Luqaas 17

GAZGAZAfaan Oromoo37 Keeyyattoota6:21 Dhaggeeffadhu
Dhaggeeffadhu 6:21 · Diraamaawaa Biblight keessatti bani

1Yesus yommus bartoota isaatiin, ?Gufannaan dhufuu hin oolu; garuu nama gufannaan karaa isaa dhufu sanaaf wayyoo.

2Warra xixinnaa kana keessaa tokko gufachiisuu isaatii mannaa, dhagaan daakuu morma isaatti hidhamee galaana keessa utuu buufamee isaaf wayya ture.

3Ofii keessanii of eeggadhaa; obboleessi kee yoo si yakke, jabeessi isa gorsi, inni yoo yaada garaa isaa geddaratee dhiisiif.

4Guyyaattis si'a torba si yakke, si'a torbanuu immoo gara keetti deebi'ee, ?Nan gaabbe anaaf dhiisi!? yoo siin jedhe dhiisuufiitu siif ta'a? jedhe.

5Ergamoonni yommus gooftichaan, ?Amantii keenya nuuf guddisi!? jedhan.

6Gooftichi immoo deebiseefii, ?Amantii hamma ija sanaaficaa kan geessu utuu qabaattanii, qilxuu kanaan, ?Buqqa'ii galaana keessa dhaabami!? in jettu; innis isiniif in abboomama? jedheen.

7Yesus, ?Isin keessaa tokko hojjetaa qotiisa qotu yookiis horii tiksu yoo qabaate, hojjetichi hojiidhaa yommuu galu achumaan, ?As taa'ii nyaata nyaadhu!? in jedhaanii ree?

8?Nyaata qopheessii anaaf dhi'eessi, hamma ani nyaadhee dhugutti wayyaa kee marxifadhuu anaaf ergami! Kana booddee atis in nyaatta in dhugda? in jedhaan mitii ree?

9Hojjetaa kanas isa itti ajajame waan raawwateef in galateeffataa ree?

10Isinis immoo kan itti ajajamtan hundumaa yommuu raawwattan, ?Hojjechuun kan nu irra jiru duwwaa waan hojjenneef, galateeffamuun nuuf hin ta'u? jedhaa!? isaaniin jedhe.

11Yesus Yerusaalem utuu dhaquu Samaariyaadhaa fi Galiilaa keessa darbe.

12Akkuma inni ganda tokkotti galeen, namoonni kudhan dhukkuba lamxii kan dhukkubsatan itti dhufan. Isaan fagoo dhaabatanii,

13sagalee isaanii ol fudhatanii, ?Yaa Yesus barsiisaa nu maari!? jedhaniin.

14Yesus isaan ilaalee, ?Dhaqaa luboota of ilaalchisaa!? jedheen; isaan immoo dhaqaa utuu jiranii in qullaa'an.

15Tokko isaan keessaa akka fayye arginaan, sagalee guddaadhaan Waaqayyoof hooqubaa dhi'eessaa, deebi'ee gara Yesus in dhufe.

16Miilla Yesus jalatti adda isaatiin lafa dha'ee isa galateeffates; inni nama Samaariyaa ture.

17Yesus deebisee, ?Namoota kudhantoo qullaa'ee, salganuu meerree ree?

18Isa orma kana irraa kan hafe namni Waaqayyoof hooqubaa dhi'eessuudhaaf deebi'e hin argamnee?? jedhe.

19Yesus yommus namichaan, ?Ka'ii, dhaqi amantiin kee si fayyiseera? jedheen.

20Yesus, mootummaan Waaqayyoo yoom akka dhufu warra Fariisotaatiin gaafatamee, deebii isaaniif deebise. ?Mootummaan Waaqayyoo milikkitaan himamee hin dhufu.

21Homtinuus, ?Ilaa as jira yookiis achi jira? hin jedhu; kunoo, mootummaan Waaqayyoo gidduu keessan jira? jedhe.

22Itti fufees bartoota isaatiin, ?Yeroon isin itti guyyoota ilma namaa keessaa guyyaa tokko illee arguudhaaf hawwitan in dhufa, hin argitanis.

23?Ilaa inni achi jira; yookiis inni as jira? isiniin jedhu, isinis immoo hin dhaqinaa duukaas hin fiiginaa!

24Balaqqeessi bantii waaqaa gar tokko hamma gara kaaniitti balaqqeessa'ee akka ibsu, ilmi namaa guyyaa isaatti akkasuma in ta'a.

25Haa ta'u iyyuu malee, kana dura, harka dhaloota si'anaa kanatti baay'ee dhiphachuunii fi raawwatee tuffatamuun isaaf in ta'a.

26?Bara Nohitti akkuma ta'ee ture, bara ilma namaattis akkasuma in ta'a.

27Namoonni hamma guyyaa Nohi markabatti galetti, bishaan badiisaas dhufee hunduma isaanii balleessetti, nyaachaa, dhugaa, fuudhaa, heerumaas turan.

