Yaaqoob gara Gibxii dhufe

7 LakkoofsotaAfaan Oromoo

Seensa 46:1-7

1Kana irratti Israa'el waan qabu hundumaa fudhatee ka'ee, Bersheebaa dhufee, Waaqayyo isa kan Yisihaq abbaa isaatiif aarsaa qalmaa in dhi'eesse.

2Waaqayyo mul'ata halkaniitti Israa'elitti,“Yaaqoob, Yaaqoob!” jedhee dubbate; inni immoo,“Kunoo asan jira” jedhe.

3Gooftaan,“Ani Waaqayyo, Waaqayyo isa kan abbaa keetii ti; ani achitti saba guddaa akka ati taatu waanan godhuuf, biyya Gibxiitti gad bu'uu hin sodaatin!

4Ani sii wajjin biyya Gibxiitti gad nan bu'a, deebisees ol sin fida; yommuu ati duutu Yoseef ija kee walitti siif in qaba” jedhe.

5Yaaqoob Bersheebaadhaa in ka'e; ilmaan Israa'elis Yaaqoobin abbaa isaanii, ijoollota isaanii, dubartoota isaaniis konkolaattota ittiin akka dhufaniif mootiin Gibxii ergeef in yaabsisan;

6Yaaqoobiif sanyiin isaa hundinuu walii wajjin horii horatan, qabeenya biyya Kana'aanitti argatan hundumaas fudhatanii gara biyya Gibxii in dhaqan.

7Yaaqoob akkasitti ilmaan isaa, ilmaan ilmaan isaa, intaloota isaa, intaloota ilmaan isaa, sanyii isaa hundumaas fidee biyya Gibxii in dhufe.