Yaaddoo

22 Lakkoofsota18Afaan Oromoo

Filiphisiyus 4:6-7

6Waan hundumaatti, kadhataa fi himataan galataa wajjin wanti isin barbaachisu Waaqayyo duratti akka beekamu godhaa malee, waanuma tokkotti yaaddoo hin qabaatinaa!

7Nagaan Waaqayyoo inni hubannaa namaa hundumaa irra caalus, karaa Kristos Yesus garaa keessanii fi yaada keessan in eega.

Isaayaas 41:10

10Egaa ani sii wajjin waanan jiruuf hin sodaatin! Ani Waaqayyo kee ti hin na'in! Ani sin jabeessa, ani sin gargaaras; irree qajeelummaa koo isa mirgaatiin ol sin qaba.

1ffaa Pheexiroos 5:7

7Inni isiniif waan yaaduuf, yaaddoo keessan hundumaa Waaqayyotti gataatii dhiisaa!

Maatewos 6:25

25?Kanaafis ani isinittan hima; waa'ee jireenya keessanitti, waan nyaattanii fi [waan dhugdaniif] yookiis dhagna keessaniif waan uffattaniif hin yaadda'inaa! Jireenyi nyaata irra, dhagnis uffata irra guddaa in caala mitii ree?

Maatewos 6:34

34Waa'ee boriifis hin yaadda'inaa, guyyaan borii ofii isaatiif iyyuu in yaadda'atao; rakkinni guyyaa sanaa duwwaan iyyuu guyyichaaf in ga'a? jedhe.

Faarfannaa 94:19

19Yeroo yaaddoon garaa kootti baay'atu, ati na jajjabeessitee lubbuu koo in gammachiifta.

Yohaannis 14:1

1Yesus itti fufee bartoota isaatiin, ?Garaan keessan hin raafamin, Waaqayyotti amanaa, anattis amanaa!

Fakkeenya 12:25

25yaaddoon garaa namaa keessa yoo jiraate, gad nama qaba; dubbii gaariin garuu nama gammachiisa.

Yohaannis 14:27

27Nagaa isin biratti nan hambisa, nagaa koo isiniif nan kenna; ani akka biyyi lafaa kennuttan isiniif kenna miti, garaan keessan hin raafamin, hin sodaatinis!

Faarfannaa 38:9

9Yaa Waaqayyo, wanta ani si biraa argachuu fedhu hundumaa situ beeka, hafuura dheeraa baafachuun koos si duraa hin dhokanne.

Maarqos 13:11

11Isaan dabarsanii isin kennuudhaaf yommuu isin geessan, isa dubbachuuf jirtaniif dura hin yaadda'inaa! Waanuma yeroo sanatti isiniif kennamu dubbadhaa malee; isintu dubbata miti'o, hafuura qulqulluutu dubbata malee.

2ffaa Qorontos 9:8

8Yeroo hundumaa waan isin barbaachisu hundumaa argattanii karaa hundumaa of dandeessanii hojii gaariif iyyuu irraa kan isiniif hafu akka qabaattaniif, Waaqayyo isa isin barbaachisu irra caalchisee isiniif kennuuf danda'aa dha.

Lallaba 1:18

18ogummaa baay'ee keessa aarii guddaatu jira, kan beekumsa dabalatus mataa dhukkubbii dabalata.

Mul'ata 21:3-4

3Yommus ani sagalee guddaa tokko nan dhaga'e; innis teessoo sana biraa, ?Kunoo iddoon Waaqayyo buufatu namoota gidduu dha, inni isaan bira buufachuuf jira, isaanis saba isaa ta'uuf jiru; Waaqayyo ofii isaa isaanii wajjin jiraachuuf jira, Waaqayyo isaaniis ta'uuf jira.

4Inni imimmaan hundumaa ija isaaniittii in haqa; wanti duraa waan darbeef, egaa duuni deebi'ee hin argamu, gadduun, iyyuun, waraansis si'achi hin jiru!? jedhe.

Lallaba 11:10

10Mucummaanii fi dargagummaan waan darbaniif, yaaddoon si irraa haa fagaatu, dhagna kee keessaas dhibeen haa badu!

Iyoob 1:20-21

20Kana irratti Iyoob lafaa ka'ee gadda irraa kan ka'es uffata isaa tarsaasee, mataa isaas haaddatee, lafatti gad gombifamee in sagade.

21Achumaanis, “Qullaa koon garaa haadha kootiitii ba'e, qullaa koos biyyootti nan deebi'a; Waaqayyotu kenne, Waaqayyotu fudhate; maqaan Waaqayyoo haa eebbifamu!” jedhe.

Luqaas 12:22-23

22Ergasii Yesus bartoota isaatiin, ?Kanaafis isinittan hima jireenya keessaniif waan nyaattaniif, yookiis dhagna keessanitti waan uffattaniif hin yaadda'inaa!

23Jireenyi nyaata irra guddaa in caala, dhagnis uffata irra guddaa in caala.

Maatewos 13:22

22Akkuma sanyiin qoraattii keessa bu'e ta'e, akkasuma namni dubbicha in dhaga'a; kana booddees yaaddoon biyya lafaa, gowwoomsaan soorumaa dubbicha in hudha, ija utuu hin godhatinis in hafa.