hirribaa yommuu ka'u immoo garaan isaa duwwaa ta'uu, akka nama dheebotee abjuudhaan bishaan dhuguu, hirribaa yommuu dammaqu immoo bishaan dharra'ee gaggabuu, sabni baay'een warri saba Yerusaalemitti duulan, kunoo, akkasuma in ta'u.
Maatewos 1:20
20Utuu Yoseef kana yaadaa jiruu, kunoo ergamaan gooftaa abjuutti itti mul'atee, ?Yaa Yoseef ilma Daawit, Maariyaam kaadhimni kee hafuura qulqulluudhaan waan ulfoofteef, ishee of biratti fudhachuu hin sodaatin!
Maatewos 2:12-13
12Gara Herodisitti akka hin deebineef abjuutti waan ajajamaniif, karaa biraatiin gara biyya isaaniitti deebi'uudhaaf sokkan.
13Erga jarri biyya isaaniitti sokkanii immoo, kunoo ergamaan gooftaa tokko abjuutti Yoseefitti mul'atee, ?Ka'ii, mucichaa fi haadha isaa fudhadhuutii biyya Gibxitti baqadhu! Herodis mucicha ajjeesuudhaaf waan barbaaduuf, hamma ani sitti himutti achuma turi!? ittiin jedhe.
Maatewos 2:19
19Yeroo Herodis du'etti garuu ergamaan gooftaa tokko biyya Gibxitti abjuutti Yoseefitti mul'atee,
Maatewos 2:22
22Arkelaawos qooda abbaa isaa Herodis Yihudaa irratti mo'uu isaa waan dhaga'eef garuu, Yoseef achi dhaquu in sodaate; abjuudhaanis gorfamee gara kutaa biyya Galiilaatti in sokke.
Maatewos 27:19
19Kanuma irratti iyyuu utuu Philaaxos barcuma firdii irra taa'uu haati manaa Philaaxos, ?Namicha qajeelaa sana waa hin godhin! Anoo eda halkan abjuutti waa'ee isaatiif baay'ee dhiphachaan ture? jettee itti dhaamte.
Hojii Ergamootaa 2:17
17?Guyyaa gara dhumaatti akkana in ta'a jedha Waaqayyo, foon-qabeessa hundumaaf hafuura koo nan kenna, ilmaan keessanii fi intaloonni keessan raajii in dubbatu; dargaggoonni keessan mul'ata in argu, maanguddoonni keessanis abjuu in abjootu.