Abdii

13 Lakkoofsota7Afaan Oromoo

Faarfannaa 31:24

24Isin warri Waaqayyoon eeggattan hundinuu, jabaadhaa, laphee jabaadhaas!

Faarfannaa 71:5

5Yaa Waaqayyo gooftaa ko, ati abdii koo ti, ati mucummaa kootii jalqabdee amanannaa koo ti!

Fakkeenya 14:32

32namni jal'aan hammina isaatiif gad in darbatama, namni qajeelaan garuu, yeroo du'utti illee abdii in qabaata;

Roomaa 5:3-5

3Kana malees immoo gidiraan obsa akka fidu beeknee, gidiraa nutti dhufes gammachuudhaan in himanna.

4Obsi qoramanii ba'uu fida, qoramanii ba'uunis abdii fida.

5Sababii Waaqayyo, jaalala isaa isa karaa hafuura qulqulluu nuuf kenname, garaa keenya keessatti dhangalaaseef, abdiin immoo nu hin yeellaasisu.

1ffaa Pheexiroos 1:3-5

3Waaqayyoo fi abbaa gooftaa keenyaa Yesus Kristosiif galanni haa ta'u! Inni araara isaa isa guddaadhaan, Yesus Kristos warra du'an keessaa ka'uu isaatiin, abdii isa jiraataa kanatti qabamnee akka jiraannuuf haaraa godhee nu dhalachiiseera.

4Waan hin badne, waan xurii hin qabne, waan gad deebi'aa hin adeemnes, isa waaqa keessatti isiniif eegamee jirutti darbitanii akka fudhattan godheera.

5Kunis, isin warra, karaa amantii fayyina bara booddeetti mul'achuuf qophaa'ee taa'u sanaaf, humna Waaqayyootiin eegamtanii jirtaniif in ta'a.

1ffaa Pheexiroos 1:21

21Karaa isaa isin immoo Waaqayyo isa du'aa isa kaasetti ulfinas kenneefitti, warra amanan taataniittu; akkasumas amantiin keessanii fi abdiin keessan Waaqayyotti jabaachuu isaa ti.

1ffaa Yohaannis 3:1-3

1Abbaan jaalala guddaa attamii akka nu argisiise mee ilaalaa! Jaalala kanaan nuyi ijoollee Waaqayyoo jedhamnee in waamamna; dhugumas nuyi ijoollee isaa ti. Biyyi lafaa immoo Waaqayyoon waan hin beekneef, nu hin beeku.

2Michoota ko! Nuyi amma ijoollee Waaqayyoo ti; isa booddee immoo maal ta'uuf akka jirru mul'ataa miti. Haa ta'u iyyuu malee, yommuu inni mul'atu inni akka jirutti isa arguuf waan jirruuf, akka isaa akka taanu beekna.

3Akka kanatti kan isa abdatu hundinuu akkuma isa qulqulluu sanaatti of in qulqulleessa.