2ffaa Qorontos 5

GAZGAZAfaan Oromoo21 Keeyyattoota3:50 Dhaggeeffadhu
Dhaggeeffadhu 3:50 · Diraamaawaa Biblight keessatti bani

1Godoon jireenya keenyaa, [kana jechuunis dhagni keenya,] lafa kana irraa yoo jige, ijaarsa harki namaa hin ijaarin, mana bara baraan bantii waaqaa keessa jiraatu, Waaqayyo biraa akka qabnu in beekna.

2Isa ammaa kana keessatti baay'ifnee in aadna, mana keenya isa waaqa irraas irrumatti dabalachuudhaaf in hawwina.

3Irratti dabalachuun keenyas isa duraa of irraa baafnee qullaa keenya akka hin argamneef;

4godoo keenya isa kana keessa lafa irra yeroo jiraannu, ba'aan nutti ulfaatee in aadna; kunis mana keenya isa waaqa irraa isuma kana irratti dabalachuudhaaf, kanaanis inni du'u jireenyaan akka liqimfamuuf malee, nuyi godoo keenya kana of irraa baasuu waan barbaanneef miti.

5Inni akeeka kanaaf nu qopheessu immoo, Waaqayyo isa hafuura isaa qabsiisa nuuf kennee dha.

6Kanaaf nuyi yeroo hundumaa ija jabina qabna; mana dhagna keenyaa keessa hamma jirrutti, mana gooftaa irraa fagaannee jiraachuu keenya in beekna.

7Nuyi amantiidhaan jiraanna malee, waan hundumaa ijaan arguudhaan jiraanna miti.

8Nuyi ija jabina qabna; mana dhagna keenyaa kana irraas fagaannee, mana keenyatti gooftaa bira jiraachuun nuuf in wayya.

9Egaa mana dhagna keenyaa keessa jiraannus isa irraa fagaannus, gooftaa biratti fudhatamoo akka taanuuf in dhimmina.

10Namni adduma addaan dhagna isaa kanatti utuu jiruu gaariis ta'e hamaas ta'e, akkuma hojjetetti waan isaaf ta'u akka argatuuf, nuyi hundumti keenya barcuma firdii Kristos duratti dhi'aachuuf jirra.

11Kanaafis nuyi goofticha sodaachuun maal akka ta'e beeknee, namoonni kana tole jedhanii akka fudhatan in goona. Nuyi maal akka taane immoo Waaqayyo biratti beekamaa dha; yaada garaa keessaniitti beekamaa akka ta'es nan abdadha.

12Nuyi lammaffaa deebinee isinitti of dhi'eeffachuudhaaf miti; nuun akka of jajjaniif sababii isiniif in kennina; yoos warra keessa isaaniitiin utuu hin ta'in waan duubaan mul'atuun of jajaniif deebii kennuufii in dandeessu.

13Nuyi yoo qalbii dabarsine, Waaqayyoof qalbii dabarsine; qalbiin keenya guutuu yoo ta'e immoo isiniif qalbiin keenya guutuu ta'a.

14Namni tokko hundumaaf akka du'e, kanaanis namoonni hundinuu du'uu isaanii amannee waan fudhanneef, jaalalli Kristos nu qaba.

15Egaa warri jiraatan si'achi isa isaaniif jedhee du'ee, du'aa kaafameef malee, ofii isaaniitiif akka hin jiraannetti, inni hundumaaf du'eera.

16Egaa nuyi ammaa jalqabnee, eenyuun illee akka alaan ilaalamutti hedanna miti; Kristosin iyyuu akka alaan ilaalamutti hedanne yoo ta'e, si'achi akkasitti isa hin hedannu.

17Kanaafis namni kan Kristos yoo ta'e, uumama haaraa dha; inni moofaan darbe, kunoo inni haaraan dhufeera.

18Kun hundumtuu Waaqayyo isa karaa Kristos ofitti nu araarse biraa ta'e; inni hojii araarsuu isaa kanas namootatti akka dabarsinuuf nuuf kenne.

19Kunis, Waaqayyo irra-daddarbaa namootaa itti lakkaa'uu dhiisee, karaa Kristos biyya lafaa ofitti araarse jechuu dha; ergaa araara isaa kana immoo hadaraa nutti kenne.

20Egaa nuyi afaan Kristos taanee ergamneerra; Waaqayyos karaa keenya isin in dhageessifata; ?Waaqayyotti araaramaa!? jennee qooda Kristos taanee isin in kadhanna.

21Isa cubbuu tokko illee hin qabne, nuyi karaa isaa qajeelina Waaqayyoo akka argannutti, nuuf jedhee cubbamaa isa godheera.

