Abbaa
31 Lakkoofsota25Afaan OromooFaarfannaa 103:13
13abbaan ijoollee isaatiif akka garaa laafu, Waaqayyos akkasuma warra isa sodaataniif garaa in laafa.
1ffaa Yohaannis 3:1
1Abbaan jaalala guddaa attamii akka nu argisiise mee ilaalaa! Jaalala kanaan nuyi ijoollee Waaqayyoo jedhamnee in waamamna; dhugumas nuyi ijoollee isaa ti. Biyyi lafaa immoo Waaqayyoon waan hin beekneef, nu hin beeku.
Fakkeenya 3:11-12
Maatewos 6:6
6Ati garuu yeroodhuma kadhattu mana keetti ol gali, balbala cufadhu, abbaa kee isa iddoo dhoksaa sana jiru kadhadhu! Abbaan kee inni dhoksaatti argus gatii kee siif in kenna.
Yohaannis 17:24
24Yaa abbaa, isaan ati anaaf kennite kun iddoon ofii jiraadhu haa jiraataniif, ulfina isa ati biyyi lafaa utuu hin uumamin waan na jaallatteef anaaf laattes, haa arganiif nan fedha.
Maatewos 6:26
26Simbirroota qilleensa keessa balali'an ilaalaa! Isaan hin facaasan hin haamanis gombisaattis hin galchan; garuu abbaan keessan inni waaqa irraa isaan in soora. Egaa isin immoo isaan irra guddaa hin caaltanii ree?
1ffaa Yohaannis 2:15
15Biyya lafaa yookiis waan biyya lafaa jaallachuutti hin hidhaminaa; namni tokko biyya lafaa jaallachuutti yoo hidhame, Waaqayyo abbaa jaallachuun isa keessa hin jiru.
Yohaannis 10:28-30
Fakkeenya 15:5
5Gowwaan gorsa abbaa isaa tuffata, namni ifata dhaga'u garuu hubataa dha;
Filiphisiyus 4:20
20Waaqayyo abbaa keenyaaf ulfinni baraa hamma bara baraatti haa ta'uuf! Ameen.
Yohaannis 14:23
23Yesus deebisee, ?Eenyu illee yoo na jaallate dubbii koo in raawwata, abbaan koo immoo isa in jaallata; nuyis isa bira in dhufna, iddoo jireenyaas isa bira in godhanna.
Yohaannis 1:12
12Hamma isa simataniif immoo ijoollee Waaqayyoo akka ta'aniif aboo isaaniif kenne; isaanis warra maqaa isaatti amananii dha.
Luqaas 12:32
32Yesus itti dabalee, ?Isin yaa warra karra xinnayyoo nana! Kana keessaa hin sodaatinaa; abbaan keessan mootummaa isaa isiniif kennuu jaallateera.
Maatewos 10:29-31
Roomaa 8:19
19Uumamni hundinuu, mul'achuu ijoollee Waaqayyoo dhimmanii eeggachaa jiru.
Yohaannis 14:6
6Yesus deebisee, ?Karichi, dhugaan, jireenyis, ana; anaan yoo ta'e malee, eenyu iyyuu gara abbaa hin dhufu.
Yaaqoob 1:17
17Kennaan gaariin hundinuu, kennaan guutuun hundinuus abbaa ifaa biraa ol waaqa gubaadhaa in dhufa; abbaa ifaa bira gegeddaramuun, yookiis gaaddisi gara galuun iyyuu hin jiru.
Isaayaas 9:6
6Mucaan nuuf dhalateera, ilmis nuuf kennameera; humni mootummaa isaa gatiittii isaa irra jira; maqaan isaa,“Gorsaa, dinqii, Waaqayyo-jabaa, abbaa bara baraa, angafa nagaa” in jedhama.
Roomaa 8:32
32Waaqayyo ilma isaa utuu hin mararsiifatin hunduma keenyaaf dabarsee erga kennee, waan hundumaas immoo ilma isaa wajjin tola nuuf hin kennuu ree?
Yohaannis 14:21
21Namni abboommii koo qabu, inni isa raawwatus, isa, kan na jaallatu; nama na jaallatu immoo abbaan koo isa jaallachuuf jira, anis isa nan jaalladha, ofii koos isatti mul'isuufan jira? jedhe.
Yohaannis 14:13
13Abbaan ilma isaatiin ulfina akka argatutti, waanuma isin maqaa kootiin kadhattan ani nan raawwadha.
Maatewos 26:53
53Ani abbaa kootti dhageessifachuu hin danda'u sitti fakkaataa ree? Innoo ammuma ergamoota duula kudha lama irra caalan iyyuu anaaf in erga ture.
Yohaannis 14:2
2Mana abbaa koo keessa iddoon jireenyaa baay'eetu jira; utuu inni hin jiru ta'ee, isinitti nan himan ture; iddoo jiru sana isiniif qopheessuudhaaf nan adeema.
Yohaannis 1:18
18Homtinuu takkaa Waaqayyoon hin argine, ilma tokkicha isa abbaa bukkee ture sanatu waa'ee isaa hiikee beeksise malee.