1Gowwoonni garaa isaaniitti, “Waaqayyo hin jiru” in jedhu; isaan amalli isaanii manca'aa dha, wanta ciiggaasisaa in hojjetu, namni waan gaarii godhu tokko illee hin jiru.
2Ogeessonni Waaqayyoon barbaadan, yoo jiraatan arguudhaaf, Waaqayyo bantii waaqaa keessaa, ilmaan namootaa gad in ilaala;
3hundinuu karaa irraa goraniiru, hundinuus wal ga'anii manca'aniiru, namni gaarii godhu tokko illee hin jiru, lakkii, tokko iyyuu hin jiru.
4Warri hamaa hojjetan hundinuu homaa hin hubatanii ree” Warri akkuma buddeena nyaatan saba koo nyaatanis, Waaqayyoon hin waammatanii ree”
5Kunoo, isaan sun naasuu guddaatti in kufu, Waaqayyo dhaloota qajeelaa wajjin jira'o;
6isin akeeka nama gadadamaa isa harkaa in gattu; inni garuu Waaqayyotti kooluu galeera.
7Xiyoon keessaa Israa'eliif fureen utuma ba'ee! Yeroo Waaqayyo saba isaatiif adda kennuuf, Yaaqoob in burraaqa, Israa'elis in gammada.