Yesus Du'e

16 Lakkoofsota2Afaan Oromoo

Maarqos 15:37-41

37Yesus sagalee guddaa isaa dhageessisee hafuurri isaa keessaa yaa'e.

38Yeroo sanatti golgaan mana qulqullummaa olii hamma gadiitti iddoo lamatti tarsa'e.

39Angafni dhibbaa inni gara Yesusitti gara galee dhaabatu akkasitti hafuurri isaa isa keessaa yaa'uu isaa yommuu hubate, ?Namni kun dhuguma ilma Waaqayyoo ture? jedhe.

40Dubartoonni halaala dhaabatanii in ilaalan; isaan keessas Maariyaam ishee Magdalaa, Maariyaam haadha Yaaqoob isa quxisuu, kan Yosees, Salomees turan.

41Isaan warra yommuu inni Galiilaa ture isa duukaa bu'anii isaaf hojjetan; kan biraa dubartoonni baay'eenis immoo isaa wajjin Yerusaalemitti kan ol ba'an achitti argamaniiru.

Maarqos 16:1-11

1Sanbanni erga darbee, Maariyaam isheen Magdalaa, Maariyaam haati Yaaqoob, Salomeenis dhaqanii dhagna Yesus dibuudhaaf urgooftuu bitan.

2Jalqaba torbanii, [gaafa Sanbata guddaa], ganama barii ka'anii akkuma aduun baateen awwaalicha bira ga'an.

3Karaatti immoo, ?Eenyutu dhagicha balbala awwaalichaattii nuuf gara galcha?? waliin jechaa turan.

4Dhagichi baay'ee guddaa ture; itti hiiqanii yommuu ilaalan immoo dhagichi balbala awwaalichaattii gara galfamee argan.

5Awwaalichatti akkuma ol lixaniin dargaggeessa tokko, uffata gad dheeraa adii uffatee bukkee gara mirgaatiin taa'ee argan; isaan yommus na'anii in dinqifatan.

6Inni immoo, ?Naatanii hin dinqifatinaa! Isin Yesus nama Naazireet isa fannifamee ture barbaaddu; innoo ka'eera, as hin jiru, ilaa, iddoo isaan isa ciibsanii turan iyyuu!

7Garuu dhaqaa! Bartoota isaatti Phexrosittis, ?Inni isin dura Galiilaa in dhaqa, akkuma isinitti himes achitti isa in argitu? jedhaatii himaa!? isaaniin jedhe.

8Isaan rom'anii of wallaalanii waan turaniif, achi keessaa ba'anii awwaalicha biraa baqatan; waan sodaataniifis nama tokkotti iyyuu waa hin himne.

9Yesus jalqaba torbanii, [guyyaa Sanbata guddaa] ganama barii yommuu du'aa ka'e, dura Maariyaam ishee Magdalaatti mul'ate; Maariyaam kun ishee inni hafuurota hamoota torba keessaa baasee turee dha.

10Isheen gara warra isaa wajjin turanii, gadduu fi boo'uutti jiranii, dhaqxee kana isaanitti himte.

11Isaan garuu akka inni jiraataa ta'e, akka isheen isa argites, yommuu ishee irraa dhaga'an kana hin amanne.