Yesus Garbicha Fayyisa

10 LakkoofsotaAfaan Oromoo

Luqaas 7:1-10

1Yesus waan dubbachuu fedhe hundumaa erga jara dhageessisee booddee, Qifirnaahomitti gale.

2Naa'oon angafa dhibbaa tokko, kan inni baay'ee mararfatu, duraa dhukkubsatee du'atti dhi'aatee ture.

3Angafichi waa'ee Yesus dhaga'ee, inni dhufee naa'oo isaa akka isaaf oolchuuf maanguddoota Yihudootaa itti ergate.

4Kanaaf isaan gara Yesus dhufanii, jabeessanii isa kadhataniifii, ?Namni kun kana si irraa argachuun in ta'aaf.

5Saba keenya in jaallata, mana sagadaas kan nuuf ijaare isa? jedhaniin.

6Yeroo sanatti Yesus ka'ee maanguddoota sanaa wajjin adeeme. Angafichi garuu Yesus mana isaatti yommuu dhi'aate dhaamsa akka itti himaniif firoota isaa itti ergee, ?Yaa gooftaa of hin dhamaasin, ati bantii mana koo jala lixuun anaaf hin ta'u.

7Kanaafis ani ofii koo si bira dhufuun akka anaaf ta'utti of hin lakkoofne; achumaa dubbii tokkicha duwwaa dubbadhu, naa'oon koos in fayya.

8Anis immoo of irraa nama na abboomu qaba, of jalaas loltuu qaba. Isa tokkoon dhaqi yoon jedhe in dhaqa, isa kaaniinis kottu yoon jedhe in dhufa; naa'oo kootiin kana raawwadhu yoon jedhe in raawwata? jedhe.

9Yesus kana yommuu dhaga'e dinqifatee, namoota isa duukaa jiranitti gara galee, ?Ani Israa'el keessatti illee amantii guddaa akkasii gonkumaa hin argine? jedheen.

10Warri ergamanis mana angafichaatti yommuu deebi'an naa'ichi fayyee eege.