Abboomamuu

10 Lakkoofsota6Afaan Oromoo

Keessa Deebii 5:32-33

32Egaa of eeggadhaatii akkuma Waaqayyo gooftaan keessan isin abboometti isa eegaa, isa irraas gara mirgaatti yookiis gara bitaatti hin gorinaa!

33Isin akka jiraattanitti, gaariis akka isiniif ta'utti, biyya isa qabachuuf jirtan keessas bara dheeraa akka jiraattanitti, karaa Waaqayyo gooftaan keessan isin abboome hundumaa irra deddeebi'aa!” jedhe.

Keessa Deebii 6:1-3

1Ammas abboommiin, seerranni, wanti qajeelaa ta'es, inni Waaqayyo gooftaan keessan biyya dhaaluudhaaf itti adeemtan keessatti akka hojjettaniif isin barsiisuu na abboome, kanatti aane kan jiruu dha.

2Kunis isin guutummaa bara jireenya keessaniitti seerrata isaa fi abboommii isaa warra ani isin, ijoollee keessan, ijoollee ijoollee keessaniis abboomu, eeguudhaaf Waaqayyoon gooftaa keessan akka sodaattaniif, barri keessanis akka isiniif dheeratuuf kan kennamanii dha.

3Egaa yaa Israa'el dhaga'i! Gaarii akka siif ta'uuf, akkuma Waaqayyo inni kan abboota keetii si abdachiisettis biyya aannanii fi damma baasu sana keessatti guddaa baay'achaa akka adeemtuuf wanta kana of eeggadhuu hojjedhu!

Faarfannaa 111:10

10Waaqayyoon sodaachuun jalqaba ogummaa ti, warri isa duukaa bu'anii hojjetan hubannaa gaarii qabu; Waaqayyoon jajachuunis yeroo hundumaaf jabaatee in dhaabata.

Faarfannaa 112:1

1Waaqayyoon jajadhaa! Namni Waaqayyoon sodaatu, inni abboommiin isaa guddaa itti tolus haa gammadu!

Faarfannaa 119:9

9Dargaggeessi maaliin adeemsa isaa qullaa'ummaatti eeguu danda'a” Akka dubbii keetti adeemsa isaa qajeelfachuudhaan eeggachuu in danda'a.

Fakkeenya 21:3-4

3Wanta qajeelaa fi wanta dhugaa hojjechuun, aarsaa caalaatti Waaqayyo biratti fudhatamaa dha.

4Waan guddaatti of ilaaluun, of bokoksuun, wanti jal'oonni hojjetan hundinuus cubbuu dha.