Abjuu Fara'aa
36 LakkoofsotaAfaan OromooSeensa 41:1-36
1Waggaan lama erga darbee booddee, mootiin Gibxii abjuu abju'ate; abjuu isaatiinis qarqara laga Abbayyaa dhaabatee ture;
2kunoo, saawwan cululuqoo fi gabbatoonni torba laga Abbayyaa keessaa ol ba'anii, jajjaba keessa in dheedu turan.
3Ammas kunoo, saawwan kan biraa jibbisiisonnii fi huqatoonni torba isaan booddeedhaan laga Abbayyaa keessaa ol ba'anii, saawwan warra duraa bira qarqara lagichaa dhaabatan.
4Saawwan warri jibbisiisonnii fi huqatoonni sun, warra cululuqoo fi gabbatoo torban sana in liqimsan; kana booddee mootiin Gibxii hirribaa in dammaqe.
5Mootiin Gibxii ammas deebi'ee rafee, lammaffaa abjuu abju'ate; kunoo, mataan midhaanii torba iji isaa gugguute, tolees somaa tokko irratti guddatee ture;
6isaan booddeedhaan immoo kunoo, mataan midhaanii iji isaa xooxaree qilleensi ba'a-biiftuu gube torba ol ba'an.
7Mataan midhaanii warri xooxaran, warra gugguutuu gurguddaa sana torban in liqimsan; mootiin Gibxiis in dammaqe; kunis abjuu ture.
8Yommuu bari'es mootiin Gibxii yaadni isaa waan raafameef, warra ayyaana heddanii fi beektota Gibxii ofitti waamsisee, abjuu isaa isaanitti in hime; garuu isaan keessaa namni abjuu sana hiikuu danda'e hin turre.
9Yommus eegduun warra dhugaatii dhi'eessanii mootichaan,“Ani balleessaa koo har'a nan yaadadhe;
10al tokko ati dheekkamtee anaa fi eegduu warra buddeena tolchanii sana, eegdota mana hidhaatti kennitee nu hiisiftee turte.
11Nuyi halkanuma tokkicha abjuu abju'anne; inni, anis abjuu hiikaa adda addaa qabu mata mataatti abju'anne.
12Achi Ibrichi dargaggeessi garbichi ajajjuu warra eegdotaa tokko nu bira ture; abjuu keenya yeroo isatti himanne inni adduma addaan akkuma abjuu keenyaatti hiikaa isaa nuuf kenne;
13akkuma inni abjuu keenya nuuf hiike ta'e, ani lafa hojii kootti nan deebi'e, eegduun warra buddeena tolchanii immoo in rarraafame” jedhe.
14Kana irratti mootiin Gibxii ergee Yoseefin in waamsise; isaan boolla mana hidhaa sana keessaa ariifachiisanii isa fidan; inni haadatee, uffata isaas erga diddiiratee, gara mootii Gibxiitti in dhi'aate.
15Mootiin Gibxii yommus Yoseefiin,“Ani abjuu abjodheen ture, garuu namni tokko illee anaaf hiikuu hin dandeenye; ati garuu abjuu yoo sitti himan hiikuu in dandeessa jechuu nan dhaga'e” jedhe.
16Yoseef deebisee, mootii Gibxiin,“Waaqayyotu deebii nagaa isa siif ta'u kenna malee, ana miti” jedhe.
17Yommus mootiin Gibxii,“Kunoo, ani abjuu kootiin qarqara laga Abbayyaa dhaabadheen ture;
18saawwan gabbatoo fi cululuqoonni torba laga Abbayyaa keessaa ol ba'anii, jajjaba keessa dheedu turan.
19Isaan booddeedhaan immoo saawwan jooroo, baay'ee jibbisiisoo fi huqatoonni torba ol ba'an; ani saawwan saakachaa'oo akka isaanii takkaa guutummaa biyya Gibxii keessatti argee hin beeku.
20Saawwan huqatoo fi jibbisiisoonni sun, saawwan gabatoo torban duraa sana in liqimsan.
21Erga isaan liqimsanii booddee garuu, amma iyyuu akkuma isaanii duraa jibbisiisoo waan ta'aniif, saawwan sana liqimsuu isaanii namni tokko illee beekuu hin danda'u ture; kana booddee ani hirribaa nan dammaqe.
22“Akkasumas ani abjuu koo isa kaan keessatti mataan midhaan torbaa iji isaa gurgudatee kan tole, somaa tokko irratti utuu guddatuu nan arge.
23Isaan booddeedhaan immoo kunoo, mataan midhaanii iji isaa colligee, xooxaree, qilleensi ba'a-biiftuu gube torba ol ba'an.
24Mataan midhaanii warri xooxaran sun immoo mataa midhaanii warra iji isaanii tole torban sana in liqimsan; ani kana warra ayyaana heddanitti nan hime; garuu tokko illee kana kan anaaf ibsu hin argamne” jedhe.
25Yoseef yommus mootii Gibxiin,“Abjuun kee tokkichuma, Waaqayyo wanta gochuudhaaf jedhu sitti mul'iseera;
26saawwan nama mararan torban, waggoota torba; mataan midhaanii tolan torbanis waggootuma torban sana; abjuun kee lachanuu tokkichumatti in hiikama.
27Saawwan huqatoo fi jibbisiisoonni isaan sana booddeedhaan ol ba'an torban, akkasumas mataan midhaanii ija hin qabne qilleensi ba'a-biiftuu isaan gube torban waggoota torba; waggoonni kun torban waggoota beelaa ta'uuf jiru.
28Dubbichi akkuma ani sitti himee dha yaa mootii! Waaqayyo wanta gochuudhaaf jedhu sitti argisiiseera.
29Yeroon itti guutummaa biyya Gibxii irratti quufni guddaan isaa ta'u, kunoo, waggoonni torba dhufuuf jiru.
30Isaan booddeedhaan garuu waggoonni beelaa torba in dhufu; quufni biyya Gibxiitti ta'e sun hundinuu in irraanfatama; beelichis biyyicha in fixa.
31Beelichi inni isatti aanu baay'ee cimaa waan ta'uuf, waggoonni quufaa sun biyyicha keessatti deebi'anii hin yaadataman.
32Abjuun kee lama ta'uun isaa dubbichi Waaqayyo biraa akka cite, Waaqayyo yeroo gabaabaa keessatti kana gochuuf akka jiru in argisiisa.
33“Ammas ati nama hubataa, nama ogeessas ilaalii, biyya Gibxii irratti aboo irra kaa'i!
34Itti dabaltees namoota dubbicha duukaa bu'anii ilaalan, waggoota quufaa torban keessas wanta biyya Gibxii irraa galu keessaa harka shan keessaa harka tokko fuudhan, biyyicha irra kaasii, aboos kenniif!
35Isaan midhaanicha hundumaa waggoota gaarii dhufuuf jiran kana keessa walitti haa qaban! Nyaataafis mandaroota keessa tuulanii, harka kee jalatti haa eegan!
36Biyyichi beelaan akka hin badnetti, midhaan kun biyyaaf akka ta'utti, waggoota torban yeroo itti beelli biyya Gibxii irra bu'uuf jiru sanaaf haa kaa'amu!” jedhe.