28Bara Looxis akkuma kana ta'ee ture, namoonni nyaachaa, dhugaa, bitaa, gurguraa, biqiltuu dhaabaa, mana ijaaraa turan.

29Guyyaa Loox Sodoomii ba'etti garuu, ibiddii fi dhagaan boba'u waaqa irraa isaanitti roobee hunduma isaanii fixe.

30Guyyaa itti ilmi namaa mul'atuttis akkasuma in ta'a.

31?Guyyaa sanatti namni mana isaa keessaa ba'ee ala yoo jiraate, mi'i isaa immoo mana keessatti yoo duraa hafe, isa fudhachuudhaaf manatti ol hin deebi'in; lafa qotiisaa kan jirus gara galee gara booddee isaa hin ilaalin!

32Haadha manaa Loox yaadadhaa!

33Namni jireenya isaa oolfachuu yoo barbaade, jireenyi isaa duraa in fudhatama; jireenya isaa kan kennu garuu isa in oolfata.

34Ani isinittan hima, halkan sana namoonni lama siree tokko irra in rafu, isaan keessaa inni tokko in fudhatama, inni kaan immoo in dhiifama.

35Dubartoonni lama walii wajjin dhagaa tokkotti in daaku, isheen tokko in fudhatamti, isheen kaan immoo in dhiifamti. [

36Namoonni lama lafa qotiisaatti argamu, inni tokko in fudhatama inni kaan immoo in dhiifama]? jedhe.

37Kana irratti bartoonni isaa, ?Eessatti, yaa gooftaa?? jedhanii gaafannaan, inni immoo, ?Raqni iddoo jirutti, gogocoroonni wal ga'u? jedhee isaaniif deebise.

Ibsa

17:1-10 Gufannaan nama irraa dhufu yookiin cubbuun namaan raawwatamu, yakka warra isaan fidan sanaa hin hir’isu; akkasumas, gufannaan jiraachuun isaa adaba isaanii hin salphisu. Amantiin garaa laafina dhiifama Waaqayyoo keessa jiru, obboloota keenyaaf dhiifama gochuu keessatti rakkina guddaa dandamachuuf nu dandeessisa. Waaqayyo bira wanti hin danda'amne tokkoyyuu akkuma hin jirree, namni amanuufis wanti hundi ni danda'ama. Gooftaan keenya barattoota Isaa of-gadi deebisuu guddaan isaan barbaachisu agarsiise. Gooftaan uumama hundumaa irratti abbummaa nama biraan nama biraa irratti qabuu hin dandeenye qaba; Hojii isaaniif isaaniif baajata hin qabu, akkasumas isa biraa mindaa kamiyyuu hin malan.

17:11-19 Lamxii keenya isa hafuuraa hubachuun keenya yeroo Kiristoositti dhihaannu hunda akka baay'ee gad of qabnu nu gochuu qaba. Of gara laafina Kiristoositti kennuun ga'aa dha; sababiin isaas isaan hin dhabaman.

Ibsa guutuu dubbisi Sagalee, ibsa guutuu fi dubbisa toora alaa

Hiikkoowwan8 · 6

AMHEVG ለደቀ መዛሙርቱም እንዲህ አለ፦ “መሰናክል ግድ ሳይመጣ አይቀርም፥ ነገር ግን መሰናክሉን ለሚያመጣው ወዮለት፤ አማርኛ ENGNIV Jesus said to his disciples: “Things that cause people to sin are bound to come, but woe to that person through whom th… English BCV ኢየሱስ ንደቀ መዛሙርቱ ኸምዙይ በሎም፦ “መዐንቀፊ ግድን እንተይመፀ ኣይተርፍን እዩ፤ ነቲ ብሰንኩ መዐንቀፊ ዝመፅእ ግና ወይለኡ! ትግርኛ GAZBIB Yesus yommus bartoota isaatiin, ?Gufannaan dhufuu hin oolu; garuu nama gufannaan karaa isaa dhufu sanaaf wayyoo. Afaan Oromoo BCV GIZ ወይቤሎሙ እግዚእ ኢየሱስ ለአርዳኢሁ፦ “ግብር ይመጽእ መንሱት ወባሕቱ አሌ ሎቱ ለዘያመጽኣ ለመንሱት። giz BCV aksum ኢየሱስ ንደቀ መዛሙርቱ ኸምዙይ በሎም፦ “መዐንቀፊ ግድን እንተይመፀ ኣይተርፍን እዩ፤ ነቲ ብሰንኩ መዐንቀፊ ዝመፅእ ግና ወይለኡ! ትግርኛ AMHNIV ኢየሱስ ደቀ መዛሙርቱን እንዲህ አላቸው፤ “ሰዎችን የሚያሰናክል መምጣቱ አይቀርም፤ ነገር ግን ለመሰናክሉ መምጣት ምክንያት ለሚሆን ለዚያ ሰው ወዮለት። አማርኛ SWAHSUV Akawaambia wanafunzi wake, Makwazo hayana budi kuja, lakini ole wake mtu yule ambaye yaja kwa sababu yake! Kiswahili