Yesus Bishaan Irra Deema

12 LakkoofsotaAfaan Oromoo

Maatewos 14:22-33

22Yesus hamma ofii isaatii tuuta sana gad dhiisutti, bidiruu yaabbatanii isa dura gamatti akka ce'aniif bartoota isaa in giddisiise.

23Tuuta sana erga gad dhiisee booddees, kophaa isaatti kadhachuudhaaf gara gaaraatti ol ba'e; yommuu galgalaa'es kophaa isaa achi ture.

24Bidirichi garuu yeroo kana qarqara irraa baay'ee fagaate; sababii qilleensi fuula duraan itti qilleensa'uufis dha'aa bishaaniitiin asii fi achi daddarbatamaa ture.

25Halkan keessaa gara iyya indaanqoo isa lammaffaattis Yesus bishaan gubbaa adeemaa gara isaanii dhufe.

26Bartoonni garuu bishaan irra utuu inni adeemuu arganii baay'ee na'anii, ?Innoo ekeraa dha? jechaa, sodaachuu isaanii irraa kan ka'e iyyan.

27Yesus immoo achumaan isaanitti dubbatee, ?Jabaadhaa, innoo anaa, hin sodaatinaa!? jedhe.

28Phexros deebisee, ?Gooftaa! Si erga ta'ee, bishaan irra gara kee akkan dhufu na abboomi!? jedheen.

29Inni immoo, ?Kottu!? jedhe; yommus Phexros bidiricha keessaa ba'ee bishaan gubbaa gara Yesusitti adeemuutti ka'e.

30Qilleensi jabaan sun yeroo isatti dhaga'ame garuu in sodaate; gad liqimfamuu jalqabnaanis iyyee, ?Gooftaa! Na oolchi!? jedhe.

31Yesus achumaan harka isaa hiixatee isa qabee, ?Yaa namicha amantii hir'uu! Maaliif mamte?? jedheen.

32Yeroo isaan bidiruu yaabbatanitti qilleensichi in dhaabate.

33Kana irratti warri bidiricha keessaa Yesusiif sagadanii, ?Ati dhuguma ilma Waaqayyoo ti!? jedhaniin.