Abbootii Manaa Haadha manaa fi Ijoollee
17 Lakkoofsota2Afaan OromooEfesoona 5:21-33
21Kristosin safeeffachuudhaan waliif abboomamaa!
22Haati manaa akkuma gooftaa Yesusiif abboomamtu abbaa manaa isheetiifis haa abboomamtu!
23Kristos mataa waldaa kristiiyaanaa akkuma ta'e, abbaan manaas mataa haadha manaa ti; Kristos fayyisaa waldaa kristiiyaanaa ti; waldaan immoo dhagna isaa ti.
24Waldaan kristiiyaanaa harka Kristos jala akkuma of galchitu, haati manaas waan hundumaatti harka abbaa manaa isheetii jala of haa galchitu.
25Kristos akkuma waldaa kristiiyaanaa jaallate, waldaadhaafis dabarsee of kenne, akkasuma abbaan manaas haadha manaa isaa haa jaallatu!
26Waldaan kristiiyaanaa Waaqayyo biratti fudhatamtu akka taatutti, Kristos karaa dubbii isaatii bishaaniin dhiquudhaan ishee in qulleessa.
27Waldaas xurii fi dirmammuun, wanti kana fakkaatus utuu irratti hin argamin fudhatamtuu mudaa hin qabne godhee, ulfinaan of dura ishee dhaabuuf jira.
28Akkasuma immoo abbaan manaa akkuma dhagna ofii isaa jaallatutti, haadha manaa isaa jaallachuun in ta'aaf; namni haadha manaa isaa jaallatu ofii isaa in jaallata.
29Namni foon isaa in soora, in dhimmaaf malee, takkaa foon isaa jibbee hin beeku; Kristosis waldaadhaaf akkasuma godhe.
30Nuyi bu'aa dhagna Kristos.
31Caaffanni qulqullaa'aan, ?Sababii kanaaf dhiirri abbaa isaa fi haadha isaa in dhiisa, haadha manaa isaattis in maxxana; isaan lachanuus foon tokko in ta'u? in jedha.
32Dubbiin kun dhoksaa gad fagoo of keessaa qaba; inni waa'ee Kristosii fi waa'ee waldaa kristiiyaanaa in dubbata jechuu koo ti.
33Dubbiin kun isinis immoo in ilaala; tokkon tokkon abbaa manaa akkuma kanatti haadha manaa isaa akka ofii isaatiitti haa jaallatu; haati manaas abbaa manaa isheetiif ulfina haa kennitu!
Efesoona 6:1-4
1Ijoollee! Abboota keessanii fi haadhota keessaniif abboomamaa! Kun gooftaa duratti qajeelaa dha.
2Abboommiin inni dura abdii wajjin kenname, ?Abbaa keetii fi haadha keetiif ulfina kenni!? isa jedhuu dha.
3Abdichis, ?Gaarii akka siif ta'utti, lafa irras bara dheeraa akka jiraattutti!? jedha.
4Isin immoo abboota nana! Adabaa fi barsiisa gooftaatiin ijoollee keessan guddisaa malee, isaan aarsuudhaaf isaan hin tuttuqinaa!