Abboommii Kurnan

17 LakkoofsotaAfaan Oromoo

Ba'uu 20:1-17

1Waaqayyo dubbii kanatti fufee jiru hundumaa in dubbate;

2inni,“Ani Waaqayyo, gooftaa kee isa mana garbummaa biyya Gibxii keessaa si baasee dha.

3“Waaqayyolii kan biraa tokko illee ana bukkeetti hin qabaatin!

4“Bifa qirixame, fakkeenya wanta ol waaqa irra jiruu, gad lafa irra jiruu, yookiis bishaan keessa lafa jala jiruu hin tolfatin!

5Ati bifa fakkeenyaa kanaaf hin sagadin, isaafis hin hojjetin! Ani Waaqayyo gooftaan kee Waaqayyo hinaafaa dha; cubbuu abbootaa hamma dhaloota sadii, hamma dhaloota afuriittis harka ijoollee warra na jibbanii keessaa nan barbaada.

6Dhaloota warra na jaallatanii abboommii koo eeganiitti garuu, kumaatama isaaniitti gaarummaa koo nan argisiisa.

7“Ani Waaqayyo nama akkasumaan maqaa koo dha'u utuun hin adabin waan ani hin dhiifneef, ati maqaa koo maqaa Waaqayyoo gooftaa keetii akkasumaan hin dha'in!

8“Guyyaa Sanbataa qulqullinatti eeguudhaaf yaadadhu!

9“Guyyaa ja'a hojii kee hojjedhu, jiruu kees hundumaa godhadhu!

10“Guyyaan inni torbaffaan garuu Sanbata ana Waaqayyo gooftaa keetiif eegamuu dha; ati, ilmi kee, intalli kee, hojjetaan kee, hojjettuun kee, horiin qe'ee kee, galaan kellaa kee keessa jirus isatti hojii tokko illee hin hojjetin!

11“Ani Waaqayyo guyyaa ja'a keessatti bantii waaqaa fi lafa, galaana, wanta isaan keessa jiru hundumaas uumee, guyyaa torbaffaatti nan boqodhe; kanaaf ani Waaqayyo guyyaa Sanbataa nan eebbise, nan qulqulleesses.

12“Biyya ani Waaqayyo gooftaan kee siif kennu keessa bara dheeraa akka jiraattuuf, abbaa kee fi haadha keef ulfina kenni!

13“Hin ajjeesin!

14“Hin ejjin!

15“Hin hatin!

16“Nama irratti sobaan dhugaa hin ba'in!

17“Mana namaa duraa fudhachuudhaaf hin hawwin! Haadha manaa namaa, hojjetaa isaa, hojjettuu isaa, qotiyyoo isaa, harree isaa, waanuma kan isaa ta'e duraa fudhachuudhaaf hin hawwin!” jedhe.