Hiyyeessa
29 Lakkoofsota14Afaan OromooBa'uu 22:25-27
25“Ati saba koo keessaa hiyyeessa si bira jiru tokkoof horii yoo liqeessite, akka abbaa gatii isatti hin ta'in, hiiqiis hin gaafatin!
26Wayyaa ollaa kee qabsiisaaf yoo fuute, utuu aduun hin lixin galchiif!
27Wanti inni dhagna isaatti uffatee golboobatu isa duwwaa dha, kanaa achi maal uffatee rafa ree” Inni gara kootti yoo iyye, ani oo'a-qabeessa waanan ta'eef isaaf nan dhaga'a.
Ba'uu 23:11
11Waggaa torbaffaatti garuu aara galfachiisi malee hin qotin! Wanta waggaa sana keessa isa irraa argamu dhabaan saba keetii haa nyaatu, isa isaan irraa hafu immoo bineensi haa nyaatu! Muka waynii kee fi muka ejersaa kees akkasuma godhi!
Lewwoota 19:9-10
9“ ‘Midhaan lafa keessan irraa yeroo haamtan, hamma timjii maasii keessaniitti hin haaminaa! Qarmii makara keessanii hin funaaninaa!
10Ani Waaqayyo gooftaa keessan; qarmii ija mukaa iddoo dhaabaa waynii keessanii hin bu'atinaa! Ija isaa isa harca'es hin funaannatinaa! Warra hiyyeessotaa fi warra galaadhaaf dhiisaa!
Lewwoota 25:25-28
25“ ‘Isin warra Israa'el keessaa tokko hiyyoomee araddaa isaa yoo gurgure, aantiin isaa dhufee wanta obboleessi isaa gurgure sana haa furu!
26Aantii isaaf furu kan hin qabne immoo ofii isaatii wanta fure sanaaf isa ga'u yoo argate,
27erga itti gurguree kan waggoota darbanii lakkaa'ee, wanta isa irraa hafu namichaaf haa baasu, ofii immoo araddaa isaatti haa deebi'u!
28Deebisee fudhachuudhaaf kan isa ga'u of harkaa yoo dhabe garuu, araddaan inni gurgure sun hamma ayyaana waggaa shantammaffaa isa itti aanutti isuma bitate harka in tura; ayyaana waggaa shantammaffaa sanatti isa harkaa in ba'a; namichis araddaa isaatti in deebi'a.
Keessa Deebii 24:12-21
12Namichi hiyyeessa yoo ta'e immoo qabsiisa sana of bira hin bulchin!
13Inni wayyaa isaa uffatee bulee akka si eebbisutti yeroo biiftuun lixxu deebisiif! Kunis Waaqayyo gooftaa kee duratti qajeelummaatti siif in lakkaa'ama.
14Ati obboloota kee keessaa yookiis galaa kellaa mandaroota biyya keetii keessa jiraatu keessaa isa hiyyeessaa fi dhabaa qacaramee hojjetu hin cunqursin!
15Inni hiyyeessa waan ta'eef, garaan isaas gara isa ittiin qacaramee yaadaa waan jiruuf, Waaqayyotti si iyyatee kun cubbuu akka sitti hin taanetti, gatii inni ittiin qacarame gaafasuma utuu biiftuun hin lixin kenniif!
16Namni adduma addaan cubbuu ofii isaatiif haa ajjeefamu malee, abboonni ilmaan isaaniif hin ajjeefamin, ilmaanis abboota isaaniif hin ajjeefamin!
17Firdii nama galaa, kan ijoollee abbaan irra hin jirrees hin jal'isin! Uffata dubartii abbaan manaa irraa du'ees qabsiisaaf hin fuudhin!
18Biyya Gibxiitti ati garba akka turte, Waaqayyo gooftaan kees achii akka si fure yaadadhu! Kanaaf dubbii kana akka gootuuf ani sin abbooma.
19Maasii kee keessaa midhaan haamtee yeroo galfattu bissii tokko maasii keessatti yoo irraanfatte, fudhachuudhaaf deebitee hin dhaqin! Waaqayyo gooftaan kee waan ati harka keetiin hojjettu hundumaan akka si eebbisutti, inni nama galaadhaa fi ijoollee abbaan irra hin jirreef, dubartii abbaan manaa irraa du'eefis haa ta'u!
20Mukkeetii ejersaa kee irraa ija isaa yommuu harcaafattu, damee isa bira darbitetti deebitee hin hurguufin! Inni irratti hafu nama galaadhaa fi ijoollee abbaan irra hin jirreef, dubartii abbaan manaa irraa du'eefis haa ta'u!
21Ija waynii iddoo dhaabaa waynii keetii keessaa yeroo galfattu, booddee deebitee hin funaanin! Inni hafu immoo nama galaadhaa fi ijoollee abbaan irra hin jirreef, dubartii abbaan manaa irraa du'eefis haa ta'u!
Neemiyaa 8:10
10Yommus Nahimiiyaan,“Dhaqaatii nyaata fo'amaa nyaadhaa, dhugaatii miyaa'aas dhugaa! Warra waa hin qopheeffanneef immoo waa ergaaf! Guyyaan kun Waaqayyo keenyaaf qulqullaa'aa, gammachuun inni isiniif kennus jabina keessan waan ta'eef, hin gaddinaa!” jedhe.
Iyoob 5:15
15Waaqayyo garuu arraba haxxootaa isa akka billaa jalaa warra deegoo in baasa; harka warra aango-qabeeyyiis isaan in oolcha.
Faarfannaa 9:18
18Warri wanta barbaachisaa dhaban, irraanfatamanii hin hafan, abdiin warra gadadamoos bara baraan hin badu.
Faarfannaa 10:2
2Warri jal'oonni of bokoksanii warra rakkatoo sardanii in ari'u; isaan yaada namatti qopheessanii fidaniin ofii isaaniitii haa qabaman.
Faarfannaa 12:5
5Waaqayyo gooftaan immoo, “Warri jara gadadamoo irratti humnaan ka'an waan jiraniif, warri wanta barbaachisaa dhabanis waan aadaniif, amma ani ka'uufan jedha, gargaarsa isaan hawwanis akka argatan nan godhaaf” in jedha.
Faarfannaa 14:6
6isin akeeka nama gadadamaa isa harkaa in gattu; inni garuu Waaqayyotti kooluu galeera.
Faarfannaa 34:6
6Namichi gadadamaan kun yommuu iyyate, Waaqayyo isaaf dhaga'ee, rakkina isaa hundumaa keessaas isa in oolche.
Faarfannaa 35:10
10garaa koo guutuudhaan, “Ati isa gadadamaa nama isa caalaa jabaatu harkaa, isa gad qabamaa fi isa wanta barbaachisaa dhabes, nama isa saamu harkaa in baafta; yaa Waaqayyo, kan akka keetii eenyu ree?” nan jedha.
Faarfannaa 109:31
31Innoo harka warra lubbuu isaatti faradanii isa oolchuudhaaf, mirga nama dhabaa in dhaabata.