Yesus

28 Lakkoofsota25Afaan Oromoo

Maarqos 10:27

27Yesus immoo gara isaanii ilaalee, ?Namootaaf hin danda'amu, Waaqayyoof garuu akkas miti; Waaqayyoof wanti hundinuu in danda'ama? jedhe.

Ibraa'oota 12:2

2Yesus isa amantii keenya jalqabee fiixaan baasu sanattii ija hin buqqifannu. Inni gammachuu fuula isaa dura jiru sanaaf jedhee, fannoo irratti du'uu isaatiif yeelloo isa irra ga'e homaatti utuu hin lakkaa'in, obsaan fannoo irratti du'uu in danda'e; ergasiis gara mirga teessoo Waaqayyoo taa'e.

Yohaannis 11:40

40Kana irratti Yesus, ?Yoo amante ulfina Waaqayyoo akka argitu, ani sitti hin himnee ree?? isheedhaan jedhe.

1ffaa Yohaannis 4:15

15Namni Yesus ilma Waaqayyoo ta'uu isaa amanee yoo beeksise, Waaqayyo isa keessa, innis Waaqayyo keessa in jiraata.

Filiphisiyus 2:5

5Yaada garaa isa Kristos Yesus qaba ture qabaadhaa!

Yohaannis 10:28-30

28Ani jireenya bara baraa isaaniif nan kenna, isaan bara baraan hin badan, namni tokko illee harka koo keessaa isaan hin butatu.

29Abbaan koo inni anatti isaan kenne, hundumaa irra guddaa dha; homtinuus harka abbaa koo keessaa isaan butachuu hin danda'u.

30Abbaanii fi ani tokko? isaaniin jedhe.

Maatewos 18:20

20Iddoo namoonni lama yookiis sadii maqaa kootiin walitti qabamanitti, ani achitti isaan gidduutti nan argama? jedhe.

Isaayaas 53:5

5Inni garuu balleessaa keenyaaf in waraaname, sababii yakka keenyaafis reebamee in caccabsame; nuyi nagaa akka argannuuf inni in adabame, madaa'uu isaatiinis fayyinni nuuf in argame;

Luqaas 18:27

27inni immoo, ?Namaaf kan hin danda'amne, Waaqayyoof in danda'ama? jedhee deebiseef.

Hojii Ergamootaa 4:12

12Fayyinnis Yesus Kristos duwwaadhaan malee, kan biraatiin tokko illee hin jiru; maqaan kan biraa, ittiin fayyuun kan nuuf ta'u, waaqa jalaa ilmaan namootaaf hin kennamne? jedhe.

1ffaa Yohaannis 4:9

9Waaqayyo akka nuyi isaan jireenya argannuuf, tokkicha ilma isaa gara biyya lafaatti erge; kanaan jaalalli Waaqayyoo nu gidduutti in mul'ate.

1ffaa Qorontos 15:57

57Waaqayyo isa karaa gooftaa keenya Yesus Kristos mo'icha nuuf kennuuf immoo galanni haa ta'u.

Yohaannis 15:12

12?Abboommiin koo isa kana; ani akkan isin jaalladhe, isinis wal jaalladhaa!

Maatewos 10:38

38Namni fannoo isaa (isa anaaf jedhee ol fudhatu) baatee ana duukaa hin buune anaaf kan male miti.

Filiphisiyus 4:19

19Waaqayyo koos akka badhaadhummaa isaa isa dinqisiisaatti karaa Kristos Yesus waanuma isin barbaachisu isiniif guutuuf jira.

Fileemoon 1:25

25Ayyaanni gooftaa keenyaa Yesus Kristos hafuura keessanii wajjin haa ta'u.

Efesoona 5:2

2Kristos akkuma nu jaallate, isinis immoo jaalalatti jiraadhaa! Inni aarsaa fooliin isaa tolu, qalma Waaqayyoof dhi'aatus godhee nuuf jedhee dabarsee of kenneera.

Isaayaas 53:4

4Inni garuu dhugumaan dhiphina keenya of irra in kaa'e, muddama keenyas in baate; nuyi garuu akka waan Waaqayyo dha'icha isatti fidee, akka waan inni isa rukutee gad isa deebisettis in lakkoofne.

1ffaa Pheexiroos 3:15

15Kristosiif garuu akka gooftaatti garaa keessan keessatti ulfina addaan ba'e kennaaf! Waa'ee abdii isin keessa jiruuf, nama isin gaafatee, deebii isin irraa barbaaduuf, deebii ga'u deebisuudhaaf yeroo hundumaa qophaa'oo ta'aa!

Mul'ata 22:21

21Ayyaanni gooftaa Yesus hundumaa wajjin haa ta'u!

Qolosaayis 3:15

15Nagaan Kristos, inni isin dhagna tokko ta'uudhaaf itti waamamtan, garaa keessan keessatti haa mo'u; warra galata galchanis ta'aa!

Roomaa 10:9

9Yesus gooftaa akka ta'e afaan keetiin yoo beeksifte, Waaqayyo du'aa akka isa kaase immoo garaa keetti yoo amante fayyina bara baraa in argatta.

Efesoona 2:10

10Nuyi hojii harka isaatii ti, hojii gaarii isa Waaqayyo duraan dursee qopheesse keessa akka deddeebinuuf karaa Kristos Yesus uumamne.

Roomaa 12:4-5

4Nuyi dhagna tokkotti bu'aa dhagnaa baay'ee qabna; bu'aan dhagnaa hundinuu immoo hojii adda addaa qabu.

5Akkasuma nus immoo utuma baay'ee taanee jirruu, Kristositti dhagna tokko; nuyis bu'aa dhagna walii ti.

Yohaannis 13:20

20Dhuguma, dhuguman isinitti hima, namni isa ani erge simatu ana simachuu isaa ti, namni ana simatus isa ana erge simachuu isaa ti? jedhee isaanitti dubbate.