Ibsa

5:1-8

Amantuun, amantiidhaan guutummaatti mirkanaa'eera jireenyi biraa gammachuun guutame tokko jireenya kana booda jiraatu akka jiru; kana qofa osoo hin taane, inni samii akka iddoo jiraataa, iddoo boqonnaa, fi iddoo dhokannaa ta’utti, ayyaanaan abdiin gaariin qaba. Mana Abbaa keenyaa keessa iddoowwan jireenyaa hedduu jiru, kan Jaartuu fi Hojjetaa isaanii Waaqayyo ta’e. Gammachuun haala fuulduraa Waaqayyo warra isa jaallataniif qopheesseedha: iddoowwan jiraataa bara baraa, kan akka golgoloowwan lafaa, manneen suphee hiyyeessotaa, kan lubbuun keenya amma keessa jiraattu hin taane; kan badisaa fi diigamaa jiran, kan bu'uurri isaanii biyyoo keessa jiru. Foon namaa ba’aa ulfaataadha, rakkinni jireenyaa fe'umsa ulfaataadha. Garuu amantoonni ni huursu, foon cubbuutiin ba’aa qabaachaa, akkasumas sababa manca’iinsa hedduun isaan keessa hafanii fi buburraaquuf. Duuti uffata foonii nurraa buqqisa, akkasumas mijaa’ina jireenyaa hundaa, akkasumas rakkoowwan keenya hunda kan as lafa jiran ni xumura. Garuu lubbuuwwan amantootaa uffata galataa, uffata qajeelchaa fi ulfinaatiin ni uffifamu. Ayyaanni fi jajjabina Hafuura Qulqulluu kan amma jiran agarsiistuu ayyaana fi jajjabina bara baraati. Waaqayyo as lafa irratti, Hafuura isaa fi seerota isaa keessatti nuu wajjin jiraatus, garuu akka abdanu sana isaa wajjin hin jirru. Amantiin kan addunyaa kanaati, argiin immoo kan addunyaa biraati. Inni dirqama keenya dha, akkasumas faayidaa keenya ta’a, hanga argaadhaan jiraannutti amantiidhaan deemuu. Kun gammachuu lubbuuwwan amantootaa yeroo foon irraa fagaatan argatan ifatti agarsiisa, akkasumas bakka Yesus argama ulfina isaa ifoomsu. Nuti foonii fi Gooftaa wajjin hariiroo qabna; tokkoon tokkoon isaanii keenya keessaa qooda gaafata. Garuu Gooftaan lubbuu amantichaa ofii isaatti dhiheenyatti akka tokkummaa qabaattuuf hammam caalaa humnaan falmata! Ati lubbuuwwan ani jaalladhee filadhe keessaa tokkoo dha; warra anaaf kennaman keessaa tokko.

Ibsa guutuu dubbisi Sagalee, ibsa guutuu fi dubbisa toora alaa

Hiikkoowwan8 · 6

AMHEVG ድንኳን የሚሆነው ምድራዊ መኖሪያችን ቢፈርስ፥ በሰማይ ያለ በእጅ ያልተሠራ የዘላለም ቤት የሚሆን ከእግዚአብሔር የተሠራ ሕንጻ እንዳለን እናውቃለንና። አማርኛ ENGNIV Now we know that if the earthly tent we live in is destroyed, we have a building from God, an eternal house in heaven, … English BCV እዛ ድንኳን ዝኾነት፥ ምድራዊት መንበሪትና እንተ ፈረሰት እኳ፥ ብኢድ ሰብ ዘይተሰርሐት፥ ካብ እግዚኣብሄር ዝኾነት ናይ ዘለኣለም ቤት፥ ኣብ ሰማያት ከም ዘላትና ንፈልጥ ኢና። ትግርኛ GAZBIB Godoon jireenya keenyaa, [kana jechuunis dhagni keenya,] lafa kana irraa yoo jige, ijaarsa harki namaa hin ijaarin, man… Afaan Oromoo BCV GIZ ወነአምር ከመ ለእመሂ ተነሥተ ቤተ ማኅደርነ ዘበምድር ዘውእቱ ሥጋ፤ ብነ ሕንጻ በኀበ እግዚአብሔር በሰማያት ዘኢገብሮ እደ ሰብእ። giz BCV aksum እዛ ድንኳን ዝኾነት፥ ምድራዊት መንበሪትና እንተ ፈረሰት እኳ፥ ብኢድ ሰብ ዘይተሰርሐት፥ ካብ እግዚኣብሄር ዝኾነት ናይ ዘለኣለም ቤት፥ ኣብ ሰማያት ከም ዘላትና ንፈልጥ ኢና። ትግርኛ AMHNIV መኖሪያችን የሆነው ምድራዊ ድንኳን ቢፈርስም፣ በሰው እጅ ያልተሠራ ነገር ግን ከእግዚአብሔር የሆነ ዘላለማዊ ቤት በሰማይ እንዳለን እናውቃለን። አማርኛ SWAHSUV Kwa maana twajua ya kuwa nyumba ya maskani yetu iliyo ya dunia hii ikiharibiwa, tunalo jengo litokalo kwa Mungu, nyumba… Kiswahili