Yesus Dhalateera

20 Lakkoofsota2Afaan Oromoo

Luqaas 2:1-7

1Yeroo sanatti mootummaa warra Roomaa keessa kan jiraatan hundinuu akka caafamaniif, Awugusxos mooticha biraa abboommiin ba'e.

2Caafamuun namaa kun isa jalqabaa ture; innis bara Qereenewos Soriyaatti abbaa biyyaa turetti ta'e.

3Kanaaf namni hundinuu adduma addaan of caafsisuudhaaf gara mandara kutaa biyya itti dhalatee dhaqe.

4Yoseef sanyii mooticha Daawit keessaa waan tureef, Galiilaadhaa mandara Naazireetii ba'ee, Yihudaa keessaa Betlihem mandara Daawit ga'e.

5Kaadhima isaa Maariyaamii wajjin caafamuudhaaf dhaqe; isheen immoo ulfa turte.

6Betlihem utuu jiraniis, yeroon Maariyaam itti deessu ga'e;

7angafa ilma ishee deessee, lafa bultii kara-deemtuutii iddoo hin arganne waan turaniif, wayyaa itti martee, siree horiin keessaa nyaatu irra ciibsite.

Luqaas 2:8-20

8Tiksoonni tokko immoo naanna'aa sanaa bakkeetti halkan darabee dammaqanii, hoolota isaanii in eegu turan.

9Ergamaan Waaqayyoo dingata isaan dura dhaabatee, ifni surraa gooftichaas naannoo isaaniitti ibse; kana irratti isaan na'anii, guddaa sodaatan.

10Ergamichi garuu, ?Hin sodaatinaa! Kunoo ani misraachoo gammachuu guddaa isinittan hima'o, kunis saba hundumaaf kan ta'uu dha.

11Har'a mandara Daawititti fayyisaan isiniif dhalateera; inni immoo Kristos goofticha.

12Milikkinni isaa immoo kana, mucaa wayyaan itti maramee siree horiin keessaa nyaatu irra ciisu in argitu? isaaniin jedhe.

13Achumaanis kutata ergamoota Waaqayyoo keessaa baay'een ergamicha kanaa wajjin turan.

14Isaan immoo, ?Hooqubaan Waaqayyoof waaqa gubbaatti, nagaanis namoota Waaqayyo itti gammaduuf, lafa irratti? jedhanii Waaqayyoon in faarfatu turan.

15Ergamoonni Waaqayyoo isaan biraa deebi'anii gara waaqaatti erga ol ba'anii tiksoonni, ?Kottaa Betlihem in dhaqna, dubbii achitti ta'e, Waaqayyo nutti beeksise kanas in ilaalla? waliin jedhan.

16Ariifachaa yommuu dhaqan Maariyaamii fi Yoseefin, mucichas, siree horiin keessaa nyaatu irra ciisee argatan.

17Tiksoonni sun mucicha yommuu argan, waan ergamoonni Waaqayyoo waa'ee isaaf isaanitti himan hundumaa mul'isan.

18Warri dhaga'an hundinuu immoo waan tiksoonni isaanitti himanitti baay'ee dinqifatan.

19Maariyaam garuu dubbii kana hundumaa garaatti qabattee, itti yaaddi turte.

20Tiksoonni sun, isa ergamoonni Waaqayyoo itti himan hundumaa dhaga'anii, akkuma itti dubbatametti ija isaaniitiin waan arganiif, Waaqayyoof hooqubaa dhi'eessaa galateeffachaas gara iddoo isaaniitti deebi'an.